Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru​​—⁠Maadaagaaskaar

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru​​—⁠Maadaagaaskaar

OBBOLEETTIIN Siilviyaanaa jedhamtu ishiin umuriin ishii waggaa 27 taʼee fi qajeelchaa taate akkana jetteetti, “Muuxannoo michoota koo warra naannoo qajeelchitoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajilaa turanii yeroon dhagaʼu, anis gammachuu isaan argatan dhandhamachuun barbaade. Taʼus, iddoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisan deemee tajaajiluun humna kootii ol akka taʼe waan natti dhagaʼameef sodaadheen ture.”

Ati hoo, akkuma Siilviyaanaa sitti dhagaʼamaa? Iddoo babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemtee tajaajiluu kan barbaaddu taʼus, galma kana irra gaʼuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼamaa? Akkas kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe abdii hin kutatin! Gargaarsa Yihowaatiin obboloonni kumaan lakkaaʼaman gufuuwwan tajaajila isaanii akka hin balʼisne isaan dhowwan mooʼuu dandaʼaniiru. Yihowaan isaan keessaa tokko tokko akkamitti akka gargaare beekuuf, Maadaagaaskaar ishii addunyaa irraatti guddina ishiitiin odoola arfaffaa taate haa ilaallu.

Waggoota kurnan darbanitti babalʼistoonnii fi qajeelchitoonni hinaaffaa qabanii fi 70 ol taʼan biyya Afriikaa kanatti tajaajiluuf biyyoota 11 irraa * dhufaniiru. Namoonni biyya kanaa misiraachichaaf deebii gaarii kan kennan yeroo taʼu, baayʼeen isaaniis Kitaaba Qulqulluudhaaf kabaja qabu. Kana malees, babalʼistoonni biyya kana keessatti argaman hedduun guutummaa odoola balʼaa taʼe kana irratti iddoo adda addaa dhaqanii ergaa mootummichaa babalʼisuuf fedhii akka qaban argisiisaniiru. Mee isaan keessaa muraasa isaanii haa barru.

SODAA FI ABDII KUTACHUU MOOʼUU

Pariinii fi Luwii

Hiriyoonni gaaʼelaa Luwii fi Pariin jedhamanii fi umuriin isaanii waggaa 30 ol taʼe Faransaayii gara Maadaagaaskaar deeman. Biyya alaa deemanii tajaajiluu waggoota hedduudhaaf yaadaa kan turan taʼus, Pariin garuu tarkaanfii akkasii fudhachuu mamti turte. Akkana jetteetti: “Biyya hin beekne dhaquun na sodaachise. Maatii keenya, gumii keenya, mana keenya, iddoo fi sochiiwwan barre hunda dhiisnee deemuun na yaaddessee ture. Dhugaa dubbachuuf, wantoonni na yaaddessan gufuu guddaa natti taʼanii turan.” Bara 2012⁠tti Pariin ija jabina horachuudhaan, abbaa manaa ishii Luwii wajjin biyya alaa deemaniiru. Murtoo isaanii kana ilaalchisee maaltu ishiitti dhagaʼame? Akkana jetteetti; “Duubatti deebiʼee yeroon yaadu, gargaarsa Yihowaa arguun amantii keenya cimseera.” Luwiinis itti dabaluudhaan, “Mee yaadaa, Maadaagaaskaar keessatti Ayyaana Yaadannoo nuti yeroo jalqabaatiif kabajne irratti namoonni qoʼachiisnu kudhan argamaniiru!”

Hiriyoonni gaaʼelaa kun yeroo rakkoon uumametti naannoo tajaajilaa isaanii kanatti jabaatanii turuuf maaltu isaan gargaare? Humna isaan barbaachisu akka isaaniif kennu gara Yihowaatti wawwaannaa dhiheessan. (Filp. 4: 13) Luwiin akkana jedheera: “Yihowaan kadhannaa keenya akka nuuf deebisee fi ‘nagaa isaa’ akka nuuf kenne hubanneerra. Gammachuu tajaajilli keenya nuuf argamsiise irratti xiyyeeffachuu dandeenyeerra. Akkasumas, michoonni keenya e-meelii fi xalayaa nuu barreessuudhaan abdii akka hin kutanne nu jajjabeessu turan.”—Filp. 4:6, 7; 2 Qor. 4:7.

Luwii fi Pariin jabaatanii waan dhaabbataniif Yihowaan baayʼee isaan eebbiseera. Luwiin akkana jedheera: “Onkoloolessa 2014⁠tti, Faransaayi keessatti Mana Barumsaa Kitaaba Qulqulluu Hiriyoota Gaaʼelaa * irratti hirmaanne. Kun kennaa Yihowaa hin irraanfatamne dha.” Hiriyoonni gaaʼelaa kun barumsa isaanii erga xumuranii booda deebiʼanii Maadaagaaskaaritti yommuu ramadaman baayʼee gammadaniiru.

