Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru​—Noorweeyitti

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru​—Noorweeyitti

WAGGOOTA muraasa dura, hiriyoonni gaaʼelaa Roʼaaliifi Elsaabet yeroo sanatti jalqaba umrii waggoota 40mmanii keessa turan, Noorweey magaalaa Bargan ishee biyyichatti guddinasheetiin lammaffaa taate keessatti jireenya gaarii jiraatu turan. Intalasaanii Isaabeeliifi ilmasaanii Faabiyaanii wajjin sochii hafuuraa gumiirratti dammaqinaan hirmaatu. Roʼaal jaarsa gumii taʼee kan tajaajilu yommuu taʼu, Elsaabet qajeelchituu, Isaabeeliifi Faabiyaanimmoo babalʼistoota taʼanii tajaajilu turan.

Haataʼu malee, Fulbaana 2009, maatichi torban tokkoof naannoo fagoo jiru tokko dhaqee lallabuuf murteesse. Kanaaf, Roʼaaliifi Elsaabet, Faabiyaan isa yeroo sana umriinsaa waggaa 18 turee wajjin gara galoo galaanaa Noordikiin ishee Fiinmaarkitti argamtuufi Sarara Arkitiikii ol jirtu dhaqan. Iddoo kanatti, mandara Kooʼeelfijuur jedhamtutti obbolootaafi obboleettota akkumasaanii iddoo kaanii bakka kana dhaqanii wajjin taʼanii misiraachicha labsaniiru. Roʼaal, “Torban tokkoof, sochii addaa akkasiirratti guutummaatti hirmaachuuf haalakoo mijeeffachuu dandaʼuu kootti gammachuun natti dhagaʼamee ture” jechuudhaan wanta yaadatu dubbateera. Haataʼu malee, dhuma torban sanaatti Roʼaal dhiphachuu jalqabe. Maaltu isa dhiphise laata?

GAAFFII AKKA TASAA GAAFATAMNE

Roʼaal, “Utuun itti hin yaadin, Maariyoon inni Fiinmaarkitti tajaajilu magaalaa Laaksaalv jedhamtu dhaqnee gumii babalʼistoota 23 qabu gargaaruuf fedhii qabaachuu keenya na gaafate” jechuudhaan dubbateera. Gaaffiin Roʼaal akka tasaa gaafatame kun baayʼee isa ajaaʼibsiisee ture. “Aniifi Elsaabet bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqnee tajaajiluuf yaadaa kan turre taʼus, kana gochuuf kan yaadne garuu yeroo ijoolleen keenya of dandaʼanii manaa baʼanitti ture” jechuudhaan ibseera. Roʼaal guyyaa muraasaaf bakka kanatti yommuu tajaajiletti namoonni waaʼee Yihowaa barachuuf fedhii akka qaban arguu dandaʼeera. Gargaarsi kan isaan barbaachisu yeruma sanatti malee, yeroo booda hin turre. Roʼaal, “Gaaffichi yaaddoo natti taʼuusaarrayyuu, guyyaa baayʼeedhaaf hirriba akkan dhabu na godhe” jechuudhaan dubbateera. Achiis Maariyoon, Roʼaaliifi maatiisaa Laaksaalv ishee Kooʼeelfijuur irraa kallattii kibbaatiin gara kiilomeetira 240 fagaattee argamtutti isaan geesse. Maariyoon, obboloonni kun gumii xinnoo naannoo kana jiru ijasaaniitiin akka argan barbaade.

Jaarsolii gumiin Laaksaalv qabu lama keessaa inni tokko Aandiriyaas kan jedhamu siʼa taʼu, innis naannichaafi Galma Mootummaa obboloota kanatti argisiise. Obboloonni gumichaa miira hoʼaadhaan kan isaan simatan yommuu taʼu, Roʼaaliifi Elsaabetiin, ‘Maatii keessanii wajjin naannoo kana dhuftanii hojii Mootummichaa babalʼisuurratti utuu nu gargaartanii baayʼee gammanna’ jedhaniin. Aandiriyaas akka seequu taʼuudhaan, Roʼaaliifi Faabiyaaniif hojii akka arge dubbate. Obboloonni kun maal godhu laata?

FILANNAA AKKAMII GOCHUU QABNA?

