Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Daldaltoonni mana qulqullummaa Yerusaalem keessatti beeyilada gurguraa turan “saamtota” jedhamuu dandaʼuu?

WANGEELLI MAATEWOS akkana jedha: “Yesuus mana qulqullummaa seenee, warra mana qulqullummaa keessatti bitanii fi gurguran hunda achi keessaa ariʼe; minjaala warra gugee gurguraniis ni gaggaragalche. Achiis, ‘Manni koo mana kadhannaa jedhama’ jedhamee barreeffameera; isin garuu holqa saamtotaa gochaa jirtu.”—Mat. 21:12, 13.

Barreeffamoonni seenaa warra Yihudootaa, daldaltoonni mana qulqullummaa gatii baayʼee guddaa taʼe gaafachuudhaan maamiltoota isaanii saamaa akka turan ibsu. Fakkeenyaaf, Mishnaan (Keeritot 1:7) wanta Dh.K.B. jaarraa tokkoffaatti raawwatame yeroo ibsu, gugeen aarsaadhaaf dhihaatan lama dinaaree warqee tokkoon gurguramaa akka turan dubbateera. Kunis mindaa hojjetaan ogummaa hin qabne tokko guyyoota 25f hojjetee argatuu wajjin qixxee ture. Gugee dhiheessuun hiyyeessotaaf aarsaa fudhatama qabu kan ture taʼus, gatiin isaanii garuu baayʼee miʼaa hin turre. (Lew. 1:14; 5:7; 12:6-8) Rabbiin Saayimoon been Gamaaliʼel jedhamu gochaa kanaan baayʼee aaree waan tureef, lakkoofsa aarsaawwan dirqama dhihaachuu qabani hirʼisee ture; achiis yeruma sana gatiin gugee lamaa baayʼee gadi buʼeera.

Wantoota olitti ibsaman irratti hundaaʼuudhaan, Yesuus daldaltoota mana qulqullummaa qabeenya warra kaanii karaa sirrii hin taaneen waan isaan irraa fudhatanii fi sassattoota waan turaniif “saamtota” jedhee isaan waamuun isaa sirrii ture.