Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru

DHUGAA BAATOTA iddoo babalʼistoonni mootummichaa caalaatti barbaachisan deemanii hinaaffaadhaan tajaajilaa jiran keessaa hedduun isaanii obboleettota qeenxee dha. Isaan keessaa tokko tokko waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif biyya alaatti tajaajilaa jiru. Wanti jalqaba irratti gara biyya alaa deemanii akka tajaajilan isaan kakaase maali dha? Biyya alaatti tajaajiluu isaaniitiin maal barataniiru? Kun jireenya isaanii irratti jijjiirama kan fide hoo akkamitti? Obboleettota muuxannoo qaban kana keessaa hedduu isaaniitiif gaafannoo goonee ture. Obboleettii qeenxee tajaajila gammachuu guddaa namaaf argamsiisu irratti hirmaachuuf hawwii guddaa qabdu yoo taate, yaanni isaan kennan akka si fayyadu ni abdanna. Taʼus, hundi keenya fakkeenya isaanii qoruudhaan fayyadamuu dandeenya.

SHAKKII MOʼUU

Aanittaa

Obboleettonni qeenxee taʼan biyya alaa dhaqanii qajeelchaa taʼanii tajaajiluu dandaʼuun isaanii isaan yaaddessa taʼa. Aaniittaa ishiin yeroo ammaatti walakkeessa umurii waggoota 70mmanii keessa jirtu, dandeettii ishii ilaalchisee shakkii guddaa qabdi turte. Kan guddatte Ingiliiz keessatti siʼa taʼu, umurii ishii waggaa 18tti qajeelchaa taatee tajaajiluu jalqabde. Akkana jetteetti: “Waaʼee Yihowaa namoota barsiisuu kanan jaalladhu taʼus, biyya alaa dhaqee tajaajiluu nan dandaʼa jedhee yaadee hin beeku. Qooqa biyya alaa matumaa baradhee hin beeku; barachuu akkan dandaʼus natti hin dhagaʼamu ture. Kanaaf, Mana Barumsaa Giilʼaad irratti yommuun afeeramu baayʼee naʼeen ture. Namni akka koo gatii hin qabne afeerraa akkasii argachuun isaa baayʼee na dinqisiise. Haa taʼu malee, ‘Yihowaan akkan dandaʼu yoo isatti dhagaʼame, yaaluun qaba’ jedheen yaade. Kun erga taʼee amma waggoonni 50 ol taʼan darbaniiru. Yeroo sanaa kaasee misiyoonii taʼee Jaappaan keessatti tajaajilaan jira.” Aaniittaan itti dabaluudhaan akkana jetteetti: “Al tokko tokko, gammachuudhaan obboleettota shamarran taʼaniin, ‘Shaanxaa keessan fudhadhaatii ana duukaa buʼaa; gammachuu guddaa ani argadhe isinis argadhaa!’ jedheen isaan afeera. Baayʼeen isaanii akkas gochuun isaanii guddaa na gammachiiseera.”

IJA JABINA ARGACHUU

Obboleettonni hedduun biyya alaatti tajaajilaa jiran, jalqaba irratti biyya alaa deemuu sodaatanii turan. Ija jabina isaan barbaachisu argachuu kan dandaʼan akkamitti ree?

Mooriin

Mooriin ishiin yeroo ammaatti walakkeessa umurii waggoota 60mmannii keessa jirtu, “Ijoollummaa kootii kaasee, jireenya warra kaan fayyaduu fi kaayyoo qabu jiraachuun barbaada ture” jetteetti. Yommuu umuriin ishii waggaa 20 guutu, Kuubeek Kaanaadaa bakka qajeelchitoonni dabalataa barbaachisan deemte. Akkana jetteetti: “Yeroo booda, Mana Barumsaa Giilʼaad akkan galun afeerame; taʼus michoota koo dhiisee bakka hin beekne deemuun na sodaachisee ture. Haadha koo ishii abbaa koo isa dhukkubsatu kunuunsaa jirtu dhiisee deemuunis na yaaddessee ture. Dhimma kana ilaalchisee booʼichaan galgala hedduudhaaf gara Yihowaatti kadhannaa dhiheesseera. Wanta na yaaddesse warra kootti yommuun himu, afeerraa naaf dhihaate akkan fudhadhu na jajjabeessan. Kana malees, gumiin isaanii warra kootiif deggersa jaalala irratti hundaaʼe gochaa akka jiru argeera. Karaa adda addaatiin harka Yihowaa arguun koo, anaanis akka na kunuunsu amanannaa akkan qabaadhu na gargaareera. Achiis deemuufan qophaaʼe!” Mooriin bara 1979 eegalee, waggoota 30 oliif misiyoonii taatee Dhiha Afriikaatti tajaajilaa turteetti. Yeroo ammaatti Mooriin, haadha ishii Kaanaadaa jirtu kunuunsaa fi qajeelchaa addaa taatee tajaajilaa jirti. Waggoota biyya alaatti tajaajilaa turte yommuu yaadattu, “Yihowaan yoom iyyuu wanta na barbaachisu, yeroo na barbaachisutti naaf kenna” jetteetti.

