Dhimma ijoo ta'etti seeni

Diyaabiloosiin kan Uume Waaqayyo Dhaa?

Diyaabiloosiin kan Uume Waaqayyo Dhaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Waaqayyoo Diyaabiloosiin akka hin uumne Kitaaba Qulqulluu irraa hubachuun ni dandaʼama. Kanaa mannaa qaama yeroo booda Diyaabiloos taʼe uume. Kitaabni Qulqulluun waaʼee Waaqayyoo akkana jedha: “Wanti wanti inni godhus mudaa hin qabu, karaan isaa hundinuus qajeelaa dha, inni Waaqayyo amanamaa dha, jal’innis isa keessa hin jiru, inni dhuga-qabeessaa fi qajeelaa dha.” (Keessa Deebii 32:3-5) Yaada kana irraa hubachuun akka dandaʼamutti, Diyaabiloos yeroo tokko maleekota ilmaan Waaqayyoo taʼanii fi mudaa hin qabne, akkasumas qajeelota turan keessaa isa tokko ture.

 Yesuus Yohaannis 8:44 irratti Diyaabiloos “dhugaatti jabaatee hin dhaabanne” jedhee dubbachuun isaa, Diyaabiloos yeroo tokko dhuga qabeessaa fi mudaa kan hin qabne akka ture argisiisa.

 Haa taʼu malee, akkuma uumamawwan Yihowaa dandeettii yaaduu qaban kaanii, maleekaan yeroo booda Seexana taʼe kunis wanta sirrii fi dogoggora taʼe filachuuf mirga qaba ture. Waaqayyoon mormuu filachuudhaan, akkasumas hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa akka isa deggeran gochuudhaan Seexana ykn “Mormituu” of godhe.—Uumama 3:1-5; Mulʼata 12:9.