Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DEA/G. Dagli Orti/De Agostini via Getty Images

Barbaacha Huldiriik Ziwiingil Dhugaa Kitaaba Qulqulluu Argachuuf Godhe

Barbaacha Huldiriik Ziwiingil Dhugaa Kitaaba Qulqulluu Argachuuf Godhe

 Yeroo harʼaatti namoonni amantaa garaa qajeelaa qaban hedduun wanti itti amanan wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu irratti kan hundaaʼe taʼuu fi dhiisuu isaa qoruu dandaʼu. Jalqaba jaarraa 16fftti kun waan hin dandaʼamne ture. Maaliif? Bara sanatti namoonni hedduun afaan isaaniitiin Kitaaba Qulqulluu argachuu waan hin dandeenyeef ture. Kanaan kan kaʼes, wanta Waldaan barsiistu wanta Kitaabni Qulqulluun jedhuu wajjin walbira qabanii ilaaluu kan dandaʼan miseensota waldaa muraasa qofa turan. Qeesonnis gargaarsa godhan tokko illee hin qaban turan. Kitaabni History of the Christian Church jedhamu akkana jedheera: “Waldaan Siwiizarlaandi keessaa mancaatee turte. Qeesonni beekumsa kan hin qabne, falfala kan raawwatanii fi gocha naamusaa ala taʼe kan raawwatan turan.”

 Haala kana keessatti Huldiriik Ziwiingil dhugaa Kitaaba Qulqulluu qoruu jalqabe. Maal argateree? Wanta argate hoo warra kaaniif kan hire akkamitti? Jireenya isaa fi wanta inni itti amanu irraa maal barachuu dandeenya?

Ziwiingil Qorannaa Isaa Jalqabe

 Jalqaba umurii isaa waggaa 20​tti Ziwiingil qeesii Kaatolikii taʼuu barbaada ture. Akkuma namoota yeroo sanatti qeesii taʼuuf kaadhimaman kaanii, Ziwiingil Kitaaba Qulqulluu utuu hin taʼin, falaasama, duudhaa waldaa fi barreeffamoota “Abbootii Waldaa” barachuu qaba ture.

 Maarree Ziwiingil dhugaa Kitaaba Qulqulluu hubachuu kan jalqabe akkamitti? Yunivarsiitii Baazil, Siwiizarlaandi yeroo turetti haasaa Toomaas Wiitinbaak isa barsiifata Waldaa namoota duʼaniif dhiifama cubbuu argamsiisuuf raawwatamu balaaleffatu irratti argamee ture. a Akka barreessaan seenaa jireenyaa namootaa (biographer) tokko jedhetti, Ziwiingil “duuti Kiristoos cubbuu keenyaaf kan dhihaate siʼa tokko qofa akka taʼe kan barate [Wiitinbaak] irraa ture.” (1 Pheexiros 3:18) Dhiifama cubbuu kan argannu karaa furii Yesuus qofaan taʼuu isaa yommuu hubatu, Ziwiingil barumsa geggeessitoonni waldaa maallaqa fudhatanii dhiifama cubbuu gochuu dandaʼu jedhu fudhachuu dide. (Hojii Ergamootaa 8:20) Taʼus, Ziwiingil barumsa isaa itti fufee umurii isaa waggaa 22​tti qeesii Kaatolikii taʼe.

 Umurii isaa waggoota 20mmanniitti, Ziwiingil kutaa Kitaaba Qulqulluu Kakuu Haaraa jedhamuudhaan beekamuu fi afaan jalqabaatiin barreeffame hubachuuf Afaan Giriikii barate. Kana malees, barreeffamoota Iraasmas barreesse kan qore yommuu taʼu akkuma Kitaabni Qulqulluun barsiisu namootaa fi Waaqayyo gidduutti Araarsaa taʼuu kan dandaʼu Yesuus qofa akka taʼe hubate. (1 Ximotewos 2:5) Kanaan kan kaʼes, Ziwiingil barumsa Kaatolikiin namni tokko Waaqayyotti dhihaachuuf qulqullootatti dubbachuu qaba jechuudhaan barsiistu shakkuu jalqabe.