Weendii

Weendii ishiin yeroo ammaatti umurii waggoota 60mmannii keessa jirtu, qajeelchituu taatee tajaajiluu kan jalqabde Awustiraaliyaa keessatti umurii kurnanii keessa yommuu jirtutti ture. Akkana jetteetti: “Baayʼee ija laafettii waanan tureef, namoota hin beekne haasofsiisuun natti ulfaata ture. Haa taʼu malee, qajeelchituu taʼuun koo akaakuu namootaa hundatti dubbachuu waan na barsiiseef, ofitti amanannaa koo naaf guddiseera. Yeroo booda, ofitti amanannaan qofti gaʼaa akka hin taane hubadheera. Qajeelchituu taʼuun koo Yihowaatti amanamuu na barsiiseera; kanaaf biyya alaa dhaqanii tajaajiluun ulfaataa akka hin taane yaaduun jalqabe. Kana malees, obboleettiin qeenxeen Jaappaan keessatti misiyoonii taatee waggaa 30 oliif tajaajilte tokko, jiʼa sadiif Jaappaan deemee akkan tajaajilu na afeerte. Ishii wajjin tajaajiluun koo, fedhii biyya alaa dhaqee tajaajiluuf qabu naaf guddiseera.” Weendiin walakkeessa bara 1980tti, odoola Vaanuwaatuu jedhamtuu fi baha Awustiraaliyaa fageenya kiiloo meetira 1,770 irratti argamtu deemte.

Weendiin amma iyyuu Vaanuwaatuu kan jirtu siʼa taʼu, yeroo ammaatti waajjira hiikkaa fagoo tokko keessa tajaajilaa jirti. Akkana jetteetti: “Naannoowwan fagoo taʼanitti gareewwanii fi gumiiwwan yommuu hundeeffaman arguun guddaa na gammachiisa. Odoola kana keessatti hojii Yihowaa irratti gaʼee xinnoo qabaachuun koo, mirga guddaa jechaan ibsamuu hin dandeenye akka taʼe natti dhagaʼama.”

Kuumiikoo (gidduu)

Kuumiikoo ishiin umurii walakkeessa waggoota 60mmannii keessatti argamtuu fi Jaappaan keessatti qajeelchituu yeroo hundaa taatee tajaajilaa turte, qajeelchituun ishii wajjin tajaajiltu tokko gara Neeppaal akka deeman ishii gaafattee turte. Kuumiikoon akkana jetti: “Irra deddeebitee na gaafachaa kan turte taʼus, ani tole hin jennen ture. Qooqa haaraa barachuu fi naannoo haaraa wajjin wal baruun na yaaddessee ture. Qarshii biyya alaa deemee tajaajiluuf na barbaachisu argachuunis natti ulfaatee ture. Wanta na yaaddessuu wajjin utuman qabsaaʼaa jiruu, utuun doqdoqqee oofuu balaan waan ana irra gaʼeef mana yaalaan seene. Utuman achi jiruu akkana jedheen yaade: ‘Kana booda hoo maalan taʼa laata? Dhukkuba cimaadhaan qabamuu ykn carraan biyya alaatti qajeelchituu taʼee tajaajiluuf qabu nan dhaba taʼa. Yoo xinnaate waggaa tokkittiif illee biyya alaa dhaqee tajaajiluu hin dandaʼuu?’ Yihowaan tarkaanfii akkan fudhadhu akka na gargaaru garaadhaan isa kadhadhe.” Kuumiikoon mana yaalaatii erga baatee booda, Neeppaaliin daawwachuu deemte; yeroo boodas ishii fi qajeelchituun ishii wajjin tajaajilaa turte sun gara Neeppaal deeman.

Kuumiikoon waaʼee waggoottan kurnan Neeppaalitti tajaajilaa turtee yommuu yaadattu akkana jetteetti: “Rakkoowwan na dhiphisanii turan akkuma Galaana Diimaa ana duratti bakka lamatti hiraman. Bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisan deemee tajaajiluun koo baayʼee na gammachiisa. Yeroo baayʼee, maatii tokkotti waaʼee ergaa Kitaaba Qulqulluu yommuun itti himu, ollaawwan isaanii shan ykn jaʼa taʼan dhufanii dhaggeeffatu. Ijoollee xixinnoon illee, tiraaktii waaʼee Kitaaba Qulqulluu dubbatu akkan isaaniif kennu ulfinaan na gaafatu turan. Naannoo namoonni hedduun dhugaa fudhachuuf fedhii qaban kanatti lallabuun nama gammachiisa.”

