Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Maatewos 11:28-30—“Gara Koo Kottaa, Ani Boqonnaa Isiniif Nan Kenna”

Maatewos 11:28-30—“Gara Koo Kottaa, Ani Boqonnaa Isiniif Nan Kenna”

 “Isin warri dadhabdanii fi baʼaan isinitti ulfaate hundi gara koo kottaa, ani boqonnaa isiniif nan kenna. Waanjoo koo baadhaa, ana irraas baradhaa; sababiin isaas, ani garraamii fi kanan gad of qabu dha; ofii keessaniifis boqonnaa ni argattu. Waanjoon koo nama hin quuqu, baʼaan koos salphaa dha.”—Maatewos 11:28-30, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Yesus itti fufee, “Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, baʼaanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna. Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu. Waanjoon koo nama hin dhibu, baʼaan [namni anaaf jedhee baatus] salphaa dha jedhe.”—Maatewos 11:28-30, Hiika Bara 1997.

Hiika Maatewos 11:28-30

 Yesuus dhaggeeffattoonni isaa gara isaa akka dhufan miira hoʼaadhaan isaan affeereera. Barumsa isaa yoo fudhatan gammachuu fi boqonnaa akka argatan isaaniif mirkaneesseera.

 “Isin warri dadhabdanii fi baʼaan isinitti ulfaate hundi gara koo kottaa.” Yesuus affeerraa kana kan dhiheesse namoota qajeelfamootaa fi barsiifata aadaa geggeessitoonni amantaa isaanii akka isaan hordofan baasaniin kan kaʼe “baʼaan isinitti ulfaate[ef]” ture. (Maatewos 23:4; Maarqos 7:7) Akkasumas namoonni hedduun wanta ittiin jiraatan argachuuf saʼaatii dheeraadhaaf hojii ulfaataa waan hojjetaniif waanjoo dhiphinaa fi dadhabii jala turan.

 “Ani boqonnaa isiniif nan kenna.” Yesuus namoota affeerraa isaa fudhataniif boqonnaa akka kennu waadaa galeera. Akkas kan godhes wanta Waaqayyo dhugumaan isaan irraa barbaadu maal akka taʼe akka hubatan isaan gargaaruudhaani dha. (Maatewos 7:24, 25) Beekumsi isaan argatan kun yaada sobaa fi barsiifata aadaa hacuuccaa isaan irraan gaʼu jalaa bilisa isaan baasa. (Yohaannis 8:31, 32) Wanta Yesuus barsiisu barachuu fi hojii irra oolchuun carraaqqii gochuu gaafata; taʼus akkana gochuun boqonnaa argamsiisa ture.

 “Waanjoo koo baadhaa, ana irraas baradhaa.” Bara duriitti hojjettoonni baʼaa ulfaataa baachuuf waanjoo muka irraa hojjetame gatiittii irra kaaʼatu turan. Kanaafuu jechi “waanjoo” jedhu aangoo fi qajeelfama nama kan biraa jala taʼuu kan argisiisu dha. (Leewwota 26:13; Isaayyaas 14:25; Ermiyaas 28:4) Jechi “ana irraa baradhaa” jedhu “barattoota koo taʼaa” jedhamees hiikameera. Kanaafuu Yesuus dhaggeeffattoonni isaa isa duukaa akka buʼanii fi fakkeenya isaa hordofuudhaan barattoota isaa akka taʼan isaan jajjabeessuu isaa ture.—Yohaannis 13:13-15; 1 Pheexiros 2:21.

 “Ofii keessaniifis boqonnaa ni argattu.” Yesuus rakkoowwan hundi battalumatti akka hafan waadaa hin galle. Haa taʼu malee dhaggeeffattoonni isaa jajjabinaa fi abdii akka argatan isan gargaaree ture. (Maatewos 6:25-32; 10:29-31) Namoonni barattoota Yesuus taʼanii fi barumsa isaa fudhatan Waaqayyoon tajaajiluun baʼaa utuu hin taʼin gammachuu dhugaa akka argamsiisu hubataniiru.—1 Yohaannis 5:3.

 “Waanjoon koo nama hin quuqu, baʼaan koos salphaa dha.” Geggeessitoota amantaa bara isaatti turan irraa haala adda taʼeen Yesuus kan gad of qabuu fi garraamii ture. (Yohaannis 7:47-49) Inni matumaa hamaa ykn gara jabeessa hin turre. Kanaa mannaa garraamii fi salphaatti kan itti dhihaatamu ture. Yesuus wanta duuka buutota isaa irraa eegun sababa qabeessa ture. (Maatewos 7:12; Maarqos 6:34; Luqaas 9:11) Akkasumas araara Waaqayyoo irraa faayidaa argachuudhaan boqonnaa qalbii gaarii qabaachuun argamsiisu argachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe isaan barsiiseera. (Maatewos 5:23, 24; 6:14) Amalawwan Yesuus baayʼee gaarii taʼan namoota gara isaatti harkisuu qofa utuu hin taʼin waanjoo isaa fudhachuu fi duuka buutota isaa taʼuuf isaan kakaaseera.

Yaada naannoo Maatewos 11:28-30​tti argamu

 Yesuus yaada Maatewos 11:28-30 irratti argamu kan dubbate Dh.K.B. bara 31​tti duula lallabaa Galiilaa keessatti yommuu gochaa turetti dha. Affeerraa Yesuus dhiheesse kana kan galmeesse Maatewos isa barreessaa Wangeelaa taʼe qofa dha. Maatewos qaraxa sassaabduu fi Yihudii kan ture yommuu taʼu namoonni hedduun, warra Roomaa qaraxa kaffalchiisaniin qofa utuu hin taʼin sirna amantaa malaanmaltummaadhaan mancaʼeen hacuuccaa isaanirra gaʼaa ture argeera. Kanaafuu Yesuus aboo Yihowaa a Abbaa isaa irraa argatetti fayyadamee namoota gad of qaboo taʼan yommuu affeeru arguun isaa akka isa jajjabeesse homaa hin shakkisiisu.—Maatewos 11:25-27.

 Wangeelli Maatewos amalawwan guguddaa Yesuus Masiihicha abdachiifame taʼuudhaan argisiisee fi bulchaa Mootummaa Waaqayyoo isa gara fuulduraa taʼuudhaan raawwatu ibsa.—Maatewos 1:20-23; Isaayyaas 11:1-5.

 Waaʼee Wangeela Maatewos gabaabaadhumatti hubachuudhaaf, viidiyoo gabaabaa kana ilaali.

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo ti. (Faarfannaa 83:18) Mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhus ilaali.