 Ziwiingil umuriisaa waggoota 30mmaniittis caalaatti dhugaa qorachuu isaa itti fufe. Haa taʼu malee, yeroo kanatti waraanota Awurooppaan Xaaliyaanii injifachuuf walitti aansuudhaan gochaa turte irratti qeesii taʼee tajaajilaa ture. Waraana bara 1515 Maariinyaanoo irratti godhame irratti Kaatolikonni namoota amantaa Kaatolikii hordofan kumaan lakkaaʼaman kaan yommuu ajjeesan ija isaatiin argeera. Waggoota muraasa booda, Ziwiingil Kitaaba Qulqulluu Maatewos-Mulʼata harka isaatiin garagalcheera, caqasoota hedduus yaada isaatti qabatee ture. Bara 1519​tti, Zuuriik magaalaa Siwiizarlaandi ishii wiirtuu humna siyaasaa taate keessa jiraachaa ture. Achitti yeroo booda Waldaan barumsawwan Kitaabni Qulqulluun hin deggerre kam iyyuu barsiisuu hin qabdu jedhee amanuu jalqabe. Haa taʼu malee, namoonni kaanis xumura akkasii irra akka gaʼan gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

“Lallaba Akkasii Matumaa Dhageenyee hin Beeknu”

 Ziwiingil namoonni takkaa dhugaa Kitaaba Qulqulluu yoo dhagaʼan sobawwan amantii akka dhiisan amana ture. Waldaa beekamaa Girosmaanistar Zuuriik keessatti qeesii taʼee yommuu filatamu, lallabuuf karoora dinqisiisaa baafachuu isaa dubbachuu jalqabe: Kana booda Laatiin leekshinarii b isa qeesonni jaarraawwan hedduudhaaf irraa caqasa turan hin dubbisu. Kanaa mannaa, Kitaabuma Qulqulluu irraa kallattiidhaan jalqabaa kaasee hamma xumuraatti boqonnaa boqonnaadhaan Wangeela lallaba. Abbootiin Waldaa caqasoota akka ibsan gochuu mannaa Kitaabni Qulqulluun akka ibsu godha. Kanas kan godhu kutaawwan Kitaaba Qulqulluu hubachuuf baayʼee salphaa taʼanitti fayyadamee kutaawwan Kitaaba Qulqulluu baayʼee ulfaataa taʼan akka ibsan gochuudhaan ture.—2 Ximotewos 3:16.

Sergio Azenha/Alamy Stock Photo

Waldaa Girosmaanistar Zuuriik keessatti argamu

 Ziwiingil yeroo lallabutti namoonni Kitaaba Qulqulluu jireenya guyyaa guyyaadhaaf faayidaa akka qabu akka hubatan gargaara ture. Ulaagaalee seera naamusaa Kitaaba Qulqulluu keessa jiran barsiisa ture, akkasumas haadha Yesuus Maariyaam waaqeffachuun, gara qulqullootaatti kadhannaa dhiheessuun, barsiifanni dhiifama cubbuu gurguruu fi qeesonni gocha naamusaan ala taʼe raawwachuun isaanii sirrii akka hin taane lallaba ture. Namoonnihoo deebii akkamii kennan? Lallaba isaa isa jalqabaa booda namoonni tokko tokko, “Lallaba akkasii matumaa dhageenyee hin beeknu” jedhaniiru. Namni seenaa barreessu tokko Ziwiingil namootaa amantaa Kaatolikii hordofan ilaalchisee akkana jedheera: “Namoonni doofummaa fi gocha naamusaan ala qeesonni raawwatan jibbuudhaan waldicha irraa citanii turan amma deebiʼaniiru.”

 Bara 1522, qeesonni namoonni siyaasaa Zuuriik keessa jiran namoota wanta barumsa waldaa wajjin wal faallessu kam iyyuu raawwatan akka dhaabsisan gochuuf yaalanii turan. Kanaan kan kaʼe, Ziwiingil nama gantuu jedhamee himatame. Wanta itti amanu ganuu waan hin barbaanneef, qeesii Kaatolikii taʼuu isaa ni dhiise.

Ziwiingil Maal Godhe?

 Ziwiingil qeesummaa kan dhiise taʼus dammaqinaan lallabuu isaa itti fufeera, namoonni kaanis wanta inni amanutti akka amanan gochuuf yaaluu isaa hin dhiisne. Lallaba isaatiin kan kaʼe namoota biratti beekamaa taʼeera; kun immoo namoota siyaasaa Zuuriik irratti dhiibbaa akka geessisu isa taasiseera. Dhiibbaa siyaasaa kanaan kan kaʼe, Zuuriik keessatti haareffama amantii gochuuf isa kakaaseera. Fakkeenyaaf, bara 1523 abbootiin taayitaa seeraa Zuuriik barumsa amantaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessu kam iyyuu akka dhorkan isaan amansiisuu dandaʼeera. Bara 1524, waaqa tolfamaa waaqeffachuun seeraa ala akka taʼe isaan amansiise. Bulchitoonni sabaa, lallabdoota biyyichaa fi namoota kaanii wajjin taʼuudhaan, bakkawwan aarsaa, waaqolii tolfamoo, fakkiiwwanii fi hambaalee amantaa hedduu balleessaniiru. Kitaabni Zwingli—God’s Armed Prophet jedhamu akkana jedheera: “Vaayikoota qabeenya manneen amantaa saaman irraa kan hafe, Waldaan Dhihaa badiisni taʼe jedhamee raawwatame akkasii matumaa ishii mudatee hin beeku.” Kana malees, bara 1525​tti, abbootiin taayitaa waldaalee gara hospitaalaatti jijjiiran, akkasumas moloksoonni akka fuudhanii fi akka heeruman dhiibbaa godheera. Kana malees, qidaaseen sirna salphaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsameen akka bakka buufamu yaada dhiheesseera. (1 Qorontos 11:23-25) Barreessitoonni seenaa carraaqqii Ziwiingil namootaa amantii fi siyaasaa Zuuriik walitti fiduuf godhe, Haaromfamuu fi amantaan Pirootestaantii haaraan akka hundeeffamuuf buʼuura taʼeera.

