Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Eeriikii fi Eemii

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Gaanaa

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Gaanaa

OBBOLOOTA biyya alaa deemuudhaan iddoo babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisanitti tajaajilaa jiran beektaa? ‘Biyya alaa deemanii akka tajaajilan wanti isaan kakaase maali? Tajaajila akkanaatiif kan of qopheessan akkamitti? Ani hoo irratti hirmaachuu nan dandaʼaa?’ jettee of gaafattee beektaa? Mala gaarii gaaffiiwwan kanaaf deebii itti argannu keessaa inni tokko, obboloota kana gaafachuu dha. Mee haa gaafannu.

WANTI ISAAN KAKAASE MAALI?

Biyya alaatti iddoo gargaarsi caalaatti barbaachisu deemtanii tajaajiluu akka yaaddan wanti isin kakaase maali? Eemiin umuriin ishii walakkeessa waggoota 30⁠nii yeroo taʼu, Yuunaayitid Isteetis irraa dhufte. Akkana jetteetti: “Waggoota hedduudhaaf, biyya alaa deemee tajaajiluu yaadaan ture; haa taʼu malee, yoom iyyuu galma kana irra gaʼuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼama ture.” Ilaalcha ishii kana maaltu jijjiire? Akkana jetteetti: “Bara 2004⁠tti hiriyoonni gaaʼelaa Beeliiz keessa tajaajilan, akkan dhaqee isaan gaafadhuu fi qajeelchaa taʼee isaanii wajjin jiʼa tokkoof akkan tajaajilu na afeeran. Akkuma jedhan kanan godhe siʼa taʼu, tajaajilattis gammadeera! Waggaa tokko booda immoo, qajeelchaa taʼee tajaajiluufan gara Gaanaa deeme.”

Aaronii fi Istefaanii

Istefaaniin, ishiin amma umuriin ishii dhuma waggoota 20⁠nii taʼe, Yuunaayitid Isteetis irraa dhufte. Waggoota muraasa dura haala keessa jirtu yeroo gamaaggamtu akkana jettee yaadee: ‘Fayyaa gaariin qaba, itti gaafatamummaa maatiis hin qabu. Kanaafuu, wantan yeroo ammaatti gochaa jiru caalaa Yihowaadhaaf wantoota dabalataa gochuu nan dandaʼan ture.’ Amanamummaadhaan of gamaaggamuun ishii, gara Gaanaa deemtee tajaajila ishii akka balʼifattu ishii kakaaseera. Hiriyoonni gaaʼelaa Filiippii fi Ayidaa jedhamanii fi umurii gaʼeessummaa irra jiran immoo Deenmaarkii kan dhufan siʼa taʼu, naannoo gargaarsi caalaatti barbaachisu deemanii tajaajiluu yeroo hunda hawwu turan. Karaawwan hawwii isaanii kana itti dhugoomsuu dandaʼanis ni barbaadu turan. Filiippi, “Carraan isaa yeroo nuu banametti, waanuma Yihowaan ‘Dhaqaa!’ nuun jedhe nutti fakkaatee ture” jedheera. Bara 2008⁠tti gara Gaanaa deemanii achitti waggaa sadii oliif tajaajilaniiru.

Biruukii fi Haanzi

Haanzii fi Biruuk hiriyoota gaaʼelaa umurii waggoota 30⁠nii keessa jiran siʼa taʼu, Yuunaayitid Isteetis keessatti tajaajilu. Bara 2005⁠tti obomboleettii guddaan Kaatriinaa jedhamu erga kaʼee booda, bakka balaan itti uumame deemanii gargaarsa godhaniiru. Yeroo booda immoo, hojii ijaarsaa biyyoolessaa irratti hirmaachuuf gaafatanii kan turan taʼus, hin waamamne. Haanzi waan yaadatu akkana jedhee dubbateera, “Achiis, walgaʼii guddaa tokko irratti haasaa waaʼee Daawit Mootichaa isa mana qulqullummaa ijaaruun yeroo isaaf hin heyyamamnetti galma isaa jijjiiree dubbatu dhageenye. Barumsi kun, namni tokko galma hafuuraa isaa jijjiiruun isaa dogoggora akka hin taane akka hubannu nu gargaareera.” (1 Sen. 17:1-4, 11, 12; 22:5-11) Biruuk itti dabaluudhaan, “Yihowaan balbala biraa akka rurrukunnu barbaada ture” jetteetti.

