Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Ermiyaas 29:11—“Yaada Ani Isiniif Yaade Anuma Duwwaatu Beeka”

Ermiyaas 29:11—“Yaada Ani Isiniif Yaade Anuma Duwwaatu Beeka”

 “Yaada ani isiniif yaade anuma duwwaatu beeka; innis yaada nagaa fi yaada wanta isin gara fuula duraatti eeggattan isiniif raawwachuu ti malee, yaada isin balleessu miti.”—Ermiyaas 29:11.

Hiika Ermiyaas 29:11

 Yihowaan tajaajiltoonni isaa gara fuulduraatti jireenya nageenya qabu akka jiraatan waadaa isaaniif galeera. Jechoonni kunneen namoota bara duriitti turaniif kan barreeffaman taʼanis, amma iyyuu yaada Waaqayyo nuuf qabu kan ibsani dha. Inni ‘Waaqa abdii kennu’ dha. (Roomaa 15:13) Waadaawwan akkasii Kitaaba Qulqulluu keessatti akka galmeeffaman kan godhe, gara fuulduraatti jireenya gaarii jiraachuuf “abdii qabaachuu akka dandeenyuuf” jedhee ti.—Roomaa 15:4.

Yaada naannoo Ermiyaas 29:11⁠tti argamu

 Jechoonni kunneen kutaa xalayaa Israaʼelota Yerusaalemii gara Baabilonitti boojuudhaan geeffamaniif ergamee turan. a (Ermiyaas 29:1) Waaqayyo isaan yeroo dheeraadhaaf boojuudhaan akka turanii fi mana akka ijaarratan, lafa akka qotatanii fi maatii akka hundeessan isaanitti himee ture. (Ermiyaas 29:4-9) Haa taʼu malee Waaqayyo itti dabaluudhaan akkana jedheera: “Akkuman dur dubbadhee ture waggaa torbaatama mootii Baabiloniif erga hojjettanii booddee isin nan yaadadha, akkuman dur isin abdachiisee tures gara [Yerusaalemitti] isin nan deebisa.” (Ermiyaas 29:10) Kanaafuu Waaqayyo akka isaan hin irraanfannee fi abdii inni gara biyya isaanitti akka isaan deebisu kenne akka raawwatamu isaaniif mirkaneesseera.—Ermiyaas 31:16, 17.

 Waaqayyo waadaa Israaʼelootaaf gale raawwateera. Akkuma raajiidhaan dubbatee ture, Baabilon Qiiros Mooticha isa Mootii Faares taʼeen injifatamteetti. (Isaayyaas 45:1, 2; Ermiyaas 51:30-32) Sana booda, Qiiros Yihudoonni biyya isaaniitti akka deebiʼan isaaniif heyyame. Waggaa 70f boojuudhaan erga jiraatanii booda gara Yerusaalemitti deebiʼan.—2 Seenaa 36:20-23; Izraa 3:1.

 Abdiin Ermiyaas 29:11 irratti kenname raawwatamuun isaa namoota yeroo ammaatti Waaqayyoon abdiidhaan eeggataniif wabii taʼa. Abdiiwwan kunneen nagaa guutummaa lafaa irratti karaa Mootummaa Waaqayyoo isa Kiristoos Yesuusiin bulu jalatti argamu kan dabalatani dha.—Faarfannaa 37:10, 11, 29; Isaayyaas 55:11; Maatewos 6:10.

Ilaalcha dogoggoraa Ermiyaas 29:11

 Ilaalcha dogoggoraa: Waaqayyo tokkoo tokkoon namaatiif akeeka qaba.

 Dhugaa: Waaqayyo namoonni daandii irra deeman ofuma isaaniitiin akka filatan isaaniif heyyameera. Yaada Ermiyaas 29:11 irra jiru kan dubbate akka gareetti Israaʼelota Baabilon keessa turaniifi; yaanni inni akka gareetti isaaniif qabu nagaa akka qabaatani dha. (Ermiyaas 29:4) Haa taʼu malee, Waaqayyo namni hundi dhuunfaatti abdii isaa irraa fayyadamuuf ykn dhiisuuf murtoo mataa isaa akka godhu heyyameera. (Keessa Deebii 30:19, 20; Ermiyaas 29:32) Namoonni Waaqayyoon barbaaduuf filatan garaa qulqulluudhaan isa kadhachuudhaan argisiisu.—Ermiyaas 29:12, 13.

 Ilaalcha dogoggoraa: Waaqayyo tajaajiltoota isaatiif qabeenya kennuudhaan isaan sooromsa.

 Dhugaa: Jechi “badhaadhina” jedhuu fi Kitaabota Qulqulluu tokko tokko irratti Ermiyaas 29:11 irratti argamu, jecha Afaan Ibrootaa “nagaa, fayyaa fi nageenya” hiika jedhu qabu irraa kan dhufe dha. Yaanni naannoo caqasichaa jiru akka argisiisutti, Waaqayyo Israaʼelota boojuudhaa deebiʼaniif qabeenya utuu hin taʼin nagaa fi jireenya gaarii akka kennu waadaa galuu isaa hubanna. Kunis sabichi jiraachuu isaa akka itti fufuu fi gaaf tokko gara Yerusaalemitti akka deebiʼu argisiisa.—Ermiyaas 29:4-10.

a Ermiyaas 29:11 ilaalchisee kitaabni The Expositor’s Bible Commentary jedhamu akkana jedheera: “Kun abdii dinqisiisaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame keessaa tokko siʼa taʼu, gara laafina guddaa Yaahween [Yihowaan] boojiʼamtoota kanaaf qabu ibsa; akkasumas dhuma irratti ilaalcha sirrii fi abdii akka qabaatan sababa qabatamaa isaaniif kenna.”—Jildii 7, fuula 360.