Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Namni Harka hin Qabne Tokko Dhugaa Kitaaba Qulqulluu Fudhate

Namni Harka hin Qabne Tokko Dhugaa Kitaaba Qulqulluu Fudhate

Namoonni yeroo dhiphatan nama taʼe tokko hammachuu barbaadu. Ani garuu harka waanan hin qabneef akkas gochuu hin dandaʼu. Lubbuu koo oolchuuf jecha umurii koo waggaa torbaatti harki koo lamaan ni kutame.

Haati koo bara 1960⁠tti yeroo na deessu umuriin ishii 17 ture. Abbaan koo ani dhalachuu koo dura haadha koo dhiisee deeme. Anii fi haati koo magaalaa xinnoo Jarman Bahaa durii keessatti argamtuu fi Bargi jedhamtu keessa warra haadha koo wajjin jiraanna turre. Maatii koo dabalatee namoonni baayʼeen Waaqayyotti hin amanan turan. Kanaaf, Waaqayyo jireenya keenya keessatti iddoo hin qabu ture.

Guddachaa yeroon deemu, akaakayyuun koo xiyyeeffannaa naa kennuu jalqabe. Hojii garaa garaa irratti akkan hirmaadhu, fakkeenyaaf muka yaabbadhee dameewwan mukaa akkan muru na ajaja ture. Wantoota kana baayʼeen jaalladhan ture. Yaaddoo malee fi gammachuudhaanan jiraadha ture.

BALAA JIREENYA KOO JIJJIIRE

Umuriin koo waggaa torba yeroo ture balaa cimaan na mudate. Reefuu kutaa lammaffaatti darbuu koo ture. Gara manaatti yeroon deebiʼu utubaa elektiriikiin yaabbadhe. Lafa irraa meetira saddeet ol fagaadhee utuun jiruu elektiriikiin waan na qabateef ofan wallaale. Hospitaala keessatti yeroon of baru harki koo akka naa hin ajajamnen hubadhe. Harki koo garmalee gubatee ture; balaan na irra gaʼe cimaa waan tureef, dhiigni koo akka hin summoofneef harki koo lamaan kutamuu qaba ture. Haati koo, akkoon koo fi akaakaan koo garmalee gaddan. Taʼus, ijoollee waanan tureef harka koo dhabuun koo jireenya koo irratti dhiibbaa akkamii akka geessisu sirriitti hin hubannen ture.

Hospitaalaa ergan baʼee booda barumsattan deebiʼe. Ijoolleen natti qoosu, na darbatu, akkasumas of irraa faccisuu waanan hin dandeenyeef waa natti daddarbatu turan. Gara jabinni isaanii kun baayʼee na miidhee ture. Dhuma irratti Mana Barumsaa Qaama Miidhamtootaa Birkanwarder jedhamuu fi ijoolleen qaama miidhamtootaa achuma jiraachaa itti baratan na galchan. Manni barumsaa kun mana keenya irraa fagoo waan taʼeef, haati koo, akkoon koo fi akaakaan koo qarshii ana bira dhufuuf isaan barbaachisu hin qaban turan. Yeroo manni barumsaa cufamu qofa wal argina. Waggoota kudhaniif haadha koo, akkoo koo fi akaakaa koo irraa adda baʼeen jiraadhe.

HARKA UTUU HIN QABAATIN GUDDACHUU

Wantoota hedduu miilla kootiin hojjechuu baradheera. Quba miillaatiin falʼaana qabatanii nyaachuun maal akka fakkaatu tilmaamaa. Ani garuu akkas gochuu dandaʼeera. Miilla kootiin ilkaan rigachuu fi rifeensa filachuus baradheera. Yeroon namootaa wajjin dubbadhus miilla kootiin sochii qaamaa gochuu jalqabeera. Miilli koo harka naaf taʼeera jechuu nan dandaʼa.

Dargaggummaa kootti asoosama saayinsii dubbisuun jaalladhan ture. Al tokko tokko harka nam-tolchee wantan barbaadu hojjechuuf na gargaaru qabaachuun hawwa. Umurii waggaa 14⁠tti tamboo xuuxuun jalqabe. Ofitti amanannaa akka naaf kennuu fi akkuma namoota kaanii akkan taʼe akka natti dhagaʼamu taasisa jedheen yaadan ture. Gochi koo akkana jechuu wajjin tokko ture: ‘Anis xuuxuu nan dandaʼa. Harka qabaatus qabaachuu baatus namni xuuxu nama beekaa dha.’

