Hojii Ergamootaa 7:1-60

  • Haasaa Isxifaanos yaaʼii Saanhedriin duratti dhiheesse (1-53)

    • Bara abbootii amantii (2-16)

    • Museen geggeessaa taʼe; Israaʼel waaqolii tolfamoo waaqeffate (17-43)

    • Waaqni mana qulqullummaa namni ijaare keessa hin jiraatu (44-50)

  • Isxifaanos dhagaadhaan tumame (54-60)

7  Lubni ol aanaan sun garuu, “Wanti jedhame kun dhugaa dhaa?” jedhe.  Isxifaanosis deebisee akkana jedhe: “Yaa obboloota koo fi yaa abbootii koo, na dhagaʼaa. Waaqni ulfinaa, abbaan keenya Abrahaam Kaaraan keessa jiraachuu isaa dura utuma Mesophotaamiyaa keessa jiruu isatti mulʼatee,+  ‘Biyya kee fi firoottan kee dhiisiitii gara biyya ani sitti argisiisu dhaqi’ isaan jedhe.+  Achiis inni biyya Kaladootaa keessaa baʼee, Kaaraan keessa jiraachuu jalqabe. Erga abbaan isaa duʼee booda+ immoo, Waaqayyo achii isa kaasee bakka isin amma jiraattan kanatti isa galche.+  Taʼus, iddoo kanatti lafa hamma faana miilaa gaʼu illee dhaala godhee isaaf hin kennine; yeroo kanatti inni dhala kan hin godhanne taