Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | IJOOLLEE GUDDISUU

Ijoolleen Keessan Jijjiirama Umurii Dargaggummaa Wajjin akka Wal Baran Gargaaraa

Ijoolleen Keessan Jijjiirama Umurii Dargaggummaa Wajjin akka Wal Baran Gargaaraa

HAALA RAKKISAA

Daaʼima keessan kaasuutti baachaa kan turtan kaleessuma isinitti fakkaata. Amma garuu saafela taʼeera. Amma iyyuu ijoollee taʼus, gara dargaggummaa isa gaʼeessummaatti isa ceesisutti darbuuf jedha.

Ilmi ykn intalli keessan gara dargaggummaatti yeroo ceʼan qaama hormaataa wajjin haala qabateen jijjiiramni dalga isaanitti taʼuu fi isaan dhiphisu yeroo isaan mudatu isaan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

WANTA BEEKUU QABDAN

Dargaggummaan yeroo mataa isaa qaba. Umurii waggaa saddeetiitti ykn waggaa kudha shanitti ykn sana booda jalqabuu dandaʼa. Kitaabni Ingiliffaa Letting Go With Love and Confidence jedhamu, “Umuriin dargaggummaa daangaan isaa balʼaa dha” jedheera.

Dargaggummaan sodaan akka isaanitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Ijoolleen umurii dargaggummaa irra jiran ilaalchi warri kaan isaaniif qaban baayʼee isaan yaaddessuu dandaʼa. Dargaggeessi Jaareed * jedhamu, “Bifa koo fi sochii koof xiyyeeffannaa kennuun jalqabe. Ijoollee kaanii wajjin yeroon taʼu, nama irraa adda akkan taʼetti na ilaaluu laata jedheen yaaddaʼaan ture” jedheera. Finnisni yoo isaanitti baʼe immoo ofitti amanamummaa isaanii caalaatti jalaa balleessuu dandaʼa. Intallii waggaa 17 Kalii jedhamtu “Fuulli koo waan weerarame natti fakkaata ture! Booʼaa fi fokkistuu ofiin jechaa akkan ture nan yaadadha” jetteetti.

Ijoolleen dafanii gara dargaggummaatti guddatan rakkinni addaa isaan mudata. Kun keessumaa ijoollee durbaatiif hojjeta; sababiin isaas yeroo isaan guntuta baasanii fi qaama isaanii irratti jijjiiramni mulʼatu isaanitti qoosamuu dandaʼa. Kitaabni Ingiliffaa A Parentʼs Guide to the Teen Years jedhamu, “Kana malees, ija dhiirota umuriidhaan isaan caalanii fi saalqunnamtii raawwachuu jalqabanii keessa galuu dandaʼu” jedheera.

Dargaggummaa jechuun bilchina jechuu miti. Fakkeenyi 22:15, “Wallaalumni yaada mucaatti qabamee jira” jedha. Dargaggummaan haala kana hin jijjiiru. Kitaabni Ingiliffaa You and Your Adolescent jedhamu, dargaggeessi tokko kan guddate fakkaatus kun, “murtoo gaarii gochuuf dandeettii qabaachuu isaa, itti gaafatamummaan akka itti dhagaʼmu, akka of toʼatu ykn wantoota bilchina qabaachuu isaa argisiisan kaan qabaachuu isaa hin argisiisu” jedheera.

WANTA GOCHUU DANDEESSAN

Umurii kana irra gaʼuu isaanii dura waaʼee dargaggummaa haasaʼaa. Ijoolleen keessan keessumaa laguu (ijoollee durbaatiif), akkasumas halkan halkan sanyii dhangalaasuu (ijoollee dhiiraatiif) ilaalchisee wanta isaan mudachuu dandaʼu isaanitti himaa. Jijjiirama dargaggummaa suuta suuta dhufu irraa haala adda taʼeen, wantoonni kun akka tasaa waan uumamaniif dalga isaanitti taʼuu ykn isaan naasisuu dandaʼu. Dhimmoota kana irratti yeroo mariʼattan karaa isaan tasgabbeessuun isaan haasofsiisaa, jechuunis dargaggummaan jijjiirama gaarii gaʼeessummaatti ceesisu taʼuu isaa isaan hubachiisaa.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Faarfannaa 139:14.