Hiriyoota isaanii warra biyya biraa deemanii tajaajilan irraa muuxannoowwan nama gammachiisan erga dhagaʼanii booda, Haanzii fi Biruuk biyya alaa deemuudhaan qajeelchaa taʼanii tajaajiluuf kakaʼaniiru. Bara 2012⁠tti gara Gaanaa kan deeman siʼa taʼu, jiʼa afuriif achitti tajaajiluudhaan gumii afaan mallattoo gargaaruu dandaʼaniiru. Yeroo booda gara Yuunaayitid Isteetis deebiʼuun kan isaan barbaachise taʼus, muuxannoon Gaanaa keessatti tajaajiluudhaan argatan, fedhii tajaajila Yihowaatiif dursa kennuuf qaban isaaniif cimseera. Yeroo sanaa jalqabee, hojii ijaarsaa waajjira damee Maayikrooneeshiyaa irratti hirmaachaa jiru.

GALMA ISAANII IRRA GAʼUUF TARKAANFII FUDHACHUU

Iddoo gargaarsi caalaatti barbaachisu deemtanii tajaajiluuf kan qophooftan akkamitti? Istefaaniin akkana jetteetti, “Mata dureewwan Masaraa Eegumsaa irratti baʼanii fi waaʼee iddoo gargaarsi caalaatti barbaachisu deemanii tajaajiluu dubbatan irratti qorannaan godhe. * Kana malees, biyya alaa deemee tajaajiluuf fedhii akkan qabu jaarsolii gumiitti, akkasumas ilaaltuu ol aanaa aanaa fi haadha manaa isaatti nan hime. Hunda caalaa immoo, waaʼee galma kootii yeroo hunda kadhannaadhaan Yihowaatti nan himan ture.” Yeroo kanatti Istefaaniin, jireenya ishii salphaa gootee waan turteef, qarshii biyya alaa deemtee tajaajiluuf ishii barbaachisu kaaʼachuu dandeesseetti.

Haanzi akkana jedheera: “Iddoo Yihowaan deemaa nuun jedhe deemuu waan barbaadnuuf, qajeelfama isaa argachuuf kadhannaadhaan isa gaafanne. Kana malees, kadhannaa keenya irratti guyyaa murtaaʼaa karoora keenya galmaan itti gaʼuu barbaadnu caqasneerra.” Hiriyoonni gaaʼelaa kun xalayaa isaanii waajjiroota damee afuritti erganiiru. Waajjira damee Gaanaa irraa deebii baayʼee nama jajjabeessu erga argatanii booda, jiʼa lama turuuf yaaduudhaan achi deeman. Haanzi akkana jedheera, “Gumichaa wajjin waliin hojjechuun baayʼee waan nu gammachiiseef, yeroo itti turru dheeressine.”

Adriiyaa fi Joorji

Hiriyoonni gaaʼelaa Joorjii fi Adriiyaa jedhamanii fi dhuma umurii waggoota 30⁠nii keessa jiran immoo Kaanaadaa irraa kan dhufan yeroo taʼu, Yihowaan fedhii gaarii qofa utuu hin taʼin, murtoo gaariis akka eebbisu hubataniiru. Kanaafuu, galma isaanii irra gaʼuudhaaf tarkaanfii cimaa fudhataniiru. Obboleettii iddoo gargaarsi caalaatti barbaachisutti tajaajiluuf Gaanaa turtee wajjin kan wal argan siʼa taʼu, gaaffii baayʼees ishii gaafataniiru. Kana malees, waajjiroota damee Kaanaadaa fi Gaanaa jiranitti xalayaa barreessaniiru. Adriiyaan, “Akkasumas, karaa jireenya keenya isa kanaan duraa caalaa itti salphisnu barbaadna turre” jetteetti. Murtoon isaanii kun, bara 2004⁠tti gara Gaanaa deemanii akka tajaajilan isaan kakaaseera.

