Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Yaaddoo

Yaaddoo

Yaaddoo gosa lamatu jira. Inni tokko nu miidha, inni kan biraan immoo nu fayyada. Kitaabni Qulqulluun yaaddoo gosa lamaanuu hubachuuf nu gargaara.

Yaaddaʼuun rakkina qabaa?

DHUGAA JIRU

Yaaddoon miira sodaa, naasuu fi dhiphinaa kan dabalatu dha. Addunyaa jijijjiiramu keessa waan jiraannuuf, hundi keenya iyyuu darbee darbee ni yaaddofna taʼa.

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Daawit Mootichi, “Hamma yoomiitti lubbuun koo yaadaan dhiphatti? Hamma yoomiitti garaan koo guyyaa guutuu gadda?” jedhee barreesseera. (Faarfannaa 13:2) Haala kana damdamachuuf wanti Daawitiin gargaare maali dha? Gaarummaa Waaqayyootti guutummaatti amanamuudhaan, kadhannaadhaan wanta garaa isaa keessa jiru Waaqayyo duratti dhangalaasuu isaa ti. (Faarfannaa 13:5; 62:8) Waaqayyo wanta nu yaaddessu isatti akka himannu nu afeereera. Pheexiros Inni Duraa 5:7, “[Waaqayyo] isiniif waan yaaduuf yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa” jedha.

Namoota jaallannuuf wanta tokko gochuun keenya waaʼee isaanii yaaddaʼuu akka dhiisnu nu gargaara

Haa taʼu malee, yeroo baayʼee wanta nu yaaddessu toʼachuuf wanti gochuu dandeenyu jira. Fakkeenyaaf, Phaawulos ergamaan inni Kitaaba Qulqulluu barreesse ‘waaʼeen gumiiwwanii yeroo isa yaaddessetti,’ namoota waaʼeen isaanii isa yaaddessu jajjabeessuuf jabaatee hojjeteera. (2 Qorontos 11:28) Kun gargaarsa barbaachisu kennuuf waan isa kakaaseef, yaaddaʼuun isaa faayidaa qaba ture. Kun nuufis hojjechuu dandaʼa. Haala kana irraa faallaa taʼeen dantaa dhabuun namootaaf akka hin yaadne argisiisa.—Fakkeenya 17:17.

“Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.”Filiphisiyus 2:4.

Garmalee yoo yaaddoftan maal gochuu dandeessu?

DHUGAA JIRU

Namoonni dogoggora kanaan dura hojjetan, yeroo gara fuulduraa ykn qarshii ilaalchisee yaaddaʼuu dandaʼu. *

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Waaʼee dogoggora kanaan dura raawwannee yaaddaʼuu: Namoonni jaarraa jalqabaatti turan tokko tokko Kiristiyaanota taʼuu isaanii dura machooftuu, saamtota, haalalee fi hattoota turan. (1 Qorontos 6:9-11) Isaan dogoggora duraan raawwatan irratti xiyyeeffachuu mannaa, akkaataa jireenyaa isaanii jijjiiraniiru; Waaqayyoo dhiifama akka isaaniif godhus mirkanaaʼoo turan. Faarfannaan 130:4, “Ati akka sodaatamtutti, cubbuu namaaf dhiisuun si bira jira” jedha.

Waaʼee borii yaaddaʼuu: Yesuus Kiristoos, “Matumaa waaʼee boriitiif hin yaaddaʼinaa; sababiin isaas guyyaan borii yaaddoo mataa isaa qaba” jedheera. (Maatewos 6:25, 34) Maal jechuu barbaade? Rakkina harʼa isin mudate irratti qofa xiyyeeffadhaa. Waaʼee borii yaaddaʼuudhaan rakkoon keessan caalaatti ulfaataa akka taʼu hin godhinaa; kun ariitiidhaan murtoo gaarii hin taane akka gootan isin taasisa. Wantoonni isin yaaddessan hedduun yeroo bira geessan sirrii akka hin turre hubachuu akka dandeessan yaadadhaa.

Waaʼee qarshii yaaddaʼuu: Namni ogeessi tokko, “Na hin badhaasin, na hin deegsinis!” jedhee kadhatee ture. (Fakkeenya 30:8) Wanta qabutti gammaduu barbaade; kun immoo wanta Waaqayyo duratti fudhatama namaaf argamsiisu dha. Ibroonni 13:5 akkana jedha: “Akkaataan jireenyaa keessan jaalala qarshii irraa walaba haa taʼu, wantoota amma qabdanitti gammadaa jiraadhaa. Sababiin isaas inni, ‘Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu’ jedheera.” Qarshii isa yeroo booda gatii dhabuu dandaʼu irraa haala faallaa taʼeen, Waaqayyo warra isatti amanamanii fi jireenya salphaa jiraatan matumaa hin gatu.

“Namni qajeelaan utuu gatamuu, ijoolleen isaas waan nyaatan dhabanii utuu kadhatanii ani takkaa argee hin beeku.”Faarfannaa 37:25.

Yeroon yaaddoo irraa bilisa itti baanu ni dhufaa?

NAMOONNI MAAL JEDHU?

Gaazexessituun Hariit Giriin jedhamtu, mata duree bara 2008⁠tti gaazexaa The Guardian jedhamu irratti baʼe irratti, “Bara yaaddoo haaraatti seenaa jirra” jetteetti. Paatriik Okaaner bara 2014⁠tti gaazexaa The Wall Street Journal jedhamu irratti, “Lammiileen Ameerikaa yeroo kam iyyuu caalaa yaaddaʼaa jiru” jedheera.

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

“Yaaddoon garaa namaa keessa yoo jiraate, gad nama qaba; dubbii gaariin garuu nama gammachiisa.” (Fakkeenya 12:25) “Dubbii gaariin” adda taʼe misiraachoo waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ibsu keessaa argama. (Maatewos 24:14) Mootummaan kun, jechuunis bulchiinsi Waaqayyoo dhiheenyatti wanta nuti gochuu hin dandeenye raawwata; dhukkubaa fi duʼa dabalatee wantoota yaaddoodhaaf sababii taʼan hunda dhabamsiisuudhaan yaaddoo balleessa! “[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija [keenya] irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiru; gaddis taʼe iyyi yookiin cinqiin kana booda hin jiru.”—Mulʼata 21:4.

“Isatti amanamuu keessaniin Waaqayyo inni abdii kennu gammachuu fi nagaa guddaadhaan isin haa guutu.”Roomaa 15:13.

^ KEY. 10 Namoonni yaaddoo cimaatiin qabaman mana yaalaa dhaquun isaanii gaarii taʼuu dandaʼa. Barruun Dammaqaa! yaalii fayyaa kana wayya jechuudhaan gorsa hin kennu.