Dhimma ijoo ta'etti seeni

Namoonni Kan Duʼan Maaliifi?

Namoonni Kan Duʼan Maaliifi?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Namoonni kan duʼan maaliifi? jedhanii gaafachuun waanuma jiru dha. Keessumaa immoo nama jaallannu yommuu duʼaan dhabnu. Kitaabni Qulqulluun, “Ilkeen duʼa geessisu cubbuu dha” jedha.—1 Qorontos 15:56.

Namoonni hundi cubbuu kan hojjetanii fi kan duʼan maaliifi?

 Namoonni jalqabaa Addaamii fi Hewaan jireenya isaanii kan dhaban Waaqayyo irratti cubbuu waan hojjetaniifi. (Uumama 3:17-19) Waaqayyo “madda jireenyaa” waan taʼeef isa irratti finciluun isaanii duʼa akka isaan irraan geessisu ifa dha.—Faarfannaa 36:9; Uumama 2:17.

  Addaam rakkina cubbuun fidu sanyii isaa hundumaatti dabarseera. Kitaabni Qulqulluun, “Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale, duutis karaa cubbuu dhufe; kanaafuu, namoonni hundi cubbuu waan hojjetaniif, duuti namoota hundumaa waliin gaʼe” jedha. (Roomaa 5:12) Kanaafuu namoonni hundi kan duʼan cubbuu waan hojjetaniif.—Roomaa 3:23.

Duuti kan balleeffamu akkamitti?

 Waaqayyo yeroon ‘inni bara baraaf duʼa itti liqimsu’ akka dhufu waadaa galeera. (Isaayyaas 25:8) Duʼa hambisuuf cubbuu isa duʼaaf sababa taʼe balleessuu qaba. Waaqayyo kana karaa Yesuus Kiristoos ‘isa cubbuu addunyaa balleessuutiin’ raawwata.—Yohaannis 1:29; 1 Yohaannis 1:7.