Sochiiwwan hawaasummaa irratti hirmaachuudhaan hojiidhaan of qabsiisaan ture. Dhaabbata dargaggoota soshaalistii Firii Jarman Yuuz jedhamuu fi Mootummaadhaan deggeramuuf barreessaa taʼee tajaajiluun jalqabe; miseensota dhaabbatichaa naannoo sana jiran keessaa itti gaafatamummaa guddaa qaban ture. Kana malees, miseensa garee sirbaa taʼeen ture; akkasumas walaloowwan dhiheessaa fi ispoortii qaama miidhamtootaa irratti hirmaachaan ture. Barumsa ergan fixee boodas, dhaabbata magaalaa keenyatti argamu keessa hojjechuun jalqabe. Ergan guddadhee booda, qaama guutuu qabaachuu waanan barbaaduuf yeroo baayʼee harka nam-tolcheen kaaʼadha ture.

DHUGAA KITAABA QULQULLUU FUDHACHUU

Gaaf tokko hojii deemuuf utuun baabura eeggachaa jiruu namni tokko gara koo dhufe. Waaqayyo harka koo lamaan utuu naa deebisee maaltu akka natti dhagaʼamu na gaafate. Wanti inni jedhe dalga natti taʼe. Harki koo akka naaf deebiʼu nan barbaada; taʼus akka ilaalcha kootti kun wanta hin dandaʼamne dha! Sababiin isaas Waaqayyo akka hin jirre mirkanaaʼaan ture. Guyyaa sanaa eegalee namicha sana baqachuun jalqabe.

Yeroo muraasa booda, dubartiin naa wajjin hojjetu warra ishii wajjin akkan wal baru na gaafatte. Buna utuu dhugaa jirruus warri ishii waaʼee Waaqayyoo, jechuunis waaʼee Yihowaa dubbachuu jalqaban. Waaqayyo maqaa akka qabu yeroo jalqabaatiifan dhagaʼe. (Faarfannaa 83:18, NW) Taʼus, keessa kootti, ‘Maqaan isaa eenyu iyyuu yoo taʼe Waaqayyo hin jiru. Dogoggoruu isaanii isaan amansiisuun qaban’ jedhe. Ilaalchi koo sirrii akka taʼe mirkanaaʼaa taʼus, Kitaaba Qulqulluu irratti mariʼachuufan walii gale. Kan nama dinqisiisu garuu, Waaqayyo akka hin jirre ragaa dhiheessuu hin dandeenye.

Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu qoruu keenya yeroo itti fufnu, ilaalchi koo inni Waaqayyo hin jiru jedhu suutuma suuta jijjiiramaa dhufe. Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu keessa jiran hedduun kan barreeffaman wanti sun taʼuu isaa waggoota dhibbaan ykn kumaan lakkaaʼaman dura taʼus raawwatamaniiru. Gaaf tokko Kitaaba Qulqulluu irratti yommuu mariʼannu, haala addunyaan amma keessa jiru raajiiwwan Maatewos boqonnaa 24, Luqaas boqonnaa 21 fi 2 Ximotewos boqonnaa 3 irra jiranii wajjin wal bira qabnee ilaalle. Akkuma mallattoowwan dhukkubaa garaa garaa doktoorri tokko dhibee nama tokkoo sirriitti beekuuf isa gargaaran, taʼeewwan garaa garaa raajiiwwan kana keessatti ibsaman “guyyoota dhumaa” keessa jiraachaa akka jirru hubachuuf na gargaaraniiru. * Baayʼee na dinqisiise. Raajiiwwan kun ifumatti raawwatamaa turan.

Wantin barachaa jiru dhugaa taʼuu isaa mirkanaaʼaan taʼe. Yihowaa kadhachuun jalqabe; waggaa kudhanii oliif garmalee tamboo xuuxaa kanan ture taʼus xuuxuu nan dhiise. Gara waggaa tokkoof Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu koo ittin fufe. Achiis Ebla 27, 1986 nan cuuphame; yeroo sanatti Jarman Bahaa keessatti hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa dhorkame waan tureef meeshaa qaama keessatti dhiqatan keessattin cuuphame.

NAMOOTA GARGAARUU

Hojiin keenya waan dhorkameef manneen dhuunfaa keessatti muraasa taane walitti qabamna turre; kanaaf Dhugaa Baatota muraasa qofan beeka ture. Akka tasaa abbootiin taayitaa gara Jarman Lixaa akkan deemu naa heyyaman; achitti hojiin keenya hin dhorkamne ture. Yeroo jalqabaatiif walgaʼiiwwan guguddaa irratti hirmaachuu fi obboloota kumaan lakkaaʼaman arguu dandaʼeera. Kun anaaf muuxannoo addaa ture.