HAALA RAKKISAA DAMDAMACHUU

Obboleettonni ija jabeeyyiin gaafannoo gooneef kun haalli rakkisan kan isaan mudate taʼuun isaan nama hin dinqisiisu. Damdamachuu kan dandaʼan akkamitti?

Daayaan

Daayaan ishiin Kaanaadaa jiraattu, “Jalqaba irratti maatii koo irraa baayʼee fagaadhee deemuun natti ulfaatee ture” jetteetti. Amma umuriin ishii jalqaba waggoota 60mmannii keessa kan jiru siʼa taʼu, misiyoonii taatee Ayiivoorii Koosti (yeroo ammaatti Koot Diivuwaar jedhamtu) keessatti waggaa 20f tajaajilteetti. Akkana jetteetti: “Namoota naannoo tajaajilaa koo keessa jiran jaallachuuf akka na gargaaru Yihowaa nan kadhadhe. Barsiisota Giiliʼaaditti nu barsiisan keessaa obboleessi keenya Jaak Reedfordi, jalqaba irratti haala naannoo tajaajilaa keenya keessatti nu mudatuun, keessumaa immoo hiyyummaa cimaa arguun akka nu jeequ, darbees nu naasisu akka dandaʼu nutti himee ture. Haa taʼu malee akkana jedhe: ‘Hiyyummaa sana hin ilaalinaa. Namoota irratti, jechuunis fuula isaanii fi ija isaanii irratti xiyyeeffadhaa. Deebii isaan dhugaa Kitaaba Qulqulluu yeroo dhagaʼanitti kennan irratti xiyyeeffadhaa.’ Wantin godhes kanuma ture; kunis eebba guddaa naaf argamsiiseera! Ergaa Mootummichaa nama jajjabeessu namootatti yommuun himu, fuulli isaanii gammachuudhaan ifa ture!” Wanti Daayaan biyya alaatti tajaajiluu akka bartu ishii gargaare kan biraan hoo maal ture? Akkana jetteetti: “Barattoota Kitaaba Qulqulluu kootti caalaatti dhihaachuu dandaʼeera; isaan tajaajiltoota Yihowaa amanamoo yommuu taʼan arguun gammachuu guddaa naaf argamsiisa. Bakki ani itti ramadame mana koo taʼeera. Akkuma Yesuus waadaa gale, karaa hafuuraa haadhotii fi abbootii, obbolootaa fi obboleettota argadheera.”—Mar. 10:29, 30.

Aan, ishiin walakkeessa umurii waggaa 40mmannii keessa jirtu, Eeshiyaa bakka hojiin keenya itti dhorkame keessa tajaajilaa jirti. Akkana jetteetti: “Waggoottan biyyoota alaa adda addaa keessa itti tajaajiletti, obboleettota akkaataa guddinaa fi amalaa ana irraa baayʼee adda taʼe qabanii wajjin jiraadheera. Kanaan kan kaʼes, al tokko tokko, gidduu keenyatti walitti buʼiinsi uumamee kan ture siʼa taʼu, yeroon miirri koo itti midhames jira ture. Yeroo akkasitti, obboleettota anaa wajjin jiraatanitti caalaatti dhihaachuu fi aadaa isaanii caalaatti hubachuufan carraaqa. Kana malees, caalaatti isaan jaallachuu fi haala isaa hubachuufan yaalii godha. Carraaqqiin koo buʼaa gaarii argamsiisuun isaa na gammachiiseera; kunis michummaa cimaa yeroo dheeraadhaaf ture qabaachuu fi naannoo tajaajilaa koo keessa turuuf na gargaareera.”

