Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Piraasliin, Siisheelsi, bakka bara 1881tti ajajaan waraanaa Goordan iddoo dhaabaa Eeden akka argate itti dhagaʼame

Jannata Lafa Irraa​—⁠Abjuu moo Dhugaa Dha?

Jannata Lafa Irraa​—⁠Abjuu moo Dhugaa Dha?

Jannata! Barruulee ykn televizyinii irratti iddoo bareedaa yeroo arginu, bashannanuuf, akkasumas rakkina keenya irraanfachuuf iddoo “jannata” fakkaatuu fi nu irraa fagaatee jiru sana deemuuf kakaana. Yeroo manatti deebinu garuu, rakkoowwan keenya bakkuma jiranitti akka nu eegan beekna.

Haa taʼu malee, hawwiin namoonni jannataaf qaban baayʼee cimaa dha. Gaaffiiwwan kana gaafachuun keenya sirrii dha caalaa wanti gochuu dandeenyu hin jiru: ‘“Jannanni” abjuu nama gammachiisu qofa dhaa? Taanaan namoonni akkas kan hawwan maaliifi? Dhugoomuu hoo ni dandaʼaa?’

BARSIIFATA JANNATAA WAJJIN WAL QABATE

Jaarraawwan hedduudhaaf waaʼeen jannataa qalbii namoota hedduu kan hawwatu taʼeera. Namoonni hedduun, waaʼee jannataa fedhii akka qabaatan kan godhe, Kitaaba Qulqulluu irratti ‘biyya gara baʼa-biiftuu keessaa Eedenitti iddoon dhaabaa tokko’ akka turte ibsamuu isaa ti. Jannata sana bareedduu kan taasise maali dha? Seenaan isaa akkana jedha: “Waaqayyo gooftaan mukkeetii ija namaa hawwatan garaa garaa, iji isaaniis nyaataaf baʼeessa taʼan lafa keessaa in biqilche.” Jannanni sun iddoo nama gammachiisuu fi gaarii turte. Wanti hunda caalaa nama hawwatu immoo, ‘mukti ija isaa nyaatanii jireenya namaaf kennu, iddoo dhaabaa sana walakkaa kan ture’ taʼuu isaa ti.—Uumama 2:8, 9.

Dabalataanis, kitaabni Seera Uumamaa jannata sana keessaa lageen afur yaaʼaa akka turan ibsa. Lageen kana keessaa lamaan isaanii, jechuunis Xegrosii fi Efraaxiis yeroo harʼaatti iyyuu jiru. (Uumama 2:10-14) Lageen kun lamaan, naannoo yeroo ammaatti Iraaq jedhamuu fi kanaan dura kutaa Faares durii ture keessa qaxxaamuranii Sulula Faaresitti yaaʼu.

Jannanni lafa irraa aadaa warra Faares keessatti kan beekamu taʼuun isaa nama hin dinqisiisu. Muuziyamii Artii Filaadelfiyaa, Pensilvaaniyaa, Yunaayitid Isteetisitti argamu keessa afatni warra Faares jaarraa 16ffaatti hojjetamee fi jannanni mukeetii fi abaaboo garaa gara qabu, akkasumas dallaan itti ijaarame irratti kaafame jira. Jechi warra Faares “iddoo dhaabaa biqiltootaa dallaan itti ijaarame” argisiisu “jannata” jechuus taʼuu ni dandaʼa; fakkiin afata sana irra jirus ibsa Kitaabni Qulqulluun dhaaba Eeden ishii bareedduu fi nama hawwattuuf kennuu wajjin kan wal fakkaatu dha.

Seenaan waaʼee jannataa dubbatu, afaanotaa fi aadaawwan hedduu addunyaa maratti argaman keessatti yeroo baayʼee dubbatama. Namoonni biyya tokkoo gara isa kaaniitti yeroo godaanan, seenaa jannataa naannoo isaaniitti beekamu naannoo biraatti waan geessaniif, jaarraawwan hedduu booda amantii fi sheekkoo biyya isaanii wajjin walitti makamaa dhufe. Yeroo harʼaatti illee, namoonni hedduun iddoowwan baayʼee bareedaa taʼan ibsuuf, jecha jannata jedhutti fayyadamu.

JANNATA BARBAADUU

Qorattoonni tokko tokko jannata ishii badde akka argatan isaanitti dhagaʼamee ture. Fakkeenyaaf, Chaarlis Goordan inni ajajaa waraanaa Biritaaniyaa ture bara 1881tti Siisheelsiin yeroo daawwatetti, bareedinni Vaalii dii Maa ishii yeroo ammaatti Hambaa Seenaa Addunyaa taate waan isa hawwateef iddoo dhaabaa Eeden akka taate dubbatee ture. Jaarraa 15ffaatti immoo, qorataan Xaaliyaanii Kiristoofar Kolombos jedhamu, odoola Ispaaniyoolaa, ishii yeroo ammaatti Rippuubliikii Doominikaanii fi Heeyitii jedhamtu yeroo argatetti waanuma iddoo dhaabaa Eeden argate isatti fakkaatee ture.

