Wangeela Maatewos 23:1-39

  • Fakkeenya barsiisota seeraa fi Fariisotaa hin hordofinaa (1-12)

  • Barsiisota seeraa fi Fariisotaaf wayyoo (13-36)

  • Yesuus Yerusaalemiif gadde (37-39)

23  Sana booda Yesuus akkana jedhee uummatichaa fi barattoota isaatti dubbate:  “Barsiisonni seeraa fi Fariisonni barcuma Musee irra of kaaʼaniiru.  Kanaafuu, wanta isaan isinitti himan hunda hojii irra oolchaa, akkasumas eegaa; haa taʼu malee, isaan wanta dubbatan hojii irra waan hin oolchineef, wanta isaan godhan hin godhinaa.+  Isaan baʼaa ulfaataa hidhanii gateettii namootaa irra kaaʼu;+ ofii isaaniitiif garuu quba isaaniitiin tuquu illee hin barbaadan.+  Isaan wanta hojjetan hunda namootatti of argisiisuuf+ hojjetu; kudhaama* guguddaa kaaʼatu;+ foʼaa fiixee uffata isaaniis ni dheereffatu.+  Affeerraa irbaataa irratti bakka filatamaa taaʼuu, mana sagadaa keessatti fuuldura* taaʼuu,+  akkasumas iddoo gabaatti nagaa gaafatamuu fi ‘Rabbii’* jedhamanii waamamuu jaallatu.  Isin garuu Barsiisaan keessan+ tokko qofa waan taʼeef, ‘Rabbii’ jedhamtanii hin waamaminaa; isin hundi keessan obbolaa dha.  Kana malees, Abbaan keessan+ tokkicha isa samii qofa waan taʼeef, lafa irratti eenyuun iyyuu ‘abbaa’ jettanii hin waaminaa. 10  Geggeessaan keessanis tokko, innis Kiristoos qofa waan taʼeef, ‘geggeessaa’ jedhamtanii hin waamaminaa. 11  Haa taʼu malee, isin keessaa inni hunda irra caalu tajaajilaa keessan haa taʼu.+ 12  Namni ol of qabu kam iyyuu gad ni qabama,+ namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol ni qabama.+ 13  “Barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin balbala Mootummaa samii namootatti cuftu; ofii keessanii itti hin galtan, warra itti galuuf dhufanis ni dhowwitu.+ 14 * —— 15  “Barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessitoota+ nana, isiniif wayyoo! Isin namni tokko amantii Yihudii akka fudhatu gochuuf galaanaa fi lafa gogaa irra joortu; namichi yommuu amanticha fudhatus isin caalaa dachaa lama nama Gahaannamiif* malu akka taʼu isa gootu. 16  “Geggeessitoota jaamota+ nana, isiniif wayyoo! Isin, ‘Namni tokko mana qulqullummaatiin yoo kakate homaa miti; warqii mana qulqullummaa keessa jiruun yoo kakate garuu kakaa isaa raawwachuuf dirqamni isa irra jira’+ jettu. 17  Gowwootaa fi jaamota nana! Warqii sana moo mana qulqullummaa isa warqii sana qulqulleessetu caala? 18  Kana malees, ‘Namni tokko iddoo aarsaatiin yoo kakate homaa miti; kennaa iddoo aarsaa irra jiruun yoo kakate garuu, kakaa isaa raawwachuuf dirqamni isa irra jira’ jettu. 19  Jaamota nana! Kennaa sana moo iddoo aarsaa isa kennaa sana qulqulleessetu caala? 20  Kanaafuu, namni iddoo aarsaatiin kakatu kam iyyuu, iddoo aarsaa sanaa fi wantoota isa irra jiran hundumaatiin kakata; 21  namni mana qulqullummaatiin kakatu kam iyyuu, mana qulqullummaa sanaa fi isa achi jiraatu+ sanaan kakata; 22  akkasumas namni samiidhaan kakatu kam iyyuu, teessoo Waaqayyoo fi isa teessoo sana irra taaʼuun kakata. 