“ISINITTI BOONNA!”

Naadiinii fi Diidiyee

Hiriyoonni gaaʼelaa Diidiyee fi Naadiin jedhaman, bara 2010⁠tti Faransaayii gara Maadaagaaskaar yeroo dhufan umuriin isaanii waggaa 50 ol ture. Diidiyeen akkana jedheera: “Dargaggummaa keenyatti qajeelchitoota turre; achii immoo ijoollee sadii guddisneerra. Ijoolleen keenya yeroo guddatan, biyya alaa deemnee tajaajiluu yaaduu jalqabne.” Naadiin akkana jetteetti: “Ijoollee keenya irraa gargar baʼuu yeroon yaadu deemuuf mameen ture; ijoolleen keenya garuu, ‘Iddoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisan deemtanii yoo tajaajiltan, isinitti boonna!’ nuun jedhan. Wanti isaan dubbatan kun deemuuf jajjabina nuu taʼe. Isaan irraa fagaannee kan jiraannu taʼus, bilbilaan ykn viidiyoodhaan yeroo hunda waliin haasaʼuu dandaʼuun keenya nu gammachiisa.”

Afaan Maalaagaasii barachuun Diidiyee fi Naadiiniif ulfaataa ture. Naadiin seeqaa, “Egaa nuti ijoollee dafnee afaan barachuu dandeenyu miti” jetteetti. Milkaaʼuu kan dandaʼan akkamitti ree? Jalqaba, gumii Afaan Faransaayiin geggeeffamu irratti hirmaatu turan. Booda immoo, afaan naannoo sanaa barachuuf yeroo qophaaʼanitti, gumii Afaan Maalaagaasiitiin geggeeffamu irratti hirmaachuu jalqaban. Naadiin akkana jetteetti: “Namoonni tajaajila irratti argannu baayʼeen Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jaallatu. Namoonni gara mana isaanii waan deemneef yeroo baayʼee nu galateeffatu. Jalqaba irratti, kun dhugaa dha jedhee hin amannen ture. Naannoo kanatti qajeelchaa taʼuun koo na gammachiisa. Ganama yeroon hirribaa kaʼu, ‘Baayʼee gaarii dha; harʼas misiraachicha lallabuufan baʼa!’ jedheen ofitti dubbadha ture.”

Diidiyeen yeroo Afaan Maalaagaasii barachuu itti jalqaban yommuu yaadatu seequudhaan akkana jedheera; “Walgaʼii gumii nan geggeessan ture; deebiin obboloonni deebisan garuu homaa naaf hin galu ture. Wantin gochuu dandaʼu, ‘Galatoomi’ jechuu qofa ture. Obboleettii takka deebii deebisteef ergan galateeffadhee booda, obboloonni ishii duuba taaʼan deebiin ishiin deebiste sirrii akka hin taane na beeksisuuf mallattoo naa kennuu jalqaban. Anis dafeen obboleessa deebii sirrii deebise tokkoof carraa kenne; innis deebii sirrii deebiseera jedheen abdadha.”

AFFEERRAA KEENYA GAMMACHUUDHAAN FUDHATTE

Bara 2005⁠tti walga’ii guddaa tokko irratti Teerii fi haati manaa isaa Naadiyaan diraamaa, “Galmawwan Waaqayyoof Ulfina Fidan Hordofaa” jedhu ilaalanii turan. Diraamaan Kitaaba Qulqulluu waaʼee Ximotewos ibsu kun garaa isaanii kan tuqe taʼuu isaa irra iyyuu, iddoo tajaajiltoonni caalaatti barbaachisan deemanii hojjechuuf hawwii qaban isaaniif cimse. Teeriin akkana jedheera: “Diraamichi dhumee utuu harka walitti rukutaa jirruu gara haadha manaa tiyyaatti siqeen, ‘Nuti hoo eessa deemna?’ jedheen ishii gaafadhe. Haati manaa tiyyas waaʼeedhuma kanaa yaadaa akka jirtu natti himte.” Yeruma sanaa jalqabanii, galma isaanii kana irra gaʼuuf tarkaanfii fudhachuu jalqaban. Naadiyaan akkana jetteetti, “Suutuma suuta qabeenya keenya hirʼisnee shaanxaa afur kan taʼu qofa hambisne!”

Karaa bitaatiin: Naadiyaa fi Maaree-Maadlen; Karaa mirgaatiin: Teerii

Bara 2006⁠tti gara Maadaagaaskaar kan dhufan siʼa taʼu, jalqabumaa kaasee tajaajila isaaniitti gammadaniiru. Naadiyaan, “Deebiin namoonni ergaa keenyaaf kennan baayʼee nu gammachiisa ture” jetteetti.

