Wangeela Yohaannis 15:1-27

  • Fakkeenya muka wayinii isa dhugaa (1-10)

  • Ajaja jaalala akka Kiristoos argisiisuu ilaalchisee kenname (11-17)

    • Jaalalli kana caalu hin jiru (13)

  • Addunyaan barattoota Yesuus ni jibba (18-27)

15  “Ani muka wayinii isa dhugaa ti, kan dhaabe immoo Abbaa koo ti.  Inni, damee utuu ana irra jiruu firii hin godhanne hunda ni mura; damee firii godhatu hunda immoo firii hedduu akka godhatuuf ni qulqulleessa.+  Dubbii ani isinitti himeen kan kaʼe, isin ammuma iyyuu qulqulluu dha.+  Anaa wajjin tokkummaadhaan jiraadhaa, anis isinii wajjin tokkummaadhaan nan jiraadha. Akkuma dameen tokko muka wayiniitti maxxanee yoo jiraate malee ofuma isaatiin firii godhachuu hin dandeenye, isinis anaa wajjin tokkummaadhaan yoo jiraattan malee firii godhachuu hin dandeessan.+  Ani muka wayinii ti; isin immoo dameewwan isaa ti. Namni anaa wajjin tokkummaadhaan jiraatuu fi anis isaa wajjin tokkummaa qabu kam iyyuu firii hedduu ni godhata;+ sababiin isaas, isin ana irraa gargar baatanii matumaa homaa gochuu hin dandeessan.  Namni kam iyyuu anaa wajjin tokkummaadhaan hin jiraatu taanaan akkuma damee tokkoo gad gatama, achiis ni goga. Namoonnis dameewwan sana walitti qabanii ibiddatti naqu; dameewwan sunis ni gubatu.  Anaa wajjin tokkummaadhaan yoo jiraattanii fi dubbiin koos isin keessa yoo jiraate, wanta barbaaddan kadhadhaa, innis isiniif ni raawwatama.+  Firii hedduu godhachuu keessan yoo itti fuftanii fi barattoota koo taʼuu keessan yoo argisiistan, Abbaan koo kanaan ulfina ni argata.+  Akkuma Abbaan na jaallate,+ anis isin jaalladheera; jaalala koo keessa jiraadhaa. 10  Akkuman ajajawwan Abbaa eegee jaalala isaa keessa jiraadhu, isinis ajajawwan koo yoo eegdan jaalala koo keessa ni jiraattu. 11  “Gammachuu koo akka argattanii fi gammachuun keessan guutuu akka taʼuuf, ani wantoota kana isinitti himeera.+ 12  Ajajni koo kana dha: Akkuman isin jaalladhe isinis wal jaalladhaa.+ 13  Nama michoota isaatiif lubbuu isaa dabarsee kennu caalaa, eenyu iyyuu jaalala guddaa qabaachuu hin dandaʼu.+ 14  Wanta ani isin ajaju yoo raawwattan, isin michoota koo ti.+ 15  Garbichi tokko wanta gooftaan isaa godhu waan hin beekneef, ani kana booda garboota jedhee isin hin waamu. Kanaa mannaa, ani wantan Abbaa koo irraa dhagaʼe hunda waanan isin beeksiseef, michoota jedhee isin waameera. 16  Anatu isin filate malee, isin na hin filanne; isin deemtanii firii godhachuu keessan akka itti fuftanii fi firiin keessan akka jiraatuuf ani isin muudeera; kanas kanan godhe, wanta maqaa kootiin Abbaa kadhattan hunda inni akka isiniif kennuufi.+ 17  “Akka wal jaallattaniif ani wantoota kana isin ajajeera.+ 18  Addunyaan yoo isin jibbe, isin jibbuu isaa dura akka na jibbe beektu.+ 19  Isin kutaa addunyaa utuu taatanii, addunyaan wanta kan ofii isaa taʼe ni jaallata ture. Amma garuu anatu addunyaa keessaa isin filate malee, isin kutaa addunyaa waan hin taaneef,+ addunyaan isin jibba.+ 20  Wantan isinitti hime kana yaadadhaa: Garbichi tokko gooftaa isaa hin caalu. Isaan na ariʼataniiru yoo taʼe, isiniinis ni ariʼatu;+ dubbii koo eeganiiru yoo taʼe, dubbii keessanis ni eegu. 21  Haa taʼu malee, isaan isa na erge sana waan hin beekneef, sababii maqaa kootiin wantoota kana hunda isin irratti ni raawwatu.+ 22  Ani dhufee utuu isaanitti hin himne taʼee, silaa cubbuu isaanitti hin taʼu ture.+ Amma garuu cubbuu isaaniitiif sababii dhiheessan hin qaban.+ 23  Namni na jibbu kam iyyuu Abbaa koos ni jibba.+ 24  Ani hojiiwwan namni kan biraan hojjetee hin beekne isaan gidduutti utuun hin hojjenne taʼee, silaa cubbuu isaanitti hin taʼu ture;+ amma garuu anaan arganii na jibbaniiru, Abbaa koos jibbaniiru. 25  Haa taʼu malee, kun kan taʼe, Seera isaanii keessatti, ‘Isaan sababii malee na jibban’+ jedhamee inni barreeffame akka raawwatamuufi. 26  Gargaaraan, jechuunis hafuurri dhugaa+ inni Abbaa keessaa baʼuu fi ani Abbaa biraa isiniif ergu yommuu dhufu, waaʼee koo dhugaa ni baʼa;+ 27  isinis jalqabumaa kaasee anaa wajjin waan turtaniif dhugaa ni baatu.+

Miiljaleewwan