HAALAWWAN RAKKISOO MOʼUU

Yeroo achi jirtanitti haalawwan rakkisoo akkamiitu isin mudate? Rakkoowwan kana hoo akkamitti dandamattan? Wanti Eemiidhaaf rakkoo guddaa taʼe inni jalqabaa maatii ishii yaaduu ture. “Wanti hundi haalan duraan beeku irraa adda ture” jetteetti. Maaltu ishii gargaare ree? Akkana jetteetti: “Miseensonni maatii kootii anaaf bilbilanii tajaajila koo hammam akka dinqisiifatan natti himu turan; kun immoo, gara kana dhufuuf maaliif akkan murteesse akkan hin irraanfanne na gargaareera. Booda irratti anii fi maatiin koo viidiyoodhaan waliin haasaʼuu jalqabne. Wal arguu waan dandeenyuuf, na irraa baayʼee fagaatanii akka jiran natti hin dhagaʼamu ture.” Eemiin, obboleettii muuxannoo qabduu fi achi jiraattu hiriyaa godhachuun ishii, aadaa naannoo sanaa gadi fageenyaan hubachuuf ishii gargaareera. Akkana jetteetti: “Hiriyaan koo kun, naman itti amanamu turte; akkasumas sababiin namoonni wanta tokko itti godhan yeroo naaf hin galle hundatti, gargaarsaaf gara ishiin dhaqa ture. Gargaarsa ishiin naa gooteen, wantan gochuu qabuu fi wantan irraa fagaachuu qabu baradheera. Kun immoo, tajaajila koo gammachuudhaan raawwachuuf baayʼee na gargaareera.”

Joorjii fi Adriiyaan jalqaba gara Gaanaa yeroo deeman, yeroo booda deebiʼuu akka dandaʼan yaadanii turan. Adriiyaan akkana jetteetti: “Maashinii uffanni itti miiccamutti utuu hin taʼin, baaldiitti fayyadamna turre. Nyaata bilcheessuun isa kanaan duraa caalaa dachaa kudhan yeroo nutti fudhata ture jechuun ni dandaʼama. Yeroo booda garuu, haalawwan rakkisoo turan sun muuxannoo haaraa nuuf taʼaniiru.” Biruuk akkana jetteetti: “Gufuuwwan qajeelchitoota taʼuu keenyaan nu mudatan jiraatanis, jireenya gammachiisaa jiraanna turre. Muuxannoowwan nama gammachiisan kun hundi gara sammuu keenyaatti yeroo dhufan, yaadannoowwan gaggaarii bakka guddaa kenninuuf nuuf taʼu.”

TAJAAJILA NAMA KIISU

Warri kaanis bifa tajaajilaa kana akka filatan kan jajjabeessitan maaliifi? Istefaaniin akkana jetteetti: “Naannoo namoonni waaʼee dhugaa barachuuf hawwii guddaa qabanii fi guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu si faana qoʼachuuf fedhii qaban jiran keessatti lallabuun baayʼee nama gammachiisa. Murtoon ani iddoo gargaarsi caalaatti barbaachisu deemee tajaajiluuf godhe, murtoo gaarii ani jireenya koo keessatti godhe keessaa isa guddaa dha!” Bara 2014⁠tti Istefaaniin Aaronitti heerumte; yeroo ammaatti immoo waajjira damee Gaanaa keessatti tajaajilaa jiru.

Qajeelchituun Kiristiin jedhamtu ishiin Jarmanii dhuftee fi jalqaba waggoota 30⁠nii keessatti argamtu, “Muuxannoo baayʼee gaarii taʼe dha” jetteetti. Kiristiin, gara Gaanaa deemuu ishii dura Booliiviyaa keessatti tajaajilaa turte. Itti dabaluudhaan akkana jetteetti: “Maatii koo irraa baayʼee fagaadhee waanan jiruuf, yeroo hundan Yihowaa gargaarsa gaafadha. Isa kanaan duraa caalaa naaf dhugoomeera. Kana malees, tokkummaa dinqisiisaa saba Yihowaa gidduu jiru arguu dandaʼeera. Tajaajilli kun jireenya koo fooyyesseera.” Kiristiin dhiheenya kana Giidewonitti kan heerumte siʼa taʼu, Gaanaa keessatti tajaajiluu isaanii itti fufaniiru.

