Dhimma ijoo ta'etti seeni

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

“Kana Booda Ofitti hin Qaanaʼu”

“Kana Booda Ofitti hin Qaanaʼu”
  • Bara Dhalootaa: 1963

  • Biyya Dhalootaa: Meeksikoo

  • Seenaa: Hiyyeessa mana hin qabne, gad aantummaan kan itti dhagaʼamu

JIREENYA KOO DURAA

 Kanan dhaladhe magaalaa Siyuutaat Obregoon ishii kaaba Meeksikootti argamtu keessatti yommuu taʼu, ijoollee sagal warri koo qaban keessaa ani shanaffaa dha. Kan jiraannu qarqara magaalichaa yommuu taʼu, abbaan koo lafa qonnaa xinnoo qaba ture. Bakkichi jiraachuuf baayʼee namatti tola, maatiin keenyas tokkummaa fi gammachuu kan qabu ture. Kan nama gaddisiisu garuu, yommuu umuriin koo waggaa shan turetti bubbee hamaan bakka qonnaa keenya waan balleesseef gara magaalaa kan biraa deemnee jiraachuu qabna turre.

 Abbaan koo akka gaariitti qarshii argata ture. Taʼus garmalee dhugaatii alkoolii dhuguu jalqabe. Kun immoo gaaʼela isaa fi ijoollee isaa hunda irratti miidhaa geessise. Anii fi obboloonni koo warri angafni lamaan abbaa keenya jalaa hatuudhaan sijaaraa xuuxuu jalqabne. Umuriin koo waggaa jaʼa yommuu taʼu yeroo jalqabaatiif dhugaatii alkoolii dhugeen machaaʼe. Achiis utuu hin turin warri koo kan gargar baʼan yommuu taʼu, araadni koos garmalee itti caalaa deeme.

 Haati koo nu fudhattee namicha tokkoo wajjin jiraachuuf deemte. Namichi kun haadha keenyaaf qarshii waan hin kennineef, galii ishiin argattuun qofa jiraachuu hin dandeenye. Kanaafuu, anii fi obboloonni koo hojii dandeenyu hunda hojjenna turre; qarshiin argannu garuu wantoota buʼuuraa nu barbaachisan ittiin bitachuuf illee kan gaʼu miti. Kophee nan qulqulleessa, daabboo, gaazexaa, maastiikaa fi wantoota biroo nan gurguran ture. Akkasumas magaalaa keessa jooreen bakka namoonni sooressa taʼan balfaa itti gatan keessaa waan nyaatamun barbaada ture.

 Umuriin koo waggaa kudhan yommuu turetti namichi tokko bakka balfaa magaalaa itti gatan keessatti akkan isaa wajjin hojjedhu na gaafate. Achiis mana barumsaa dhiiseen, akkasumas manaa baʼeen hojicha jalqabe. Namichi sunis, guyyaatti doolaara Ameerikaa tokkoo gad naa kaffala; akkasumas nyaata bakka itti balfaa gatan keessaa fuudhame naaf kenna ture. Godoo ani wantoota gataman irraa ijaare keessan jiraadha ture. Namoonni naannoo koo jiran dubbii gurra namaatti hin tolle kan dubbatanii fi halalummaa kan raawwatani dha. Baayʼeen isaanii araada qoricha sammuu hadoochuu kan qabanii fi dhugaatii alkoolii garmalee kan dhugani dha. Jireenya koo keessatti yeroo baayʼee jibbisiisaa waan taʼeef, yeroo hunda halkan nan booʼa; akkasumas sodaadhaanan hoolladha ture. Hiyyuma koo fi barumsa dhabuu koo irraa kan kaʼe qaanii guddaatu natti dhagaʼama. Magaalaa Meeksikootti argaman keessaa bakka biraa hamman deemetti waggaa sadiif bakka balfaa itti gatan keessan jiraadhe. Magaalaa sanatti maasii abaaboo fi jirbii funaanan, akkasumas shankoora walitti qabanii fi dinnicha oomishan keessattan hojjechaa ture.