Haa taʼu malee, waggaa jaʼa booda hiriyoonni gaaʼelaa kun rakkinni tokko isaan mudate. Haati Naadiyaa Maaree-Maadlen, ishiin Faransaayi keessa jiraattu, kuftee harki ishii kan cabe taʼuu isaa irra iyyuu mataan ishii ni miidhame. Hiriyoonni gaaʼelaa kun doktara Maaree Maadlen wajjin erga mariʼatanii booda, gara Maadaagaaskaar dhuftee isaanii wajjin akka jiraattu ishii gaafatan. Yeroo sanatti umuriin ishii waggaa 80 taʼus, affeerraa isaanii gammachuudhaan fudhatteetti. Biyya alaa deemanii jiraachuu ilaalchisee maaltu ishiitti dhagaʼame? Akkana jetteetti: “Yeroo tokko tokko haala haaraa tokkotti baruun rakkisaa dha; humni koo muraasa taʼus, gumicha akkan fayyadu natti dhagaʼama. Wanti caalaatti na gammachiisu immoo, as jiraachuun koo intalli tiyyaa fi abbaan manaa ishii tajaajila isaanii isa buʼaa qabeessa taʼe kana itti fufuuf akka isaan gargaaru beekuu koo ti.”

“YIHOWAAN AKKA NA GARGAARE NATTI DHAGAʼAMA”

Riin Afaan Taandirooyiin haasaa yeroo kennu

Riin obboleessa umuriin isaa waggaa 22 taʼe dha. Kan guddate naannoo Alaawootraa Maangooroo ishii lalistuu taatee fi baha Maadaagaaskaaritti argamtutti. Barumsatti cimaa waan tureef, barumsa sadarkaa ol aanaa barachuu barbaadee ture. Kitaaba Qulqulluu erga qoʼatee booda garuu yaada isaa jijjiire. Akkana jedheera: “Barumsa sadarkaa lammaffaa ergan xumuree booda, ‘Qormaata isa xumuraa kana yoon darbe, qajeelchaa taʼeen tajaajila’ jedheen Yihowaadhaaf waadaa gale.” Barumsa isaa erga xumuree booda Riin waadaa gale raawwateera. Achii, obboleessa qajeelchaa taʼe tokko wajjin jiraachuu jalqabe; hojii guyyaa walakkaa kan argate siʼa taʼu, qajeelchaa taʼees tajaajiluu jalqabe. “Yeroo kam iyyuu caalaa murtoo gaariin godhe” jedheera.

Haa taʼu malee, firoonni Riin hojii mindaa gaarii argamsiisu hojjechuu maaliif akka dhiise hin beekan ture. Riin akkana jedheera: “Abbaan koo, eessumni koo fi obboleettiin akkoo too barumsa ol aanaa akkan hordofu na jajjabeessu turan. Haa taʼu malee, maal iyyuu yoo taʼe qajeelchaa taʼee tajaajiluu koo hin dhiisu.” Riin utuma baayʼee hin turin, iddoo tajaajiltoonni caalaatti barbaachisan deemee tajaajiluu barbaade. Galma kana baafachuuf maaltu isa kakaase? Akkana jedheera: “Hattoonni mana keessa jiraannu cabsanii, wantan qabu hedduu na jalaa hatan. Gochi hannaa kun wanta Yesuus ‘samii irratti qabeenya’ kuufachuu ilaalchisee dubbate na yaadachiise. Kanaafuu, karaa hafuuraa sooressa taʼuuf jabaadhee hojjechuufan murteesse.” (Mat. 6:19, 20) Kallattii kibbaa biyyattiitiin iddoo jiraachaa ture irraa kiilomeetira 1,300 fagaatee, naannoo hongeedhaan miidhame tokko deeme. Naannoon kun iddoo sabni Antaandirooy jedhaman jiraatani dha. Achi kan deeme maaliifi?

Wanti qabu hatamuu isaa jiʼa tokko dura, Riin namoota Antaandirooy lama Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuu jalqabee ture. Jechoota afaan isaanii muraasa waan barateef, namoota Antaandirooy ergaa Mootummichaa homaa hin dhageenyeef lallabuu yaade. Akkana jedheera, “Yihowaan gara naannoo Afaan Taandirooy itti dubbatamu dhaquuf akka na gargaarun isa kadhadhe.”