Kiristiinii fi Giidewon

Filiippii fi Ayidaan barattoonni Kitaaba Qulqulluu isaanii guddina akka argisiisan gargaaruuf maal akka godhan nutti himu. Akkana jedhaniiru: “Qoʼannaawwan Kitaaba Qulqulluu 15 ykn isaa ol geggeessaa turre; haa taʼu malee, barattoota keenya gadi fageenyaan barsiisuu akka dandeenyuuf gara 10⁠tti hirʼisnee turre.” Barattoonni kun faayidaa argataniiruu? Filiippi akkana jedheera: “Dargaggeessa Maayikil jedhamu qoʼachiisaan ture. Guyyaa guyyaatti qoʼachuu waan dandaʼuu fi akka gaariitti waan qophaaʼuuf, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jiʼa tokko keessatti xumurre. Achiis Maayikil babalʼisaa hin cuuphamne taʼe. Guyyuma jalqaba tajaajila baʼetti, ‘Barattoota Kitaaba Qulqulluu koo naa wajjin qoʼachiisuu ni dandeessaa?’ jedhee na gaafate. Dinqisiifannaadhaanan isa ilaale. Maayikil namoota sadii qoʼannaa akka jalqabsiisee fi qoʼachiisuu irratti nama isa gargaaru akka barbaadu dubbate.” Namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼatan illee nama qoʼachiisan qabaachuun isaanii, barsiisonni dabalataa akka barbaachisan argisiisa!

Ayidaa fi Filiippi

Eemiin hammam gargaarsi caalaatti akka barbaachisu daftee akka hubatte yeroo ibsitu akkana jetteetti: “Akkuma Gaanaa geenyeen, mandara xinnoo tokko keessatti lallabuu fi namoota gurri isaanii dhagaʼuu hin dandeenye barbaaduu jalqabne. Mandara xinnoo sana keessatti qofa illee, nama dhagaʼuu hin dandeenye tokko utuu hin taʼin nama saddeet arganne!” Yeroo booda Eemiin Eeriikitti kan heerumte siʼa taʼu, lamaan isaanii iyyuu qajeelchitoota addaa taʼanii waliin tajaajilaa jiru. Babalʼistoota gurri isaanii dhagaʼuu hin dandeenye 300 ol taʼan keessaa tokko tokkoo fi namoota fedhii qaban gargaaruuf, gumii afaan mallattootiin geggeeffamu keessatti tajaajilaa jiru. Joorjii fi Adriiyaan Gaanaa keessatti tajaajiluun isaanii, misiyoonota taʼanii tajaajiluun maal akka gaafatu ofuma isaaniitii akka ilaalan carraa isaaniif baneera. Kanaaf, Mana Barumsaa Giilʼaad kutaa 126⁠ffaa irratti akka hirmaatan yeroo afeeraman gammachuu guddaatu itti dhagaʼame! Yeroo ammaatti immoo, misiyoonota taʼanii Moozaambiik keessatti tajaajilaa jiru.

JAALALLI ISAAN KAKAASEERA

Obboloonni baayʼeen biyya biraa irraa dhufan, obboloota biyya sanaa wajjin hojii makaraa irratti jabaatanii hojjechaa akka jiran arguun baayʼee nama gammachiisa. (Yoh. 4:35) Torban torbaniin, Gaanaa keessatti giddu galeessaan namoota gara 120 taʼantu cuuphama. Akkuma obboloota 17n gargaarsa gochuuf gara Gaanaa deemanii, labsitoonni kumaan lakkaaʼamanii fi addunyaa maratti argamanis, jaalala Yihowaadhaaf qabaniin kakaʼanii “fedhiidhaan of dhiheessaniiru.” Obboloonni kun, iddoo labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemanii tajaajilaa jiru. Tajaajiltoonni fedhiidhaan hojjetan akkanaa, garaa Yihowaa akka ciibsan beekamaa dha.—Far. 110:3; Fak. 27:11.

^ KEY. 9 Fakkeenyaaf, mata duree Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 2009 “Bakka Labsitoonni Mootummichaa Caalaatti Barbaachisan Dhaqxee Tajaajiluu Dandeessaa?” jedhuu fi Muddee 15, 2009 “Maqedooniyaatti Ceʼuu Ni Dandeessaa?” jedhu ilaali.