Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

alfa27/stock.adobe.com

DUULA AYYAANA YAADANNOO

Yesuus Yakka ni Balleessa

Yesuus Yakka ni Balleessa

 Yesuus yakkaa fi jalʼinni haqaa waan isarra gaʼeef dhiphinni maal akka taʼe sirriitti beeka. Sobaan himatameera, seeraan ala reebameera, karaa sirrii hin taaneen himatameera, jalʼinaan itti murteeffameera, akkasumas gara jabinaan ajjeefameera. Balleessaa kan hin qabne taʼus, fedhii fi karaa ofittummaa irraa walaba taʼeen “lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii” gochuudhaan aarsaa godhee dhiheesseera. (Maatewos 20:28; Yohaannis 15:13) Amma Mootii Mootummaa Waaqayyoo waan taʼeef, dhiheenyatti yakka bara baraaf balleessuudhaan guutummaa lafaa irratti haqni akka jiraatu godha.—Isaayyaas 42:3.

 Kitaabni Qulqulluun Yesuus tarkaanfii erga fudhatee booda haalli addunyaa maal akka fakkaatu yeroo ibsu akkana jedha:

  •   “Namoonni hamoon hin jiraatan; bakka isaan turan ni ilaalta, isaan garuu achitti hin argaman. Garraamonni garuu lafa ni dhaalu, nagaa hedduu argataniis baayʼee ni gammadu.”—Faarfannaa 37:10, 11.

 Maarree dinqisiifannaa wanta Yesuus nuuf godhee fi gara fuulduraatti nuuf godhuuf qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Akkuma Luqaas 22:19 irratti ibsame, Yesuus duuka buutonni isaa duʼa isaa akka yaadatan isaanitti himeera. Dhugaa Baatonni Yihowaa waggaa waggaadhaan duʼa isaa yaadachuuf kan walitti qabaman kanaafi. Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuus Dilbata, Bitootessa 24, 2024 kabajamu irratti nu wajjin akka argamtu kabajaan isin affeerra.

Bakka Ayyaanni Yaadannoo Itti Kabajamu Argadhu