Ifatti waliin haasaʼaa. Dargaggeessi Joon jedhamu, “Warri koo waaʼee dargaggummaa yeroo natti himan gaaffii tokko tokkoof deebii ifa taʼe naa hin kennan turan. Ifatti utuu na haasofsiisaniiru taʼee natti tola ture” jedheera. Alaanaa ishiin umrii waggaa 17 akkasuma itti dhagaʼama. “Haati koo jijjiirama qaama koo irratti taʼaa ture akkan hubadhu na gargaarteetti; taʼus jijjiirama miiraa na mudate amanee fudhachuu akkan dandaʼuuf utuu na gargaarteetti taʼe natti tola ture” jetteetti. Kun barumsa akkamii dabarsa? Kan nama qaanessu taʼuu illee, ijoollee keessanii wajjin wantoota umurii dargaggummaa wajjin wal qabatan hunda irratti haasaʼaa.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Hojii Ergamootaa 20:20.

Gaaffiiwwan maree gochuuf gargaaran gaafadhaa. Qaaniin akka isaanitti hin dhagaʼamneef, muuxannoo umurii dargaggummaa namoota kaanii isaanitti himuudhaan jalqabaa. Fakkeenyaaf, intala keessan akkana jettanii gaafachuu dandeessu: “Ijoolleen kutaa kee baratan laguun isaanitti dhufuu akka jalqabe yommuu dubbatan dhageessee beektaa?” “Ijoollee durbaa dafanii guddatanitti ni qoosuu?” Ilma keessan immoo, “Ijoollee guddinni qaamaa isaanii harkifatetti ni qoosuu?” jettanii gaafachuu dandeessu. Dargaggoonni jijjiiramni umurii dargaggummaa warra kaan irratti dhiibbaa akkamii akka geessise dubbachuu yommuu jalqaban, waaʼee miiraa fi muuxannoo isaanii dubbachuun isaanitti salphachuu dandaʼa. Yeroo isaan dubbatanitti gorsa Kitaaba Qulqulluu, ‘dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa taʼaa’ jedhu hordofaa.—Yaaqoob 1:19.

Ijoolleen keessan dargaggoota taʼan “ogummaa” fi dandeettii “dubbii gargar baasanii hubachuu” akka qabaatan gargaaraa. (Fakkeenya 3:21) Dargaggummaan jijjiirama qaamaa fi miiraa qofa kan dabalatu miti. Ijoolleen keessan sadarkaa kanatti dandeettii dubbii gargar baasanii hubachuu kan horatan siʼa taʼu, kunis gaʼeessota yeroo taʼanitti murtoo gaarii gochuuf isaan gargaara. Ijoolleen keessan amaloota gaggaarii akka qabaatan barsiisuuf carraa kanatti fayyadamaa.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Ibroota 5:14.

Abdii hin kutatinaa. Dargaggoonni baayʼeen waaʼee dargaggummaa warra isaanii wajjin haasaʼuu kan hin barbaanne fakkaachuu dandaʼu; taʼus kanaan gowwoomuu hin qabdan. Kitaabni Ingiliffaa You and Your Adolescent jedhamu, “Dargaggoonni fedhii kan hin qabne, kan nuffan, dubbicha kan jibban ykn gonkumaa kan hin dhaggeeffanne fakkaatan illee wanta dubbattan hunda yaadachuu dandaʼu” jedheera.

^ KEY. 8 Maqaawwan mata duree kana keessa jiran jijjiiramaniiru.