23  “Barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Sababiin isaas, kefoo, inchilaalaa fi kamuunii keessaa kurnoo ni kennitu;+ garuu wantoota Seericha keessatti caalaatti barbaachisoo taʼan, jechuunis haqa,+ gara laafinaa+ fi amanamummaa akka laayyootti ilaaltu. Wantoota kana gochuun barbaachisaa taʼus, wantoota kaan akka laayyootti ilaaluu hin qabdan turtan.+ 24  Geggeessitoota jaamota+ nana, isin bookee+ calaltanii baastu, gaala+ garuu ni liqimsitu! 25  “Barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin kubbaayyaa fi saanii ala isaa ni qulqulleessitu;+ keessi isaa garuu sassataa*+ fi ofittummaadhaan kan guutame dha.+ 26  Fariisicha jaamaa nana, dura kubbaayyaa fi saanii sana keessa isaa qulqulleessi; sana booda alli isaas qulqulluu ni taʼa. 27  “Barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessitoota nana,+ isiniif wayyoo! Isin awwaala nooraa dibamee+ alli isaa bareeduu fi keessi isaa garuu lafee namoota duʼanii fi xuraaʼummaa akaakuu hundumaatiin guutame fakkaattu. 28  Alaan qajeelota fakkaattanii namootatti mulʼattu; keessi keessan garuu fakkeessaa fi hamminaan kan guutame dha.+ 29  “Barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessitoota+ nana, isiniif wayyoo! Isin awwaala raajotaa ni ijaartu; awwaala* qajeelotaas ni miidhagsitu;+ 30  akkasumas, ‘Bara abbootii keenyaatti utuu jiraanneerra taʼee, dhiiga raajotaa dhangalaasuu irratti isaanii wajjin hin hirmaannu turre’ jettu. 31  Kanaafuu, isin ilmaan warra raajota ajjeesan sanaa taʼuu keessan of irratti ragaa baʼaa jirtu.+ 32  Egaa, hojii abbootiin keessan jalqaban fiixaan baasaa.* 33  “Bofootaa fi ilmaan buutii nana,+ isin murtii Gahaannam*+ irraa akkamitti ooluu dandeessu? 34  Kanaan kan kaʼes, ani raajota,+ namoota ogeeyyii fi barsiisota sabaa+ isinitti nan erga. Isinis isaan keessaa tokko tokko ni ajjeestu,+ tokko tokko muka irratti fannistu, tokko tokko immoo manneen sagadaa keessan keessatti garaftu,+ akkasumas magaalaa isa tokkoo gara magaalaa isa kan biraatti ariʼattu;+ 35  kanaafuu, dhiiga Abeel nama qajeelaa+ sana irraa jalqabee hamma dhiiga Zakkaariyaas ilma Baaraakiyaa, isa mana qulqullummaa fi iddoo aarsaa gidduutti+ ajjeestaniitti, dhiiga namoota qajeeloo lafa irratti dhangalaʼe hundumaatiif itti gaafatamtu. 36  Dhuguman isiniin jedha, wantoonni kun hundi dhaloota kana irra ni gaʼu. 37  “Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, raajota kan ajjeestu, warra gara keetti ergamanis dhagaadhaan kan tumtu,+ akkuma lukkuun cuucota ishii qoochoo* ishii jalatti walitti qabdu ijoollee kee siʼa meeqan walitti qabuu barbaade! Isin garuu hin barbaanne.+ 38  Kunoo, manni keessan isiniif ni dhiifama.*+ 39  Ani isiniin nan jedha, ‘Inni maqaa Yihowaatiin* dhufu eebbifamaa dha’+ hanga jettanitti, ammaa jalqabee matumaa ana hin argitan.”

Miiljaleewwan

Boorsaa xinnoo kutaa Seerichaa arfan qabatee fi Yihudoonni dhiirota taʼan adda isaanii fi harka bitaa irratti hidhatan.
Ykn., “iddoo baʼeessa.”
Ykn., “Barsiisaa.”
Ykn., “saamichaa.”
Ykn., “awwaala yaadannoo.”
Kal., “safara abbootii keessanii guutaa.”
Ykn., “goflaa.”
Ykn tarii, “onee isiniif hafa.”