Ibrootaaf 2:1-18

  • Isa yeroo kaanii caalaa xiyyeeffannaa kennaa (1-4)

  • Wantoonni hundi Yesuusiif bitamaniiru (5-9)

  • Yesuusii fi obboloota isaa (10-18)

    • Bakka Buʼaa Guddaa fayyina isaaniif argamsiisu (10)

    • Luba ol aanaa gara laafessa (17)

2  Suutuma suuta amantii irraa akka hin fagaanneef,+ wantoota dhageenyeef+ isa yeroo kaanii caalaa xiyyeeffannaa kennuun keenya barbaachisaa kan taʼe kanaafi.  Dubbiin karaa maleekotaa dubbatame+ dhugaa taʼuun isaa erga mirkanaaʼee, akkasumas seera cabsuu fi ajajamuu diduu hundumaatiif adabni haqaa wajjin wal simu erga kennamee,+  nuti fayyina guddaa kana yoo tuffanne akkamitti adaba irraa ooluu dandeenya ree?+ Sababiin isaas, kun jalqaba karaa Gooftaa keenyaa dubbatame,+ warri isa irraa dhagaʼan immoo nuuf mirkaneessan;  Waaqayyos mallattoodhaan, dinqiidhaan, hojii guguddaa garaa garaatiin,+ akkasumas hafuura qulqulluu isa akka fedhii isaatti hireen dhugaa baʼe.+  Inni addunyaan* dhufuuf jiru,+ inni nuti waaʼee isaa dubbannu maleekotaaf akka bitamu hin goone.  Haa taʼu malee, iddoo tokkotti ragaa baatuun tokko akkana jedheera: “Akka isa yaadattuuf namni maali dha? Yookiin akka isa kunuunsituuf ilmi namaa maali dha?+  Maleekota irra xinnuma isa xiqqeessite; ulfinaa fi kabaja isa gonfachiiste, hojiiwwan harka keetii irrattis isa muudde.  Wantoonni hundi miila isaa jalatti akka isaaf bitaman goote.”+ Waaqayyo, wantoonni hundi akka isaaf bitaman gochuudhaan,+ wanti isaaf hin bitamne tokko illee akka hin jiraanne godheera.+ Taʼus, amma wantoonni hundi yommuu isaaf bitaman argaa hin jirru.+  Haa taʼu malee, Yesuus inni xinnuma maleekota irraa gad taʼee ture,+ dhiphatee duʼuu isaatiin amma ulfinaa fi kabaja gonfatee argina;+ kunis kan taʼe, gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatiin kan kaʼe tokkoon tokkoon namaatiif duʼa akka dhandhamuufi.+ 10  Inni wanti hundi isaaf jiraatuu fi karaa isaa jiraatu ilmaan hedduu gara ulfinaatti fidaa jira.+ Kanaafuu, Bakka Buʼaa Guddaan fayyina isaaniif argamsiisu+ sun rakkinaan gaʼumsa akka qabaatu gochuun isaa sirrii ture.+ 11  Sababiin isaas, inni qulqulleessus taʼe, warri qulqullaaʼan+ hundi isa tokko keessaa maddan;+ kanaafuu, inni obboloota jedhee isaan waamuuf hin qaanaʼu;+ 12  inni, “Ani maqaa kee obboloota kootti nan beeksisa; gumii gidduuttis faarfannaadhaan sin jajadha”+ jedheera. 13  Akkasumas, “Ani amanannaa koo isa irra nan kaaʼadha”+ jedheera. Itti dabalees, “Kunoo, anaa fi ijoollee Yihowaan* naaf kenne”+ jedheera. 14  Kanaafuu, “ijoolleen” sun foonii fi dhiiga waan taʼaniif,* innis foonii fi dhiiga taʼe;*+ kanas kan godhe, duʼa isaatiin Diyaabilos+ isa duʼa fiduuf+ humna qabu sana balleessuuf, 15  akkasumas warra jireenya isaanii guutuu duʼa sodaachuudhaan garbummaa jala turan hundumaa bilisa baasuufi.+ 16  Sababiin isaas, inni gargaaraa kan jiru sanyii Abrahaami+ malee, maleekota akka hin taane beekamaa dha. 17  Kanaafuu, inni wantoota Waaqayyoo wajjin wal qabatan hundumaa irratti luba ol aanaa gara laafessaa fi amanamaa taʼuudhaan, aarsaa araaraa+ cubbuu namootaatiif+ dhiifama argamsiisu dhiheessuuf, gama hundumaatiin “obboloota” isaa fakkaachuun+ isa barbaachiseera. 18  Inni mataan isaa yeroo qorametti waan dhiphateef,+ warra qorumsa keessa jiran gargaaruu ni dandaʼa.+

Miiljaleewwan

Ykn., “lafti.”
Kal., “hirmaate.”
Kal., “waan hirmaataniif.”