Riin achi kan deeme siʼa taʼu, yeruma sana rakkinni tokko isa mudate. Hojii argachuu hin dandeenye ture. Namichi tokko akkana isaan jedhe: “Maaliif as dhufte? Hojii argachuuf yoo taʼe, namoonni naannoo kanaa hojii barbaaduuf gara naannoo ati irraa dhufte sanaa deemu!” Torbee lama booda, Riin qarshii tokko illee utuu hin qabaatiin, walgaʼii naannoo tokko irratti hirmaachuuf naannoo sanaa deeme; wanta isa mudatu hin beeku ture. Guyyaa dhumaa walgaʼichaatti, obboleessi tokko kiisii kootii Riin keessa wanta tokko kaaʼe. Wanti sun qarshii gara Antaandirooy deebiʼuu fi itittuu gurguruu jalqabuuf isa gaʼu ture. Riin, “Yeroo barbaachisaa taʼetti Yihowaan akka na gargaare natti dhagaʼama. Namoota waaʼee Yihowaa barachuuf carraa hin arganne sana gargaaruu koo itti fufuu dandaʼeera!” jedheera. Gumii isaa keessattis hojii hojjetamu hedduutu jira ture. Riin itti dabaluudhaan, “Torban lamatti al tokko haasaa sabaa akkan dhiheessu ramadameen ture. Yihowaan karaa jaarmiyaa isaatiin na leenjisaa jira” jedheera.Yeroo harʼaattis, Riin namoota Afaan Taandirooy dubbatanii fi waaʼee Yihowaa barachuu barbaadan hedduutti ergaa Mootummichaa himaa jira.

YIHOWAAN WARRA ISA TAJAAJILAN NI EEBBISA

Yihowaan namoota isa tajaajilan eebbisuuf waadaa galeera. (Isa. 65:16) Gufuuwwan tajaajila keenya akka hin balʼisne nu mudatan mooʼuuf carraaqqii yeroo goonu, Yihowaan nu eebbisa. Haala Siilviyaanaa ishii jalqaba irratti caqasamtee hubadhu. Iddoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisan deemtee tajaajiluun humna ishiitii ol akka taʼe waan itti dhagaʼameef sodaattee turte. Maaliif? Akkana jetteetti: “Miilli koo inni bitaa isa mirgaa irra seentiimeetira 9 gabaabbata. Kanaafuu okkolaa waanan deemuuf dafeen dadhaba ture.”

Siilviyaanaa (bitaa) fi Siilvee Aan (mirga) guyyaa Doratiin cuuphamtetti ishii wajjin

Taʼu iyyuu, bara 2014⁠tti, Siilviyaanaan obboleettii gumii ishii keessatti qajeelchaa taatee fi Siilvee Aan jedhamtu wajjin, gara mandara xinnoo kiilomeetira 85 fagaattu tokkoo deeman. Gufuun tokko tokko kan ishii mudate taʼus, Siilviyaanaan wanta yaadde galmaan gaʼuu dandeesseetti, Yihowaanis baayʼee ishii eebbiseera. Akkana jetteetti: “Naannoo haaraa kanatti waggaa tokkoof ergan tajaajilee booda, dubartiin ani Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuu fi Doratiin jedhamtu, walgaʼii aanaa tokko irratti cuuphamteetti.”

“ANI SIN GARGAARA”

Wanta obboloonni kun dubbatan irraa akka hubannutti, tajaajila keenya akka hin balʼisne wanta gufuu nutti taʼu mooʼuuf carraaqqii yeroo goonu, waadaan Yihowaan tajaajiltoota isaatiin, “Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras” jechuudhaan gale dhugaa taʼuu isaa dhuunfaatti argina. (Isa. 41:10) Kun immoo, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu nuuf cimsa. Kana malees, biyyuma keenyattis taʼe biyya alaatti tajaajiluuf fedhiidhaan of dhiheessuun keenya, sochiiwwan tiʼookraasii addunyaa haaraa keessatti nu eeggatuuf nu qopheessa. Diidiyeen inni olitti caqasame, “Iddoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisan deemanii tajaajiluun gara fuulduraatiif leenjii gaarii taʼa!” jedheera. Tajaajiltoonni dabalataa fedhiidhaan of dhiheessan leenjii kana dhiheenyatti akka jalqaban hawwina!

^ key. 4 Obboloonni iddoo babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan kanatti tajaajilan kun biyyoota Kaanaadaa, Cheek Rippuubliik, Faransaayi, Jarman, Guʼaadelooppi, Luksambargi, Niiwu Kaalidooniyaa, Siwiidin, Siwiizarlaandi, Yunaayitid Kiingidamii fi Yunaayitid Isteetis irraa kan dhufani dha.

^ key. 8 Manni barumsaa kun yeroo ammaatti Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa jedhameera. Tajaajiltoonni yeroo guutuu biyya alaa deemanii tajaajilan, ulaagaalee barbaachisan kan guutan yoo taʼe biyya dhalootaa isaaniitti ykn biyya kan biraa manni barumsaa kun afaan isaaniitiin geggeeffamutti barachuuf gaafachuu dandaʼu.