Dhimma ijoo ta'etti seeni

Maatiin Gammachuu Akka Argatu Kan Godhu Maalidha?

Maatiin Gammachuu Akka Argatu Kan Godhu Maalidha?

Maal sitti fakkaata?

  • Jaalalaa?

  • Qarshiidhaa?

  • Moo wanta kan biraadha?

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

“Dubbii Waaqayyoo dhaga’anii kan raawwatan haa gammadan!”—Luqaas 11:28.

KUN FAAYIDAA MAALII SIIF ARGAMSIISA?

Jaalala dhugaa.—Efesoon 5:28, 29.

Kabaja dhugaa.—Efesoon 5:33.

Tasgabbii dhugaa.—Maarqos 10:6-9.

WANTA MACAAFNI QULQULLUUN JEDHUTTI AMANUU NI DANDEENYAA?

Eeyyee, yoo xinnaate sababii lamaan kan ka’e amanuu dandeenya:

  • Maatii kan hundeesse Waaqayyodha. Macaafni Qulqulluun, ‘maatiin hundi maqaasaa kan argate’ Yihowaarra akka ta’e ibsa. (Efesoon 3:14, 15, NW) Kana jechuun, maatiin kan argame Yihowaan waan hundeesseefidha jechuudha. Kana hubachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

    Fakkeenyaaf: Nyaata mi’aawaa utuu nyaatteefi maalirraa akka hojjetame utuu beekuu barbaaddee eenyuun gaafatta? Nama nyaata sana qopheesse akka ta’e beekamaadha.

    Haaluma walfakkaatuun, wanta maatiin gammachuu akka qabaatu godhu beekuuf Yihowaa isa maatii hundeesse gargaarsa gaafachuun keenya sirriidha.—Uumama 2:18-24.

  • Waaqayyo waa’ee keenya ni yaada. Maatiiwwan gorsa Yihowaan karaa Dubbiisaa kenne barbaaduunsaanii gaariidha. Maaliif? ‘Inni waan nuu yaaduufidha.’ (1 Phexros 5:6, 7) Yihowaan waan gaarii waan nuu hawwuuf, gorsisaa yeroo hunda nu fayyada!—Fakkeenya 3:5, 6; Isaayaas 48:17, 18.

WANTOOTA KANARRATTI YAADI

Abbaa manaa, haadha manaa ykn warra gaarii ta’uu kan dandeessan akkamitti?

Macaafni Qulqulluun, gaaffii kanaaf EFESOON 5:1, 2fi QOLOSAAYIS 3:18-21rratti deebii kenna.