Faabiyaan jalqabarratti, “Ani bakka kana dhufee jiraachuuf fedhii hin qabu” jedhee ture. Hiriyootasaa warra gumii tokko keessatti waliin guddataniifi baayʼee walitti siqan dhiisee deemuudhaan magaalaa xinnoo keessa jiraachuun isatti hin tolle. Kana malees, leenjii ogummaa hojii elektiriikiirratti fudhachaa jiru hin xumurre. Isaabeel (yeroo sana umriinshee waggaa 21 ture) garuu bakka sana dhaquu ilaalchisee wanta isheetti dhagaʼamu yommuu gaafatamte, “Kun wantan gochuudhaaf yeroo baayʼee hawwaa turedha!” jechuudhaan deebisteetti. Booda garuu, “Waaʼee kanaa caalaatti yommuun irratti yaadu, ‘Akkas natti dhagaʼamuunsaa sirriidhaa?’ Michoota koorraa na fageessaa laata? Naannoo wanta hunda argachuuf mijataa taʼe, jechuunis gumiikoo keessa turuu naa wayyaa laata?’ jedheen of gaafadhe” jetteetti. Elsaabet hoo afeerraa kana ilaalchisee maaltu isheetti dhagaʼame? “Yihowaan maatii keenyaaf itti gaafatamummaa akka kenne natti dhagaʼame. Haataʼu malee, waaʼee mana keenya isa reefuu haaromsinee, akkasumas wantoota achi keessa jiraniifi waggoota 25 darbanitti horannee yaaduun jalqabe” jechuudhaan dubbatteetti.

Elsaabetiifi Isaabeel

Roʼaaliifi maatiinsaa torban achi turuuf dhaqan yommuu xumuran, gara Barganitti kan deebiʼan taʼus, waaʼee obbolootasaanii Laaksaalv keessatti argamaniifi gara kiilomeetira 2,100 isaanirraa fagaatanii jiranii yaaduu hin dhiisne. Elsaabet, “Baayʼiseen Yihowaa kadhadhe. Obboloota wal barre, suuraa walii fudhanneefi muuxannoo walii hirree wajjin wal qunnamuu koo ittan fufe” jetteetti. Roʼaal akkas jedheera: “Waaʼee naannoo fagoo dhaqanii tajaajiluu kana yeroo dheeraadhaafan irratti yaade. Wantoota jireenyaaf barbaachisan argachuu dandaʼuu keenyarrattis yaaduun qaban ture. Gama kanaan kan of dandeenyu akkamitti laata? Dhimma kana ilaalchisee Yihowaatti kadhanna guddaan dhiheesse; maatiikoofi obboloota muuxannoo qabanii wajjinis irrattan mariʼadhe.” Faabiyaan akkas jechuudhaan dubbateera: “Waaʼeesaa caalaatti yaadaa yommuun deemu, dhaquu hin dandaʼu jedhee deebisuuf sababa quubsaa taʼe akkan hin qabne caalaatti hubachaan deeme. Yihowaatti kadhannaa hedduu kanan dhiheesse siʼa taʼu, fedhiin ani bakka fagoo dhaqee tajaajiluuf qabus suuta suutaan cimaa deeme.” Isaabeelhoo maal goote? Naannoo fagoo dhaqxee tajaajiluuf of qopheessuuf jecha, bakka jirtutti qajeelchituu taatee tajaajiluu jalqabde. Jiʼa jaʼaaf qajeelchituu taatee erga tajaajilteefi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu dhuunfaarratti yeroo dheeraa erga dabarsitee booda, naannoo fagoo dhaqxee tajaajiluu akka dandeessu itti dhagaʼame.

TARKAANFII GALMA KEENYARRA GAʼUUF FUDHANNE

Fedhiin naannoo labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajiluuf qaban guddachaa yommuu deemu, maatichi galmasaarra gaʼuuf tarkaanfii fudhate. Roʼaal hojii mindaa gaarii isaaf argamsiisu hojjechaa kan ture taʼus, heyyama yeroo dheeraa, jechuunis waggaan tokko akka isaaf kennamu gaafate. Namichi qacaree isa hojjechiisu garuu, torban lama hojjetee torban jaʼammoo akka boqotu yaada dhiheesseef. Roʼaal, “Mindaankoo baayʼee kan hirʼatu taʼus, yaadni kun wantan barbaadu ture” jechuudhaan dubbateera.

Elsaabet akkas jetteetti: “Abbaan manaakoo mana keenya isa Bargan jiru kireessee, Laaksaalv keessaa mana akkan barbaadu yaada naa dhiheesse. Kun yeroo dheeraafi carraaqqii guddaa kan gaafate taʼus nuu milkaaʼeera. Boodas ijoolleen keenya hojii saʼaatii muraasaaf qofa hojjetan kan argatan siʼa taʼu, baasii nyaataafi geejjibaaf barbaachisu guutuudhaan nu gargaaruu dandaʼaniiru.”

