Dhimma ijoo ta'etti seeni

Raajiin Maali?

Raajiin Maali?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Raajiin ergaa geggeessaa hafuura Waaqayyootiin dubbatamu siʼa taʼu, karaa Waaqayyo fedha isaa itti ibsuuf itti fayyadamu dha. Kitaabni Qulqulluun, raajonni ‘raajii Waaqayyo biraa ergame hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii akka dubbatan’ ibsa. (2 Pheexiros 1:​20, 21) Kanaaf raajiin, nama ergaa Waaqayyo biraa ergame fuudhee, warra kaanitti dabarsu dha.​—Hojii Ergamootaa 3:​18.

Raajonni Waaqayyo biraa ergaa kan fudhatan akkamitti?

 Waaqayyo yaada isaa raajotatti dabarsuuf malawwan gara garaatti fayyadameera:

  •   Barreeffamaan. Waaqayyo mala kanatti yoo xinnaate siʼa tokko, jechuunis yeroo Ajajawwan Kurnan barreeffamaan Museetti kallattiidhaan kennetti fayyadameera.​—Baʼuu 31:18.

  •   Maleekotatti fayyadamee dubbachuudhaan. Fakkeenyaaf, Waaqayyo maleekaa tokkotti fayyadamee, wanta Museen Faraʼoon isa mootii Gibxii turetti dubbatu qajeelfama isaaf kenneera. (Baʼuu 3:​2-4, 10) Yeroo ergaa tokko kallattiidhaan dabarsuun barbaachisaa taʼutti, Waaqayyo maleekotatti fayyadama ture; ergaa armaan gadii Museetti yeroo dubbatettis akkana godheera: “Dubbii ani sii fi saba Israaʼelii wajjin ittiin kakuutti gale kana akkuma inni jirutti caaffadhu!”​—Baʼuu 34:27. a

  •   Mulʼatawwaniin. Raajonni yeroo dammaqanii jiranittii fi haala guutummaatti of beekan keessa utuu jiranii mulʼata arganiiru. (Isaayaas 1:1; Anbaaqom 1:1) Mulʼanni argan sun dhugaa taʼuu isaa irraa kan kaʼe, yeroo raajiin mulʼata sana arge irratti hirmaannaa godhes jira. (Luqaas 9:​28-​36; Mulʼata 1:​10-​17) Yeroo biraatti immoo, raajiin tokko mulʼata kan argu utuu mugaa jiruu taʼuu dandaʼa. (Hojii Ergamootaa 10:10, 11; 22:17-​21) Kana malees, Waaqayyo utuu raajichi rafaa jiruu ergaa isaa abjuudhaan yeroo itti ibse qaba.​—Daaniʼel 7:1; Hojii Ergamootaa 16:​9, 10.

  •   Yaadaa raajotaa geggeessuudhaan. Waaqayyo yaada raajota isaa geggeessuudhaan ergaa isaa dabarseera. Caqasni Kitaaba Qulqulluu, “Kitaabni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame [dha]” jedhus yaada kana kan dabarsu dha. Gaaleen “geggeessaa hafuura Waaqayyootiin” jedhu “kan Waaqayyo hafuura itti baafate” jedhamees hiikamuu danda’a. (2 Ximotewos 3: 16; The Emphasised Bible) Waaqayyo yaada isaa tajaajiltoota isaatti ‘hafuura itti baafachuuf’ humna isaa isa hojii irra jiru, jechuunis hafuura qulqulluutti fayyadameera. Ergaan isaa kan Waaqayyoo taʼus, raajiin sun jecha mataa isaatti fayyadamee barreessa.​—2 Saamuʼel 23:​1, 2.

Raajiin yeroo hunda wantuma gara fuulduraatti raawwatamu qofa kan argisiisudhaa?

 Lakki, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu wanta gara fuulduraa dubbataman qofa miti. Taʼus, ergaawwan Waaqayyo biraa dhufan baayʼeen isaanii jechuun ni dandaʼama, kallattiidhaan waaʼee gara fuulduraa dubbatu. Fakkeenyaaf, raajonni Waaqayyoo sabni Israaʼel inni durii daandii isaanii isa hamaa irraa akka deebiʼaniif irra deddeebiʼanii isaan akeekkachiisanii turan. Akeekkachiisni kun, sabni sun akeekkachiisa kana hojii irra yoo oolchan akka eebbifaman, yoo fudhachuu baatan immoo adaba isaan eeggatu kan qabate ture. (Ermiyaas 25:​4-6) Dhumni isaa daandii Israaʼeloonni hordofuuf filatan irratti kan hundaaʼe dha.​—Keessa Deebii 30:19, 20.

Fakkeenyota raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu waa’ee gara fuulduraa hin dubbanne

a Yeroo kanatti Waaqayyo kallattiidhaan Museetti kan dubbate fakkaatus, Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo kakuu Seera Musee kan kenne maleekotatti fayyadamee akka ture dubbata.​—Hojii Ergamootaa 7:​53; Galaatiyaa 3:​19.