Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATADUREE FUULA JALQABAA | KITAABA QULQULLUU—MATA DUREE FUULA JALQABAA

Kitaabni Qulqulluun mormii irraa ooleera

Kitaabni Qulqulluun mormii irraa ooleera

RAKKINA: Geggeessitoonni siyaasaa fi amantii hedduun karoora ergaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessu qabu turan. Yeroo baayʼee aangoo isaaniitti fayyadamanii namoonni Kitaaba Qulqulluu akka hin qabaanne, akka hin maxxansinee fi akka hin hiikne gochuuf yaalaniiru. Fakkeenya lama ilaali:

  • Naannoo Dh.K.D. bara 167⁠tti: Mootii Selusiidotaa kan ture Antiyookas Eppifaanas, amantiin Giriikotaa Yihudoota irratti dhiibbaa akka geessisu waan barbaadeef, koppiin Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa hundi akka balleeffamu ajajee ture. Hayyuun seenaa Haayinriik Gireetis jedhaman, abbootiin taayitaa Antiyookas, “maraa kitaabaa Seerichaa bakka argan hundatti tarsaasaa fi gubaa, akkasumas warra kitaabicha dubbisuudhaan ciminaa fi jajjabina argachuuf yaalan ajjeesaa akka turan” barreessaniiru.

  • Bara Gidduu Galeessaa: Geggeessitoonni amantii Kaatolikii tokko tokko, hordoftoonni amantii duudhaa Kaatolikii utuu hin taʼin wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu lallabuu isaaniitti waan aaraniif, warri Kitaaba Faarfannaa Afaan Laatiniitiin qophaaʼen alatti Kitaaba Qulqulluu qabaatanii argaman gantuu akka taʼanitti ilaalamu turan. Manni maree waldaa tokkoo namoonni “mana warra Kitaaba Qulqulluu akka qaban shakkamanii . . . dhimannii, amanamummaa fi itti fufiinsaan sakattaʼuudhaan namoota gantuu taʼan akka qaban” ajajuudhaan murtoo sana raawwachiiseera. “Manni namni gantuu taʼe keessatti argame barbadeeffamuu qaba ture.”

Diinonni Kitaaba Qulqulluu balleessuun isaaniif milkaaʼeera utuu taʼe, ergaan isaas ni bada ture.

Kitaabni Qulqulluun Ingiliffaa Wiiliyaam Tiindal hiike dhorkameera, gubameera, Tiindalis bara 1536 tti ajjeefameera; taʼus kitaabichi hamma yoonaatti jira

KITAABNI QULQULLUUN KAN OOLE AKKAMITTI? Duulli Antiyookas Mootichaa Israaʼel qofa irratti kan xiyyeeffate taʼus, hawaasni Yihudootaa biyyoota hedduu keessa jira ture. Hayyoonni akka tilmaamanitti Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti Yihudoonni dhibbeentaa 60 ol taʼan Israaʼeliin ala jiraatu turan. Yihudoonni mana sagadaa isaanii keessa koppii Kitaabota Qulqulluu ni kaaʼu turan; kitaabonni kun isa Kiristiyaanota dabalatee dhaloonni isaan booda ture itti fayyadamaa turee wajjin tokko dha.—Hojii Ergamootaa 15:21.

Bara Gidduu Galeessaatti, namoonni Kitaaba Qulqulluu jaallatan utuma ariʼatamni isaan irra gaʼuu Kitaaba Qulqulluu hiikuu fi garagalchuu itti fufanii turan. Walakkeessa jaarraa 15⁠ffaatti meeshaan maxxansaa asiif achi sochoʼuu dandaʼu utuu hin kalaqamin dura illee, Kitaabni Qulqulluun afaan 33n hin qophaaʼin hin oolu! Sana booda immoo Kitaabni Qulqulluun saffisa sanaan dura taʼee hin beekneen hiikameera, akkasumas maxxanfameera.

BUʼAA ARGAME: Mootonni humna guddaa qabanii fi geggeessitoonni amantii yaada dogoggoraa irratti hundaaʼan Kitaaba Qulqulluu balleessuuf yaalanis, kitaaba seenaa keessatti balʼinaan raabsamee fi baayʼinaan hiikame taʼeera. Seeraa fi afaan biyyoota tokko tokkoo irratti, akkasumas jireenya namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii irratti dhiibbaa geessiseera.