Bakka balfaa itti gatan akkanaa keessa waggaa sadiif jiraadheera

 Waggaa afur booda gara magaalaa Siyuutaat Obregoonittin deebiʼe. Adaadaan koo ishiin qaalluu taate mana ishiitti kutaa tokko naaf kennitee achi jiraachuun jalqabe. Halkan abjuun na rakkisuu jalqabe; kanaan kan kaʼes waanan dhiphadheef of ajjeesuun yaada ture. Gaaf tokko halkan; “Yaa Gooftaa ati yoo jirta taʼe si baruun barbaada, bara baraafis si tajaajiluun barbaada. Amantiin dhugaa yoo jiraate baruun barbaada” jedheen Waaqayyoon kadhadhe.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

 Yeroo hunda waaʼee wantoota hafuuraa beekuuf fedhiin qaba. Yeroon ijoollee turetti illee manneen sagadaa adda addaa hedduu kanan deeme taʼus, waaʼeen isaanii baayʼee na burjaajesse. Isaan keessaa tokko illee waaʼee Kitaaba Qulqulluu kan dubbatu ykn fedhii hafuuraa koo guuttachuuf kan na gargaare hin jiru. Isaan keessaa tokko tokko qarshiidhaaf iddoo guddaa kennu; miseensonni isaanii kaan immoo halalummaa kan raawwatani dha.

 Umuriin koo waggaa 19 yommuu turetti, abbaan manaa obboleettii koo, wanta Dhugaa Baatonni Yihowaa fakkii amantiitti fayyadamuu ilaalchisee Kitaaba Qulqulluu irraa isatti argisiisan natti hime. Baʼuu 20:4, 5 naaf dubbise. Caqasichi bifa qirixame tolfachuu akka hin qabne dubbata. Lakkoofsi 5 akkana jedha: “Ati bifa fakkeenyaa kanaaf hin sagadin, isaafis hin hojjetin! Ani Waaqayyo gooftaan kee Waaqayyo hinaafaa dha.” Achiis akkana jedhee na gaafate; “Waaqayyo dinqiiwwan raawwachuuf fakkiiwwanitti fayyadama utuu taʼee ykn isa waaqeffachuuf fakkiiwwanitti akka fayyadamnu kan barbaadu utuu taʼee akka itti hin gargaaramne maaliif dhorke?” Gaaffiin kun caalaatti baruuf na kakaase. Sanaan booda, Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼuudhaan waaʼee dhimmoota baayʼee mariʼanne. Mariin gochaa turre sun baayʼee waan na gammachiisaniif utuu yaadin yeroon sokka ture.

 Boodas, walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa tokko irratti akkan argamu na fudhatee deeme. Wantin achitti argee fi dhagaʼe baayʼee na dinqisiise. Ijoolleen xixinnoon illee saganticha irratti kan hirmaatan taʼuu isaanii irra iyyuu waltajjii irra baʼanii akka gaariitti dubbatu! ‘Namoonni asitti barumsa dinqisiisaa akkamii argatu!’ jedheen yaade. Rifeensi mataa koo dheeraa kan turee fi akkaataan uffannaa koos kan namatti hin tolle taʼus, Dhugaa Baatonni miira hoʼaadhaan na simatan. Kana irra iyyuu darbee maatiin tokko walgaʼicha booda isaanii wajjin irbaata akkan nyaadhu na affeeran.

 Dhugaa Baatota wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kootiin kan kaʼe, Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa taʼuu isaa, qarshii fi iddoon hawaasa keessatti qabnu, sanyiin ykn sadarkaan barumsaa keenya maal iyyuu yoo taʼe akka nuuf yaadu baradheera. Waaqayyo dhuguma nama wal hin caalchisu. (Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Dhuma irratti fedhii hafuuraa koo guuttachuu dandaʼeera. Amma jireenya koo keessatti wanti natti hirʼate akka jiru natti hin dhagaʼamu.

FAAYIDAA ANI ARGADHE

 Guutummaan jireenya koo haala dinqisiisaa taʼeen jijjiiramuu jalqabe. Tamboo xuuxuu, dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu fi dubbii namatti hin tolle dubbachuu nan dhiise. Aariin ijoollummaa kootii kaasee natti dhagaʼamaa turee fi abjuun baayʼee na dhiphisu hafuu jalqabe. Kana booda, sababa rakkina cimaa ijoollummaa kootti na irra gaʼee fi barumsa dhabuu kootiin kan kaʼe, gatii akkan hin qabne natti hin dhagaʼamu.

 Haadha manaa Yihowaa jaallattuu fi deggersa guddaa naaf gootun qaba. Yeroo ammaa jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti daawwataa ol aanaa taʼee kanan tajaajilu yommuu taʼu, obbolootaa fi obboleettota maatii hafuuraa koo taʼan jajjabeessuu fi barsiisuuf gumiiwwan hedduu nan daawwadha. Humna Kitaabni Qulqulluun fayyisuuf qabuu fi barumsa ol aanaa Waaqayyo nuu kennuuf galanni haa taʼuutii, kana booda ofitti hin qaanaʼu.

Akkuman kanaan dura gargaarsa argadhe, anii fi haati manaa koos warra kaan gargaaruun nu gammachiisa