Isaabeel akkas jetteetti: “Magaalaan nuti dhaqne xinnoo waan taateef, rakkinnikoo inni guddaan qajeelchituu taʼee tajaajilaa hojiin ittiin of gargaaree jiraadhu argachuu ture. Yeroo tokko tokko hojii argachuun abdii kan nama kutachiisu ture.” Taʼus, Isaabeel waggaa jalqabaa achi dhaqanitti hojii xixinnoo saʼaatii muraasaaf qofa hojjetamu sagal kan argatte siʼa taʼu, qarshii baasiidhaaf ishee barbaachisu argachuu dandeesseetti. Faabiyaan hoo haallisaa kan mijateef akkamitti? “Ogummaa elektiriikii barachaa waanan jiruuf, shaakalaaf hojii hojjechuun qaban ture. Laaksaalvitti kana gochuu dandaʼeera. Boodas barumsakoo kanan xumure yommuu taʼu, ogummaa elektiriikii isan ittiin eebbifameen hojiin saʼaatii muraasaaf qofa hojjedhun argadhe” jedheera.

WARRI KAAN TAJAAJILASAANII KAN BABALʼISAN AKKAMITTI?

Maareliyaasiifi Kaasiyaa, Noorweeyitti dubartii afaan Saamii dubbattuuf yommuu dhugaa baʼan

Maareliyaasfi haati manaasaa Kaasiyaanis, bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajiluu barbaadan. Maareliyaas inni yeroo ammaa umriinsaa waggaa 29 taʼe, “Qajeelchaa taʼuu ilaalchisee haasaaniifi gaafannoon walgaʼii koonyaarratti dhihaate tajaajilakoo balʼifachuurratti akkan yaadu na kakaase” jedheera. Kaasiyaa ishee yeroo ammaa umriinshee waggaa 26 taʼeef garuu maatiirraa fagaachuun baayʼee ulfaataa ture. “Namootan jaalladhu biraa fagaadhee deemuu baayʼeen sodaadha” jetteetti. Kana malees, Maareliyaas liqii mana ittiin ijaarratan kaffaluuf guyyaa guutuu hojjeta. “Jijjiirama barbaachisu gochuuf kadhannaa guddaa dhiheessuudhaan gargaarsa Yihowaa biraa arganneen naannoo fagoo dhaqnee tajaajiluu dandeenyeerra” jedheera. Jalqaba, Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan yeroo dheeraa dabarsaa turan. Sana boodas manasaanii ni gurguran; hojiisaanii ni dhiisan; achiis Hagayya 2011 magaalaa Altaa jedhamtuufi kaaba Noorweeyitti argamtu dhaqan. Bakka kanatti, qajeelchaa taʼanii tajaajilaa wanta isaan barbaachisu argachuuf, Maareliyaas ogeessa herregaa taʼee, Kaasiyaan immoo kutaa kuusaa meeshaa keessaa hojjetu turan.

Nuutiifi Leesbeet, hiriyoota gaaʼelaa umrii walakkeessa waggoota 30mmanii keessatti argaman siʼa taʼan, seenaan obboloota naannoo labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajilaniifi Kitaaba Waggaarratti baʼu baayʼee isaan tuqe. Leesbeet akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Muuxannoon kun biyyoota alaa dhaqnee tajaajilluuf akka irratti yaadnu kan nu godhe taʼus, namni iddoo guddaa hin qabne akka kootii hojii kana raawwachuu akka hin dandeenye yaaduudhaan sodaachuun jalqabe.” Haataʼu malee, galmasaaniirra gaʼuuf tarkaanfii fudhataniiru. Nuut akkas jedheera: “Appaartaamaa keessa jiraannu gurgurree qarshii arganne kaaʼuudhaan mana harmeekootti galle. Achiis, biyya alaa dhaqnee tajaajiluuf akka nu gargaaruuf Barganitti mana haadha Leesbeet teenyee waggaa tokkoof gumii Ingiliffaan geggeeffamu keessatti tajaajiluu jalqabne.” Utuma hin turin Nuutiifi Leesbeet fedhiin isaan deemuuf qaban kan guddate siʼa taʼu, Ugaandaa dhaquuf murteessan. Waggaatti jiʼa lama hojjechuuf Noorweeyitti deebiʼu turan. Haala kanaan qarshii wantoota jireenyaaf isaan barbaachisu argachuudhaan jiʼoota hafan Ugaandaatti yeroo guutuu tajaajiluudhaan dabarsu.

‘GAARUMMAA WAAQAYYOO MIʼEEFFADHAA ILAALAA!’

“Maatiin keenya caalaatti walitti dhihaateera.”—Roʼaal

Obboloonni fedhiidhaan of dhiheessan kun milkaaʼina akkamii argatan? Roʼaal akkas jedheera: “Yeroon Bargan ture caalaa bakka kanatti yeroo dheeraa waliin dabarsina. Maatiin keenya caalaatti walitti dhihaateera. Ijoolleen keenya karaa hafuuraa yommuu guddatan arguun eebba guddaadha.” Itti dabaluudhaanis, “Yeroo ammaa qabeenyaaf xiyyeeffannaa guddaa hin kenninu. Akka nuti yaadaa turre haallisaa ulfaataa miti” jedheera.

