Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Mootiin Mootummaa Waaqayyoo Eenyu Dha?

Mootiin Mootummaa Waaqayyoo Eenyu Dha?

Waaqayyo namoonni Kitaaba Qulqulluu barreessan hedduun gara fuulduraatti Mootii Mootummaa Waaqayyoo kan taʼu eenyu akka taʼe balʼinaan akka barreessan godheera. Bulchaan kun:

  • Waaqayyoon kan filatame dha. ‘Ani mootii isa kan kootii teessiseera. Anis saba hundumaa kan kee akka godhattuuf, laftis hamma andaara isaatti qabeenya kee akka taʼuuf siif nan kenna.’—Faarfannaa 2:6, 8.

  • Dhaaltuu Daawit Mootichaa ti. “Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; . . . Guddinni mootummaa isaatii fi guddinni nagaa isaatii dhuma hin qabu; inni teessoo Daawitii fi mootummaa isaa irratti in mo’a, isa in ijaaras.”—Isaayaas 9:6, 7.

  • Betlihemitti Dhalata. “Ati immoo yaa mandara Betlihem, . . . Israaʼelin kan mo’u tokko si keessaa anaaf in ba’a; . . . Guddinni isaa hamma andaara lafaatti in beekama.”—Miikiyaas 5:2, 4.

  • Namoonni isa ni tuffatu ni ajjeesus. “Namoonni isa tuffatanii isa irraa in goran, . . . nuyis homaatti iyyuu isa hin lakkoofne. . . . Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame.”—Isaayaas 53:3, 5.

  • Duʼaa kaafamee ulfina argateera. “Ati iddoo lafa jalaatti ana hin laattu, isa siif of kennes ijaan iyyuu qilee akka argu hin gootu. . . . Wanti namatti tolus immoo bara hundumaattuu mirga kee jira.”—Faarfannaa 16:10, 11.

Yesuus Kiristoos Isa Ulaagaa Kana Sirriitti Guutu

Seenaa ilmaan namootaa keessatti ulaagaawwan Bulchaa gaarii tokko irraa eegaman guutuu kan dandaʼe Yesuus Kiristoos qofa dha. Maleekaan tokko, “Yihowaanis teessoo abbaa isaa teessoo Daawit isaaf ni kenna; . . . Mootummaan isaas dhuma hin qabu” jechuudhaan haadha isaa Maariyaamitti himeera.—Luqaas 1:31-33.

Yesuus matumaa lafa irratti mootii taʼee hin beeku. Kanaa mannaa, Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼuudhaan samii irra taaʼee ilmaan namootaa ni bulcha. Bulchaa hunda irra caalu akka taʼu kan isa taasisu maali dha? Yeroo lafa irra turetti wanta Yesuus godhe ilaalaa.

  • Yesuus namootaaf ni yaada ture. Akkaataan guddinaa isaanii ykn sadarkaan jireenyaa isaanii maal iyyuu yoo taʼe Yesuus dhiirotas taʼan dubartoota, ijoollees taʼan maanguddoota gargaareera. (Maatewos 9:36; Maarqos 10:16) Namichi dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko, “Yoo fedha kee taʼe, na fayyisuu dandeessa” jedhee yeroo isa kadhatetti Yesuus gara laafinaan kakaʼee isa fayyiseera.—Maarqos 1:40-42.

  • Yesuus akkamitti Waaqayyoon gammachiisuu akka dandeenyu nu barsiiseera. “Waaqayyoo fi qabeenyaaf bitamuu hin dandeessan” jedheera. Kana malees, wanta warri kaan akka nuuf godhan barbaannu nutis akka isaaniif goonu nutti himeera; kun immoo seera buʼuuraa Seera Isa Beekamaa jedhamee waamamu dha. Dabalataanis, Waaqayyo wanta goonu qofa irratti utuu hin taʼin akkamitti akka yaannuu fi maaltu akka nutti dhagaʼamu beekuu akka barbaadus ibseera. Kanaafuu, Waaqayyoon gammachiisuu yoo barbaanne miira garaa keenyatti nutti dhagaʼamu toʼachuu qabna. (Maatewos 5:28; 6:24; 7:12) Yesuus, dhugumaan gammadoo taʼuu yoo barbaanne, wanta Waaqayyo akka goonu barbaadu beekuu fi gochuu akka qabnu dubbateera.—Luqaas 11:28.

  • Yesuus namoota jaallachuu jechuun maal jechuu akka taʼe barsiiseera. Dubbii fi gochi Yesuus humna kan qabanii fi garaa dhaggeeffattoota isaa kan tuqan turan. “Namoonni hedduun sun akkaataa inni itti barsiise baayʼee dinqisiifatan; sababiin isaas inni akka . . . nama aangoo qabuutti isaan barsiisa ture.” (Maatewos 7:28, 29) ‘Diinota keessan jaalladhaa’ jechuudhaan isaan barsiiseera. “Yaa Abbaa, isaan wanta gochaa jiran waan hin beekneef dhiifama godhiif” jechuudhaan warra duʼa isaatti itti gaafataman tokko tokkoof kadhateera.—Maatewos 5:44; Luqaas 23:34.

Yesuus inni warra kaan gargaaruu fi gaarummaadhaan beekamu Bulchaa addunyaa kanaa taʼuuf sirriitti gaʼumsa qaba. Haa taʼu malee, bulchuu kan jalqabu yoomi?