Fakkeenya 16:1-33

  • Yihowaan kakaʼumsa namootaa ni qora (2)

  • Wanta raawwattu Yihowaatti kennadhu (3)

  • Madaalliin sirrii taʼe Yihowaa biraa argama (11)

  • Koorri kufaatii dura jira (18)

  • Harriin gonfoo miidhaginaa ti (31)

16  Namni yaada garaa isaa ni qopheeffata,*Deebiin inni kennu* garuu Yihowaa biraa dhufa.+   Namni daandiin isaa hundi sirrii* fakkaatee itti mulʼata,+Yihowaan garuu kakaʼumsa* namootaa ni qora.+   Wanta raawwattu hundumaa Yihowaatti kennadhu,*+Karoorri kees siif ni milkaaʼa.   Yihowaan kaayyoo isaa raawwachuuf wanta hundumaa tolcheera,Hamoota warra guyyaa badiisaatti adabaman illee kaayyoo isaatiif qopheesseera.+   Namni garaa isaatti boonu hundi Yihowaa duratti jibbisiisaa dha.+ Inni utuu hin adabamin akka hin hafne mirkanaaʼaa taʼi.   Jaalala amanamaa fi amanamummaadhaan balleessaadhaaf araarri ni argama,+Namnis Yihowaa sodaachuudhaan wanta hamaa irraa ni fagaata.+   Yihowaan daandii namaatti yommuu gammadu,Diinonni isaa illee isaa wajjin nagaa akka qabaatan godha.+   Jalʼina haqaatiin galii guddaa argachuu mannaa,Qajeelummaadhaan wanta xinnoo argachuu wayya.+   Namni garaa isaa keessatti daandii isaa ni karoorfata,Tarkaanfii isaa kan isaaf qajeelchu garuu Yihowaa dha.+ 10  Mootiin murtii Waaqayyoo dubbachuu qaba;+Matumaa haqa jalʼisuu hin qabu.+ 11  Safartuunii fi madaalliin sirrii taʼe Yihowaa biraa argama;Dhagoonni madaallii korojoo keessatti argaman hundis hojiiwwan harka isaa ti.+ 12  Teessoon jabaatee kan dhaabbatu qajeelummaadhaan waan taʼeef,+Gochi hamaan mootota biratti jibbisiisaa dha.+ 13  Dubbii qajeelaan mootota ni gammachiisa. Isaan nama dhugaa dubbatu ni jaallatu.+ 14  Aariin mootii akkuma ergamaa duʼaa ti,+Namni ogeessi garuu isa ni qabbaneessa.*+ 15  Ifa fuula mootii keessa jireenyi jira;Isa biratti fudhatama argachuun akkuma duumessa bokkaa arfaasaa fiduu ti.+ 16  Warqii mannaa ogummaa argachuun caalmaa guddaa qaba!+ Hubannaa argachuunis meetii argachuu irra filatamaa dha.+ 17  Qajeelonni daandii hamminaa irraa ni fagaatu. Namni daandii isaa eeggatu kam iyyuu lubbuu isaa oolfata.+ 18  Koorri* kufaatii dura jira,Hafuurri of tuulummaas gufannaa dura jira.+ 19  Boojuu warra of tuulanii hirachuu mannaaWarra garraamii gidduutti gad of qabuu* wayya.+ 20  Namni dhimma tokko irratti hubannaa akka qabu argisiisu milkaaʼina* argata,Namni Yihowaatti amanamus gammadaa dha. 21  Namni garaan isaa ogeessa taʼe, nama hubannaa qabu jedhama,+Namni gaarummaadhaan dubbatus* dandeettii amansiisuu qaba.+ 22  Hubannaan warra ishii argataniif madda jireenyaa ti,Gowwoonni garuu gowwummaa isaaniitiin ni adabamu. 23  Garaan nama ogeessa taʼee afaan isaatiif hubannaa kenna,+Dubbii isaatiifis dandeettii amansiisuu dabala. 24  Dubbiin nama gammachiisu dhaaba dammaa ti,Lubbuutti* ni miʼaawa, lafees ni fayyisa.+ 25  Daandiin sirrii fakkaatee namatti mulʼatu jira,Dhuma irratti garuu gara duʼaatti geessa.+ 26  Beelli* isaa waan isa dirqisiisuuf,Namni hojjetaa taʼe fedhiin nyaataa* isaa cimee akka hojjetu isa godha.+ 27  Namni gatii hin qabne wanta hamaa taʼe qotee baasa;+Dubbiin isaa akka ibidda waxaluu ti.+ 28  Namni rakkina uumu* lola kakaasa,+Namni maqaa balleessus michoota walitti dhihaatan gargar baasa.+ 29  Namni hamaan ollaa isaa gowwoomsa,Daandii dogoggoraa irras isa oofa. 30  Inni hammina yaadee ija isaatiin dubbata. Hidhii isaa ciniinnatee gocha hamminaa raawwata. 31  Daandii qajeelummaa irra deemuudhaan yommuu argamu+Harriin gonfoo miidhaginaa* ti.+ 32  Namni dafee hin aarre+ nama jabaa irra,Namni aarii isaa toʼatus* nama magaalaa injifatu irra wayya.+ 33  Carraan gudeeda irratti buufama,+Wanti karaa isaa murteeffamu hundi garuu Yihowaa biraa dhufa.+

Miiljaleewwan

Ykn., “deebii sirriin.” Kal., “deebiin arrabaa.”
Kal., “Garaa qindeeffachuun kan namaa ti.”
Kal., “qulqulluu.”
Kal., “hafuura.”
Kal., “Hojiiwwan kee Yihowaa irratti gati.”
Ykn., “ni hambisa.”
Ykn., “Boonuun.”
Kal., “hafuura gad qabame.”
Kal., “wanta gaarii.”
Ykn., “Dubbiin namatti tolus.” Kal., “Miʼaayinni hidhiis.”
Ykn., “Afaanitti.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “lubbuun.”
Kal., “Afaan.”
Ykn., “hammina yaadu.”
Ykn., “ulfinaa.”
Kal., “hafuura isaa irratti bulchu.”