Dhimma ijoo ta'etti seeni

Addunyaa Kana Kan To’atu Eenyudha?

Addunyaa Kana Kan To’atu Eenyudha?

Maal sitti fakkaata?

  • Waaqayyodhaa?

  • Ilmaan namootaatii?

  • Moo qaama kan biraadha?

 MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

‘Guutummaan biyya lafaa harka isa hamaa jala jira.’—1 Yohannis 5:19.

“Ilmi Waaqayyo . . . hojii Seexanaa diiguudhaaf mul’ate.”—1 Yohannis 3:8.

KANA BEEKUUN FAAYIDAA MAALII SIIF ARGAMSIISA?

Rakkina addunyaarra jiruuf wanta sababii ta’e hubatta.—Mul’ata 12:12.

Sababii haalli addunyaa kun ni jijjiirama jettee amanuuf si gargaaru argatta.—1 Yohannis 2:17.

 WANTA MACAAFNI QULQULLUUN JEDHUTTI AMANUU NI DANDEENYAA?

Eeyyee, yoo xinnaate sababii sadiin kan ka’e amanuu dandeenya:

  • Bulchiinsi Seexanaa ni balleeffama. Yihowaan, olaantummaa Seexanni ilmaan namootaarratti qabu balleessuuf murteesseera. ‘Seexana balleessuudhaaf,’ akkasumas miidhaa inni geessise hunda balleessuuf abdii kenneera.—Ibroota 2:14.

  • Waaqayyo, addunyaa kana akka bulchuuf Yesus Kiristosiin filateera. Yesus, Seexana isa gara jabeessaafi ofittoo yerooo ammaa addunyaa kana bulchaa jirurraa guutummaatti addadha. Waaqayyo bulchiinsa Yesus ilaalchisee abdii, “Inni isa dadhabaadhaa fi isa wanta barbaachisu dhabeef in oo’a . . . Lubbuu isaanii cunqurfamuu, humnaan irratti ka’uu jalaas in fura” jedhu kenneera.—Faarfannaa 72:13, 14.

  • Waaqayyo hin sobu. Macaafni Qulqulluun, ‘Waaqayyo hin sobu’ jechuudhaan ifatti dubbata. (Ibroota 6:18) Yihowaan yeroo abdii kennu wanti inni dubbate akka waan raawwatameetti lakkaa’ama! (Isaayaas 55:10, 11) “Inni hamaan biyya lafaa kana seerratus amma gad in gatama.”—Yohannis 12:31.

 WANTOOTA KANARRATTI YAADI

Inni addunyaa kana bulchaa jiru erga balleeffamee booda haalli addunyaa maal fakkaata?

Macaafni Qulqulluun, gaaffii kanaaf FAARFANNAA 37:10, 11fi MUL’ATA 21:3, 4rratti deebii kenna.