Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhukkuba Yeroo Dheeraadhaaf Turu yoo Qabaatte Kitaabni Qulqulluun Si Gargaaruu Dandaʼaa?

Dhukkuba Yeroo Dheeraadhaaf Turu yoo Qabaatte Kitaabni Qulqulluun Si Gargaaruu Dandaʼaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Eeyyee. Waaqayyo tajaajiltoota isaa dhukkubsataniif baayʼee yaada. Kitaabni Qulqulluun, tajaajilaa amanamaa taʼe ilaalchisee, “Waaqayyo siree dhukkubaa irratti ol isa in qaba” jedha. (Faarfannaa 41:3) Dhukkuba sirra tureen rakkachaa kan jirtu yoo taʼe, wantoonni kanaa gadi jiran sadan akka dandamattu si gargaaruu dandaʼu.

  1.   Jabina dandamachuuf si gargaaru argachuuf kadhadhu. ‘Nagaa Waaqayyoo isa hubannaa hundumaa irra caaluu’ argatta, kunis dhiphina kee hirʼisa akkasumas si tasgabbeessa.—Filiphisiyus 4:6, 7.

  2.   Ilaalcha sirrii qabaadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Garaan gammadu fayyina namaaf kenna, yaadni cabaan garuu lafee gogsa” jedha. (Fakkeenya 17:22) Qoosuu baradhu; kana gochuun kee, gaddi kee akka sirraa baduu qofa utuu hin taʼin, fayyaan kee gaarii akka taʼu gochuu dandaʼa.

  3.   Abdii gara fuulduraa irratti amantii qabdu guddifadhu. Abdii qabaachuun kee, dhibee cimaa qabaattus gammachuudhaan akka jiraattu si gargaara. (Roomaa 12:12) Kitaabni Qulqulluun, yeroon “namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’” itti hin jenne akka dhufu dubbata. (Isaayaas 33:24) Yeroo sanatti Waaqayyo, dhibeewwan ciccimoo saayinsiin ammayyaa fayyisuu hin dandeenye ni fayyisa. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun: “Dhagni isaa kan saafelaa caalaatti haa haaraʼu! Akka bara dargaggummaa isaattis haa deebiʼu!” jechuudhaan namoonni dullooman dargaggummaatti akka deebiʼanii fi fayyaa akka qabaatan dubbata.—Iyoob 33:25.

 Hubachiisa: Dhugaa Baatonni Yihowaa Waaqni akka isaan gargaaru kan amanan taʼus, dhibee cimaa yoo qabaatan gargaarsa yaalii fayyaa argachuuf carraaqqii godhu. (Maarqos 2:17) Taʼus, kallattiidhaan caqasnee yaaliin fayyaa tokko gaarii akka taʼe yaada hin dhiheessinu; yaalii fayyaa ilaalchisee namni hundi murtoo dhuunfaa isaa gochuu akka qabu nutti dhagaʼama.