Kitaaba Qulqulluu Zuuriik bara 1536​tti maxxanfame, Waajjira Muummee Dhugaa Baatota Yihowaa, Waarwiik, Niiwu Yoorki

 Hojiiwwan guguddaa Ziwiingil raawwate keessaa inni hunda irra caalu Kitaaba Qulqulluu hiikuu isaati. Bara 1520mmaniitti, garee hayyootaa Afaan Ibrootaa fi Giriikii jalqabaa Saptuujantii Giriikii fi Laatiin Vulgeet irraa hiikanii wajjin hojjeteera. Tooftaan isaan itti fayyadaman salphaa ture. Tokkoon tokkoon caqasaa afaan jalqaba ittiin barreeffamee fi hiikkaawwan namoota biratti fudhatama qaban kaan ni dubbisu. Hiika caqasichaa irratti erga mariʼatanii booda, wanta argatan ni barreessu. Kitaabni Dubbii Waaqayyoo ibsuu fi hiikuudhaan qopheessan bara 1531​tti jildii Kitaaba Qulqulluu Zuuriik taʼee baʼeera.

 Ziwiingil nama garraamii taʼus, obsa kan hin qabnee fi garmalee kan aaru ture. Fakkeenyaaf, bara 1525​tti Anaabaptisti inni yaada daaʼimman cuuphamuu qabu jedhu morme mana murtiitti yommuu dhiheeffametti qooda fudhatee ture. Manni murtichaa yeroo booda nama cuuphaa daaʼimmanii fudhachuu diduu isaa itti fufu kam irratti iyyuu adabbii duʼaa yommuu dabarsu, murtoo gara jabina irratti hundaaʼe kana hin mormine. Kana malees, geggeessitoonni amantaa haareffama kana babalʼisuuf humna waraanaa akka fayyadaman jajjabeesseera. Haa taʼu malee, naannoowwan amantaa Kaatolikii cimsanii hordofanii fi Siwiizarlaandi keessa jiraatan hedduun haareffama isaa kana hin fudhanne. Kun immoo waraana waliinii akka kaʼu taasise. Ziwiingil loltoota Zuuriikii wajjin diree waraanaa deemee umurii isaa waggaa 47 ajjeefame.

Dhaala Ziwiingil

 Huldiriik Ziwiingil wantoota seenaa keessatti bakka guddaa qaban kan raawwate taʼus, hamma namoota akka Maartiin Luutarii fi Joon Kalviin jiranii fi Pirootestaantii Haareffame Hundeessan beekamaa miti. Ziwiingil Luutar caalaa barumsa Kaatolikiin Roomaa barsiistu ifatti balaaleffateera; carraaqqiin Ziwiingil godhe namoonni yaadawwan Kalviin fudhachuun akka isaanitti salphatu godheera. Kanaan kan kaʼes, Haareffama sana keessatti Nama Sadaffaa jedhamee waamameera.

 Hojiin Ziwiingil hojjete buʼaas taʼe miidhaa qaba. Ilaalcha isaa babalʼisuuf siyaasaa fi waraana irratti garmalee hirmaachaa tureera. Akkas gochuu isaatiin immoo fakkeenya Yesuus Kiristoos isa siyaasa keessa seenuu didee fi barattoota isaa diinota isaanii ajjeesuu mannaa akka jaallatan barsiise utuu hin hordofin hafeera.—Maatewos 5:43, 44; Yohaannis 6:14, 15.

 Ziwiingil nama dhimmee Kitaaba Qulqulluu qoʼatuu fi wanta barate warra kaaniif hiru taʼuu isaatiin yaadatama. Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduu hubateera, warri kaanis akkasuma akka godhan gargaareera.

a Barsiifata namoota duʼaniif dhiifama cubbuu argamsiisuu labsii geggeessitoota waldaa namni tokko erga duʼee booda bakka itti qulqulleeffamu keessatti yeroo itti adabamuudhaan dhiphatu hirʼisuu ykn hambisuuf raawwatamudha.

b Leekshinariin kitaaba caqasoota Kitaaba Qulqulluu filatanii waggaa keessatti dubbifaman kan qabatedha.