Kitaabni seenaa ammayyaa Mapping Paradise jedhamu tokko, kaartaawwan bara durii 190 ol taʼan kan qabate siʼa taʼu, isaan keessaa hedduun isaanii Addaamii fi Hewwaan Eeden keessa utuu jiranii argisiisu. Isaan keessaa tokko kaartaa jaarraa 13ffaa adda taʼee fi Beetas kitaaba durii Liibaanaa irratti ibse dha. Kaartaa kana karaa gubbaatiin saanduqni xinnoon roga afur qabuu fi gidduu isaatii jannata qabu kaafameera. Jannata sana keessaas lageen afurtu yaaʼa; isaanis “Xegros,” “Efraaxiis,” “Phiishon” fi “Giihon” jedhamanii moggaafamaniiru. Tokkoon tokkoon lageen kanaa kallattii afuritti kan yaaʼan siʼa taʼu, Kiristiyaanummaan kallattii afuriin lafa irratti babalʼachuu isaa argisiisa jedhamee yaadama. Fakkiiwwan akkasii, iddoon Jannanni jalqabaa itti argamu eessa akka ture beekamuu baatus, waaʼeen jannataa amma iyyuu xiyyeeffannaa namaa kan hawwatu taʼuu isaa mulʼisu.

Joon Miiltan inni barreessaa walaloo Ingilizii taʼe, walaloo isaa Paradise Lost jedhamuun beekama; walaloon isaa seenaa Seera Uumamaa irra jiruu fi Addaam cubbuu hojjechuudhaan Eedenii ariʼamuu isaa ibsu irratti kan hundaaʼe dha. Walaloo isaa kana irratti, “Lafti guutummaatti jannata taati” jechuudhaan, abdii namoonni lafa irra bara baraaf akka jiraataniif kenname ibseera. Miiltan yeroo booda itti fufuudhaan walaloo Paradise Regained jedhamu barreesseera.

WANTA DAGATAME

Kana irraa ifatti akka hubannutti, ilaalchi jannata ishii lafa irraa badde ilaalchisee jiru, seenaa ilmaan namootaa keessatti yaada xiyyeefannaa guddaan kennamuuf taʼeera. Yeroo ammaatti yaanni kun kan hafe maaliifi? Sababiin inni guddaan, kitaabni Mapping Paradise jedhamu akka ibsetti, “hayyoonni amantii taʼe jedhanii iddoo jannanni itti argamtuuf xiyyeeffannaa kennuu dhiisaniiru.”

Namoonni gara waldaa deeman hedduun, lafa jannata taatu irra utuu hin taʼin, samii irra akka jiraatan baratu. Taʼus, Kitaabni Qulqulluun Faarfannaa 37:29, hiika bara 1899 irratti akkana jedha: “Toloonni lafa in dhaalu; isa irras bara baraan in jiraatu.” Addunyaan harʼa keessa jiraannu jannata waan hin taaneef, abdiin kun akkamitti raawwatamuu dandaʼa? *

GUUTUMMAAN LAFAA JANNATA KAN TAATU AKKAMITTI?

Waaqni keenya Yihowaan inni Jannata ishii jalqabaa uume, jannata badde kana deebisee fiduuf waadaa galeera. Akkamitti? Yesuus, “Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee samii irratti taʼaa akka jiru, akkasuma lafa irrattis haa taʼu” jennee akka kadhannu akka barsiise yaadadhu. (Maatewos 6:10) Mootummaan kun, bulchiinsa addunyaa Yesuus Kiristoos jala jiru siʼa taʼu, bakka bulchiinsa ilmaan namootaa hunda buufama. (Daaniʼel 2:44) Bulchiinsa Mootummaa kanaa jalatti fedhiin Waaqayyo lafa irratti jannata fiduuf qabu ‘ni taʼa.’

Isaayaas raajichi, duraan dursee hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee wanta Jannata rakkoowwan yeroo ammaatti ilmaan namootaa irratti dhiphinaa fi walitti buʼiinsa uuman hundi itti balleeffaman akka dhufu barreesseera. (Isaayaas 11:6-9; 35:5-7; 65:21-23) Yeroo ramaduudhaan caqasoota kana Kitaaba Qulqulluu kee irraa akka dubbistu si jajjabeessina. Akkas gochuun kee, wanta Waaqayyo namoota isaaf ajajamaniif gara fuulduraatti qopheesse siif mirkaneessa. Namoonni achi keessa jiraatan wantoota Addaam dhabe lamaan, jechuunis jannataa fi surraa Waaqayyoo argatu.—Mulʼata 21:3.

Maarree abdiin jannata ilaalchisee kenname abjuu utuu hin taʼin, dhugaa taʼuu isaa mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu akkamitti? Kitaabni Qulqulluun, “Bantiiwwan waaqaa kan Waaqayyoo ti, lafa garuu ilmaan namaatiif kenne” waan jedhuufi. Lafa irratti Jannata fiduuf, ‘Waaqayyo isa sobuu hin dandeenyetu bara dheeraa dura abdachiise.’ (Faarfannaa 115:16; Tiitoo 1:2) Dhuguma iyyuu, Kitaabni Qulqulluun jannanni bara baraa akka dhufu abdii dinqisisaa taʼe kenna.

^ KEY. 15 Kana nama dinqisiisu Quraana irratti Al-Anbiyaa [Raajota] suuraa 21 lakkoofsa 105 irratti, “Qajeelonni tajaajiltoota koo gidduu jiran lafa ni dhaalu” jedha.