Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Bifa Alaan Mulʼatu Irra Darbitee Ilaaluu ni Dandeessaa?

Bifa Alaan Mulʼatu Irra Darbitee Ilaaluu ni Dandeessaa?

DOON inni Dhugaa Baatota Yihowaa Kaanaadaa keessa jiran keessaa tokko taʼe, namoota daandii irra jiraatan haasofsiisuuf carraaqqii addaa godha. Doon namoota kana keessaa waaʼee isa tokkoo yeroo dubbatu akkana jedheera: “Namoota mana hin qabnee fi karaa irra jiraatan keessaa nama akka Piitar baayʼee xuraaʼaa taʼe argee hin beeku. Kan nama jibbisiisu taʼuu isaa irra iyyuu tooftaa namoota ittiin of irraa fageessu qaba ture. Yeroo baayʼee gaarummaa namoonni isaaf gochuuf yaalan hedduu fudhachuu dideera.” Haa taʼu malee, Doon hamma isaaf dandaʼametti nama mana hin qabne kanatti gaarummaa argisiisuuf waggoota 14 oliif obsaan carraaqqii godheera.

Gaaf tokko Piitar, Dooniin akkana jedhee gaaffate: “Maaliif anaa wajjin rakkata? Namni hundi kophaatti na dhiiseera. Waaʼeen koo kan si yaadeessu maaliifi?” Doon garaa Piitar tuquuf jecha malaan caqasoota sadiitti fayyadameera. Jalqaba, Waaqayyoo maqaa dhuunfaa akka qabu kan beeku taʼuu isaa erga isa gaafatee booda, kallattiidhaan Kitaaba Qulqulluu irraa Faarfannaa 83:18 akka dubbisu isa afeere. Achiis, maaliif akka isaaf yaadu itti argisiisuuf Doon Roomaa 10:13, 14 isa “namni maqaa Yihowaa waammatu hundi ni fayya” jedhu Piitariif dubbise. Dhuma irratti, Doon Maatewos 9:36 erga dubbise booda, Piitaris ofuma isaatii akka dubbisu isa gaafate. Caqasichi akkana jedha: “[Yesuus] namoota hedduu sana yommuu argu, isaan akka hoolota tiksee hin qabneetti cunqurfamanii, akkasumas dagatamanii waan turaniif baayʼee isaaniif gadde.” Yeroo kanatti Piitar, iji isaa imimmaaniin guutamee, “Ani hoolota kana keessaa tokkoo?” jedhee isa gaafate.

Piitar jijjirama gochuu jalqabe. Qaama isaa dhiqate, areeda isa gaggabaabfate, akkasumas uffata gaarii Doon kenneef uffate. Sana booda Piitar qulqullina qaamaa isaa eggatee itti fufeera.

Piitar yaadannoo mataa isaa guyyaa guyyaadhaan ni barreeffata ture. Wantoonni inni gara jalqabaatti barreesse kan nama gaddisiisanii fi abdii kan nama kutachiisan turan; wantoonni inni gara boodatti barreesse garuu adda turan. Yaadannoo inni barreesse keessaa tokko akkana jedha: “Harʼa maqaa Waaqayyoo bareera. Amma yeroon kadhadhu, Yihowaa kadhachuu nan dandaʼa. Maqaa isaa beekuun baayʼee nama gammachiisa. Doon, Yihowaan michuu koo taʼuu akka dandaʼu, maal iyyuu ykn yeroo akkamiitti iyyuu yoon kadhadhe yeroo hunda na dhageeffachuuf yeroo akka qabu natti himeera.”

Yaadannoon Piitar xumura irratti obbolaa isaatiif barreesse akkana jedha:

“Harʼa fayyaan natti hin dhagaʼamu. Umuriin koo waan gara dhumaa gaʼe natti fakkaata. Guyyaan kun anaaf guyyaa dhumaa yoo taʼe illee, michuu koo [Doon] deebiʼee Jannata keessatti akkan argadhu nan beeka. Yaadannoo kana yeroo dubbistaanitti, ani lubbuudhaan hin jiru. Haa taʼu malee, sirna awwalachaa koo irratti nama haaraa tokko yoo argitan, isa haasofsiisaa, akkasumas maaloo kitaaba xinnoo cuquliisa kana [kitaaba, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaruu fi “Dhugaa Jireenya Bara Baraatti Geessu” jedhu waggoota dura isaaf kenname jechuu isaa ti] dubbisaa. * Gaaf tokko Jannata keessatti michuu koo deebisee akkan argu dubbata. Kana garaa koo guutuudhaaniin amana. Obboleessa keessan isin jaallatu, Piitar.”

Obboleettiin Piitar Uumiin sirna awwaalchaa isaa booda akkana jettetti: “Gara waggaa lamaa dura Piitarii wajjin wal arginnee turre. Waggoota dheeraa booda yeroo jalqabaatiif gammachuu kan qabu fakkaata. Seeqee illee ture.” Dooniin akkana jetteetti: “Kitaaba kana nan dubbisa; sababiin isaas wanti garaa obboleessa koo tuqe adda taʼuu qaba.” Kana malees, Uumiin kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼaachuuf walii galteetti.

Nutis bifa alaan mulʼatu irra darbinee ilaaluu, jaalala dhugaa argisiisuu fi akaakuu namootaa hundatti obsa argisiisuu dandeenya. (1 Xim. 2:3, 4) Akkas kan goonu yoo taʼe, namoota akka Piitar ija namootaatti kan hin tole, garuu garaa qajeelaa qaban dhugaa akka fudhatan kakaasu dandeenya. Waaqayyo inni ‘garaa ilaalu’ dhugaan namoota garaa qajeelaa qaban keessatti akka guddatu akka godhu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—1 Sam. 16:7; Yoh. 6:44.

^ key. 7 Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaaʼe; amma maxxanfamaa hin jiru.