Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Help to Cope With Problems

Help to Cope With Problems

Rakkoowwan yeroo ammaatti hafuus taʼe furamuu hin dandeenye jiru. Fakkeenyaaf nama jaallattu duʼaan yoo dhabde ykn dhukkubni hin fayyine yoo si qabate rakkina si mudate kana dandeessee jiraachuudhaan alatti filannaa kan biraa qabaachuu dhiisuu dandeessa. Haala baayʼee ulfaataa taʼe akkanaa keessatti Kitaabni Qulqulluun si gargaaruu ni dandaʼaa?

DHUKKUBA HIN FAYYINE

Rooz, “Dhukkuba rakkina jiiniitiin dhufuun kan kaʼe dhukkubbiin cimaanii fi addaan hin cinne natti dhagaʼama. Akkaataan jireenyaa koo gaduma deemaa jira” jetteetti. Wantoota baayʼee ishii yaaddessan keessaa inni tokko darbee darbee sammuun ishii wanta Kitaaba Qulqulluu irraa qoʼattuu fi dhimmawwan hafuuraa irratti akka xiyyeeffatu gochuu dadhabuu ishii ti. Taʼus, wanti Yesuus Maatewos 19:26 irratti, “Waaqayyoof . . . wanti hundi ni dandaʼama” jechuudhaan dubbate baayʼee ishii gargaareera. Rooz karaan itti qoʼatan kan biraanis akka jiru baratteetti. Dhukkubbiin ishiitti dhagaʼamu dubbisuun baayʼee ulfaataa akka ishiitti taʼu waan godheef, Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu sagaleedhaan qophaaʼan dhaggeeffachuu jalqabde. * “Utuun filannaa akkanaa qabaachuu baadhee akkamitti karaa hafuuraa cimee itti fufuu akkan dandaʼu hin beeku” jetteetti.

Rooz wanta kanaan dura raawwachaa turte raawwachuu dadhabuu ishiitiin kan kaʼe yeroo gadditutti yaada 2 Qorontos 8:12 irra jiru irraa jajjabina argatteetti; caqasichi, “Jalqaba fedhiin yoo jiraate, kennaan nama tokkoo keessumaa fudhatama kan argatu, hamma qabuun yoo kenne malee, hamma hin qabneen yoo kenne miti” jedha. Yaadni kun Rooz humni ishii kan daangeffame taʼus wanta dandeessu hunda gochaa waan jirtuuf, wanta gootutti Waaqayyo akka gammadu ishii yaadachiiseera.

GADDA

Delfiin ishiin kanaan dura caqasamte, “Intalli too ishiin umuriin ishii waggaa 18 taʼe erga duutee booda dhiphinni natti dhagaʼamu baayʼee cimaa waan tureef, lubbuudhaan jiraachuu koo itti fufuu akkan dandaʼu amanuun na rakkisee ture. Wanti hundi jijjiirameera” jetteetti. Taʼus, yaada Faarfannaa 94:19 irratti faarfatichi Waaqayyoon, “Yeroo yaaddoon garaa kootti baayʼatu, ati na jajjabeessitee lubbuu koo gammachiifta” jedhe irraa jajjabina guddaa argatteetti. “Wantoota dhiphina koo naaf hirʼisan argachuuf akka na gargaaru Yihowaa nan kadhadhe” jetteetti.

Hojii gammachiisaa taʼe irratti fedhii ishiitiin hirmaachuudhaan hojiidhaan qabamte. Boodas, boronqii wajjin wal of fakkeessuu jalqabde; boronqiin tokko yoo caccabe illee ittiin barreessuuf ooluu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, ishiinis akka cabde kan itti dhagaʼame taʼus, amma iyyuu namoota kaan gargaaruu akka dandeessu baratteetti. “Namootan Kitaaba Qulqulluu barsiisu jajjabeessuuf yommuun qajeelfamootaa fi dhugaawwan Kitaaba Qulqulluutti fayyadamu, kun karaa Yihowaan itti na tasgabbeessuu fi itti na jajjabeessu akka taʼe yeruma sanan hubadha” jetteetti. Maqaa namoota Kitaaba Qulqulluu keessatti seenaan isaanii ibsamee fi gaddi cimaan irra gaʼee ture galmeeffatteetti. “Hundi isaanii iyyuu namoota barsiifata kadhannaa qaban akka taʼan” hubatteetti. Kana malees, “rakkina dandamachuun kan dandaʼamu Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan qofa” akka taʼe baratteetti.

Delfiin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun ishii isa darbe irratti utuu hin taʼin, isa gara fuulduraa irratti xiyyeeffachuus ishii barsiiseera. Abdiin Hojii Ergamootaa 24:15 irratti ibsamee fi ‘Qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa ni kaʼu’ jedhu ishii jajjabeesseera. Yihowaan intala ishii duʼaa akka kaasu hammam mirkanaaʼaa dha? Delfiin yommuu deebistu, “Gara fuulduraatti intala too nan arga. Guyyaan itti ishii argadhu sagantaa Yihowaa isa abbaa koo taʼee irratti akka galmeeffamettan ilaala. Yeroon nuti wajjin taanee iddoo biqiltuu keenya keessatti hojjennu akkuma guyyaa itti dhalatte sanaatti ifatti natti mulʼata” jetteetti.

^ key. 4 Weebsaayitii jw.org irratti wantoonni sagaleedhaan qophaaʼan hedduun ni argamu.

Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee rakkisaa taʼe keessatti illee jajjabina argachuuf si gargaara