Elsaabet afaan garabiraa barachuun barbaachisaa taʼuusaa hubatteetti. Maaliif? Naannoon tajaajilaa Gumii Laaksaalv mandara Karaasjook bakka namoonni Saamii warri dhalataa biyyichaa taʼan jiraatan kan dabalatu siʼa taʼu, namoonni kun kaaba Noorweeyi, Siwiidin, Fiinlaandiifi Raashiyaa keessa jiraatu. Kanaaf, Elsaabet jiraattota naannoo kanaatiif lallabuuf afaan Saamii barachuu jalqabde. Yeroo ammaa afaan kanaan hamma tokko namoota haasofsiisuu dandeesseetti. Naannoo tajaajilaa haaraa kanatti gammaddeettii? Fuula ifaadhaan, “Namoota jaʼan Macaafa Qulqulluu qayyabsiisa. Asitti tajaajiluu kootti baayʼeen gammada!” jetteetti.

Faabiyaan inni yeroo ammaa qajeelchaafi tajaajilaa gumii taʼe, Isaabeelii wajjin dargaggoonni umrii waggoota kurnanii keessatti argaman sadii sochii gumiirratti caalaatti akka hirmaatan baayʼee jajjabeessaniiru. Yeroo ammaa dargaggoonni kun sadan tajaajilarratti dammaqinaan hirmaachaa jiru. Isaan keessaa lama kan cuuphaman yommuu taʼu, Bitootessa 2012⁠tti qajeelchitoota taʼuudhaan tajaajilaniiru. Isheen tokko mana dhugaarraa fagaattee kan turte yommuu taʼu, Faabiyaaniifi Isaabeel dhugaatti akka jabaattu waan ishee gargaaraniif baayʼee isaan galateeffatte. Faabiyaan akkas jedheera: “Yommuu isheen yaada kana dubbattu baayʼee natti dhagaʼame. Nama tokko gargaaruun gammachuu guddaa argamsiisa!” Isaabeel, “Bakka kanatti dhuguma, ‘Gaarummaa Waaqayyoo miʼeeffadhee ilaaleera!’” jetteetti. (Far. 34:8) Itti dabaluudhaanis, “Bakka kanatti tajaajiluun dhuguma kan nama gammachiisudha” jetteetti.

Maareliyaasiifi Kaasiyaan yeroo ammaa jireenya salphaa taʼeefi nama gammachiisu jiraatu. Yeroo ammaa gumiin Altaa isaan keessatti tajaajilan babalʼistoota 41 qaba. Maareliyaas, “Jireenyi keenya hangam akka jijjiirame gara boodaatti deebiʼee yommuun yaadu baayʼeen gammada. Qajeelchitoota taanee bakka kanatti isa tajaajiluu keenyatti Yihowaa ni galateeffanna. Kana caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru” jedheera. Kaasiyaan itti dabaluudhaan akkas jetteetti: “Yihowaatti caalaatti amanamuu baradheera; innis akka gaariitti nu kunuunseera. Firoota koorraa fagaadhee jiraachuun yeroon isanii wajjin dabarsinu hangam barbaachisaa akka taʼe caalaatti hubachuuf na gargaareera. Murtoo goonetti matumaa gaabbee hin beeku.”

Nuutiifi Leesbeet Ugaandaatti maatii tokko yommuu qayyabsiisan

Nuutiifi Leesbeet Ugaandaatti buʼaa akkamii argataniiru? Nuut akkas jedheera: “Naannoofi aadaa haaraa wajjin wal baruun yeroo fudhata. Bishaaniifi ibsaa dhabuu, akkasumas dhibeen garaa keessaa kan nu mudatu taʼus, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu hedduu geggeessina.” Leesbeet akkas jetteetti: “Naannoowwan bakka jiraannurraa gara daqiiqaa soddomaa fagaatanitti misiraachoon Mootummichaa matumaa lallabamee hin beeku. Naannoo kana yommuu dhaqnu garuu, namoonni Macaafa Qulqulluu utuu dubbisanii kan arginu yommuu taʼu isaanis akka isaan barsiisnu nu gaafatu. Namoota gad of deebisan akkasii ergaa Macaafa Qulqulluu keessa jiru barsiisuun gammachuu guddaa namaaf argamsiisa.”

Geggeessaa keenya kan taʼe Kiristos Yesus, samiirra taaʼee hojiin lallabaa inni jalqabee ture hanga handaara lafaatti yommuu babalʼatu arguun baayʼee akka isa gammachiisu hin shakkisiisu. Sabni Waaqayyoo hundi abboommii Yesus, “Saba hundumaa bartoota koo godhaa!” jechuudhaan isaaniif kenne raawwachuuf fedhiidhaan of dhiheessuun baayʼee isaan gammachiisa.—Mat. 28:19, 20.