Dhimma ijoo ta'etti seeni

Seexanni Dhugumaan Jiraa?

Seexanni Dhugumaan Jiraa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Eeyyee, Seexanni ykn Diyaabilos dhugumaan jira. Inni ‘bulchaa addunyaa kanaa’ ti; qaamni hafuuraa kun haamaa taʼuudhaan Waaqayyo irratti fincila kaaseera. (Yohaannis 14:30; Efesoon 6:11, 12) Kitaabni Qulqulluun maqaawwanii fi ibsawwan eenyummaa Diyaabilos akka beeknu nu gargaaranitti fayyadama:

Yaada ykn amala hammeenyaa miti

 Namoonni tokko tokko Seexanni yaada ykn amala hammeenyaa nu keessa jiru akka taʼe amanu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Seexanni Waaqayyoo wajjin akka dubbate ibsa. Waaqayyo mudaa kan hin qabne waan taʼeef yaada hammeenyaa isa keessa jiruu wajjin dubbachuu hin dandaʼu. (Keessa Deebii 32:4; Iyyoob 2:1-6) Haaluma wal fakkaatuun, Seexanni Yesuus isa cubbuu irraa bilisa taʼe qoreera. (Maatewos 4:8-10; 1 Yohaannis 3:5) Kanaafuu, wanti Kitaabni Qulqulluun barsiisu Seexanni qaama dhugumaan jiru dha malee amala hammeenyaa akka hin taane ibsa.

 Namoonni hedduun Seexanni qaama dhugumaan jiru taʼuu isaa kan hin amanne taʼuun isaanii nu dinqisiisuu qabaa? Matumaa, sababiin isaas Kitaabni Qulqulluun Seexanni kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf tooftaalee gowwoomsaatti akka fayyadamu dubbata. (2 Tasalonqee 2:9, 10) Tooftaalee Seexanni itti fayyadamu keessaa inni guddaan, namoonni hedduun jiraachuu isaa akka hin amanne gochuu dha.—2 Qorontos 4:4.

Seexana Ilaalchisee ilaalchawwan dogoggoraa jiran

  Ilaalcha dogoggoraa: Lusiifar maqaa Seexanaa isa kan biraa dhaa.

 Dhugaa isaa: Jechi Afaan Ibrootaa “Lusiifar” jedhamee hiikame “urjii ibsitu” jechuu dha. (Isaayyaas 14:12) Yaanni naannoo isaa jiru akka argisiisutti mootummaa ykn mootota Baabilon kan argisiisu dha; mootummaan kun kan of tuulu taʼuu isaatiin Waaqayyo isa salphiseera. (Isaayyaas 14:4, 13-20) Mootummaan Baabilon “urjii ibsitu” jedhamee qoosaadhaan kan waamame erga kufee booda dha.

  Ilaalcha dogoggoraa: Waaqayyo namoota qoruuf Seexanatti fayyadama.

 Dhugaa isaa: Diyaabilos diina Waaqayyoo ti malee tajaajilaa isaa miti. Seexanni namoota Waaqayyoon tajaajilan ni morma, akkasumas sobaan isaan himata.—1 Pheexiros 5:8; Mulʼata 12:10.