Dallaan Barliin erga jigfamee booda, dhorkaan Dhugaa Baatota Yihowaa irra ture ni kaʼe. Yeroo dheeraa booda, Waaqa keenya Yihowaa bilisummaadhaan waaqeffachuu dandeenye. Kanaaf, hirmaannaan hojii lallabaa irratti qabu guddisuun barbaade. Taʼus, namoota hin beekne haasofsiisuu nan sodaadhan ture. Miidhama qaamaa qabaachuu kootii fi umurii ijoollummaa koo harka caalaa iddoo miidhamtoonni qaamaa jiraatan keessa jiraachuu kootiin kan kaʼe, namootaa gad akkan taʼe natti dhagaʼama ture. Haataʼu malee, bara 1992⁠tti jiʼatti saʼaatii 60 lallabuufan yaale. Kanan milkaaʼe siʼa taʼu gammachuus argachuu dandaʼeera. Kanaaf, jiʼa jiʼaan saʼaatii hammanaatiif lallabuufan murteesse; waggaa sadiifis akkana gochuu dandaʼeera.

Yaada Kitaaba Qulqulluu, “Dadhabaan eenyu? Ani dadhabaa mitii?” jedhu yeroo hundan yaadadha. (2 Qorontos 11:29) Qaamni koo miidhamus sammuu qaba, akkasumas dubbachuu nan dandaʼa. Kanaaf, namoota gargaaruuf hamman dandaʼe nan carraaqa. Harka waanan hin qabneef, haala namoota rakkina garaa garaa qabanii sirriitti hubachuu nan dandaʼa. Wanta tokko hojjechuuf baayʼee utuu barbaannuu hojjechuu yeroo dadhabnu maaltu akka namatti dhagaʼamu beeka. Kanaaf, namoota akkana isaanitti dhagaʼamu jajjabeessuun barbaada. Haala kanaan namoota gargaaruun na gammachiisa.

Misiraachicha warra kaanitti himuun na gammachiisa

YIHOWAAN YEROO HUNDA NA GARGAARA

Haa taʼu malee, al tokko tokko akkan dhiphadhu iftoominaan dubbachuun barbaada. Qaama guutuu qabaachuun barbaada. Wantoota hedduu ofii kootiin raawwachuu nan dandaʼa; taʼus namoota kaan caalaa yeroo, carraaqqii fi humna hedduu na gaafata. Yeroo hunda dhaadannoon koo, “Karaa isa humna anaaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba” kan jedhu dha. (Filiphisiyus 4:13) Guyyaa guyyaatti Yihowaan humna wanta garaa garaa raawwachuuf na gargaaru naa kenna. Yihowaan akka na gargaaruu hubadheera. Kanaaf anis matumaa isa tajaajiluu hin dhiisu.

Yihowaan wantan ijoollummaa kootti qabaachuu hawwaa ture, jechuunis maatii naa kenneera. Haadha manaa gaarii Eelkee jedhamtuu fi jaalala qabeettii fi gara laafettii taate qaba. Kana malees, Dhugaa Baatonni Yihowaa miliyoonaan lakkaaʼaman obboloota hafuuraa fi maatii biyyoolessaa naaf taʼaniiru.

Haadha manaa tiyya Eelkee ishii jaalala qabeettii taatee wajjin

Abdii Jannataa Waaqayyo kennes na jajjabeessa; abdiin kun yeroo raawwatamu Waaqayyo harka koo dabalatee “wantoota hundumaa haaraa” taasisa. (Mulʼata 21:5) Yesuus yommuu lafa irra ture wanta inni hojjete irratti yeroon xiinxalu abdiin kun caalaatti naaf dhugooma. Hamma liphsuu ijaatti namoota lamshaaʼanii fi nama gurri isaa murame fayyiseera. (Maatewos 12:13; Luqaas 22:50, 51) Abdiin Yihowaan kennee fi dinqiiwwan Yesuus raawwate, dhiheenyatti qaama guutuu akkan qabaadhu naa mirkaneessaniiru.

Eebbi inni guddaan garuu Yihowaa beekuu koo ti. Inni abbaa fi michuu koo taʼeera; na jajjabeessa, humnas naaf kenna. Miira Daawit Mootichatti dhagaʼamee turetu natti dhagaʼama. Akkana jedhee ture: “Waaqayyo aangoo koo ti . . . Ani gargaarsa argadheera, kanaafis garaan koo in ililcha.” (Faarfannaa 28:7) Bara jireenyaa koo hundatti dhugaa kana irraanfachuu hin barbaadu. Harka qabaachuu baadhus dhugaa kana fudhadheera.

^ KEY. 17 Mallattoowwan guyyoota dhumaa ilaalchisee ibsa balʼaa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqannaa 9⁠ffaa, “Kan Jiraannu ‘Guyyoota Gara Dhumaa’ Keessadhaa?” jedhu ilaali. Kitaabni kun Dhugaa Baatota Yihowaatiin maxxanfame; www.pr418.com/om irrattis ni argama.