Uuta

Uuta ishiin Jarmanii jiraachaa turtee fi amma jalqaba umurii waggoota 50mmanii keessa jirtu, bara 1993tti misiyoonii taatee Maadaagaaskaaritti ramadamtee turte. Akkana jetteetti: “Jalqaba irratti, qooqa haaraa barachuu fi haala qilleensaa jiidhaa taʼee wajjin wal baruun natti ulfaatee ture; akkasumas dhukkuba busaa, ameebaa fi maxxantoota damdamachuun qaba ture. Haa taʼu malee, gargaarsa hedduu argadheera. Obboleettonni naannoo sanaa fi ijoolleen isaanii, akkasumas barattoonni Kitaaba Qulqulluu koo qooqa sana akka gaariitti akkan baradhu obsaan na gargaaraniiru. Obboleettiin misiyoonii taatee anaa wajjin tajaajiltus, yommuun dhukkubsadhu jaalalaan na kunuunsiti turte. Hunda caalaa garuu kan na gargaare Yihowaa dha. Yeroo hunda wanta na dhiphisu kadhannaadhaan Yihowaa durattin dhangalaasa ture. Achiis kadhannaan koo hanga deebii argatutti guyyootaaf, al tokko tokko immoo jiʼootaaf obsaan eeguun na barbaachiseera. Yihowaanis rakkoo hundaaf furmaata kenneera.” Uutan Maadaagaaskaar keessatti tajaajiluu erga eegaltee amma waggaa 23 taʼa.

JIREENYA EEBBAAN GUUTAME

Akkuma obboloota bakka babalʼistoonni mootummichaa caalaatti barbaachisan deemanii tajaajilan kaanii, obboleettonni qeenxeen biyya alaa deemanii tajaajilanis jireenyi isaanii eebbaan kan guutame akka taʼe dubbatu. Eebbaawwan kamfaa argataniiru?

Haayidii

Haayiidii ishiin Jarmanii jiraachaa turtee fi yeroo ammaatti umurii jalqaba waggoota 70mmanii keessa jirtu, bara 1986 eegalee misiyoonii taatee Ayiivoorii Koosti (yeroo ammaatti Koot Diivuwaar jedhamtu) keessatti tajaajilaa turteetti. Akkana jetteetti: “Wanti hunda caalaa gammachuu naaf argamsiisu, ijoolleen koo hafuuraa ‘dhugaadhaan deddeebiʼaa akka jiran’ arguu koo ti. Namoonni ani kanaan dura Kitaaba Qulqulluu qoʼachiise tokko tokko, amma qajeelchitootaa fi jaarsolii gumii taʼaniiru. Baayʼeen isaanii Harmee ykn Akkoo jedhanii na waamu. Isaan keessaa jaarsi gumii tokko, haati manaa isaa fi ijoolleen isaa, akkuma miseensa maatii isaaniitti na ilaalu. Kanaaf Yihowaan ilma, haadha manaa ilmaa fi ijoollee ijoollee sadii naaf kenneera jechuu nan dandaʼa.”—3 Yoh. 4.

Kaaran (gidduu)

Kaaran ishii Kaanaadaa jiraachaa turtee fi yeroo ammaatti umuriin ishii jalqaba waggoota 70mmannii keessa jirtu, waggoota 20 oliif Dhiha Afriikaa keessa tajaajilteetti. Akkana jetteetti: “Jireenyi misiyoonummaa fedhii koo aarsaa gochuu, jaalalaa fi obsa qabaachuu caalaatti na barsiiseera. Kana malees, namoota lammii adda addaa qaban hedduu wajjin tajaajiluun ilaalcha koo akkan balʼifadhu na gargaareera. Wanta tokko karaa adda addaatiin hojjechuun akka dandaʼamu baradheera. Addunyaa maratti michoota akkan qabu beekuun eebba guddaa dha! Jireenyi keenyaa fi bakki tajaajillu jijjiiramus, michummaan keenya garuu amma iyyuu itti fufeera.”

Maargaareet ishiin Ingilizii jiraachaa turtee fi amma umurii waggoota 70mmanii keessa jirtu, misiyoonii taatee Laaʼoos keessa tajaajilaa jirti. Akkana jetteetti: “Biyya alaatti tajaajiluun Yihowaan akkamitti namoota gosaa fi akkaataa guddinaa garaa garaa qaban, gara jaarmiyaa isaatti akka harkisu arguuf carraa naaf baneera. Kun immoo amantii koo baayʼee naaf cimseera. Yihowaan jaarmiyaa isaa geggeessaa akka jiruu fi kaayyoon isaa akka raawwatamu amanannaa guutuu akkan qabaadhu na taasiseera.”

Dhuguma iyyuu, obboleettonni qeenxeen biyya alaatti tajaajilaa jiran, tajaajila Yihowaa irratti seenaa guddaa galmeessisaa jiru. Isaan galateeffachuun barbaachisaa dha. (Abo. 11:40) Kan nama dinqisiisu immoo, lakkoofsi isaaniis dabalaa jira. (Far. 68:11) Ati hoo haala kee sirreessitee fakkeenya obboleettota hinaaffaa qabanii fi mata duree kana keessatti gaafannoon godhameef hordofuu ni dandeessaa? Taanaan, ‘gaarummaan Waaqayyoo attam akka taʼe, miʼeeffattee akka ilaaltu’ hin shakkisiisu.—Far. 34:8.