Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ibiddaan Qulqulleeffamuun Kitaaba Qulqulluu Keessatti Caqasameeraa?

Ibiddaan Qulqulleeffamuun Kitaaba Qulqulluu Keessatti Caqasameeraa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Lakki hin caqasamne. Jechi ‘ibiddaan qulqulleeffamuu’ jedhu Kitaabni Qulqulluu keessatti hin argamu ykn lubbuun namoota duʼanii bakka ibiddaan qulqulleeffamtu keessatti akka qulqullooftu hin barsiisu. a Barumsa ibiddaan qulqulleeffamuu jedhu irraa haala faallaa taʼeen, wanta Kitaabni Qulqulluun cubbuu fi duʼa ilaalchisee barsiisu qalbeeffadhu.

  •   Nama tokko cubbuu isaa irraa kan qulqulleessu yeroo ibiddaan qulqulleeffamuu jedhamu utuu hin taʼin, dhiiga Yesuus irratti amantii qabaachuu dha. Kitaabni Qulqulluun “Dhiigni Ilma [Waaqayyoo], dhiigni Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa,” akkasumas “dhiiga ofii isaatiin cubbuu keenya irraa bilisa nu baase” jedha. (1 Yohaannis 1:7; Mulʼata 1:5) Yesuus, cubbuu isaaniitiif aarsaa kaffaluuf, “lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii godhee” kenneera.—Maatewos 20:28.

  •   Namoonni duʼan homaa hin beekan. “Warri jiran akka duʼan beeku, warri duʼan garuu waan tokko iyyuu hin beekan.” (Lallaba 9:5) Namni duʼe miira tokko illee hin qabu, kanaafuu ibidda akkamiitiin iyyuu qulqulleeffamuu hin dandaʼu.

  •   Namni tokko erga duʼee booda cubbuu isaatiif hin adabamu. Kitaabni Qulqulluun “Mindaan cubbuu duʼa dha,” akkasumas “namni duʼe cubbuu isaa irraa bilisa baʼeera” jedha. (Roomaa 6:7, 23) Duuti adaba guutuu cubbuudhaaf kennamu dha.

a Barumsa ibiddaan qulqulleeffamuu ilaalchisee kitaabni Oorfiyas jedhamu: Kitaabni Ee Janaraal Histirii oof Riliijinis jedhamu, “Wangeelota keessatti waaʼee kanaa wanti jedhame tokko illee hin jiru” jedheera. Haaluma wal fakkaatuun, Niiwu Kaatolik Insaayikiloppeediyaan akkana jedheera: “Qorannaa dhuma irratti godhameen ibiddaan qulqulleeffamuu ilaalchisee barumsi Kaatolikiin barsiistu, duudhaa irratti kan hundaaʼe malee Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe akka hin taane argisiisa.”—Maxxansa Lammaffaa, Jildii 11, fuula 825.

b Niiwu Kaatolik Insaayikilooppiidiyaa, Maxxansa Lammaffaa, Jildii 11, fuula 824 ilaali.