Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti, namoonni “nagaa guutuutti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu.”—Faarfannaa 37:11

Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun dhiphina dandamachuuf si gargaaruu ni dandaʼaa?

Ati maal jetta?

  • Eeyyee

  • Lakki

  • Taʼuu dandaʼa

Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

“[Waaqayyo] isiniif waan yaaduuf yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.” (1 Pheexiros 5:7) Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo dhiphina isin irra gaʼu akka damdamattan isin gargaaruu akka dandaʼu dubbata.

Wanta dabalataa Kitaaba Qulqulluu irraa barannu

  • Kadhannaa dhiheessuudhaan, ‘nagaa Waaqayyoo’ isa dhiphinni akka hirʼatu godhu argachuu dandeessa.—Filiphisiiyus 4:6, 7.

  • Kana malees, Dubbii Waaqayyoo dubbisuun dhiphina dandamachuuf isin gargaara.—Maatewos 11:28-30.

Dhiphinni guutummaatti baduu ni dandaʼaa?

Namoonni tokko tokko . . . dhiphinni jireenya ilmaan namootaa keessatti waanuma eegamu akka taʼe yommuu dubbatan, kaan immoo dhiphina irraa walaba kan taʼan duʼa booda akka taʼe amanu. Maal sitti fakkaata?

Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Waaqayyo wantoota dhiphinaaf sababa taʼan ni balleessa. “[Duuti] kana booda hin jiru; gaddis taʼe iyyi yookiin cinqiin kana booda hin jiru.”—Mulʼata 21:4.

Wanta dabalataa Kitaaba Qulqulluu irraa barannu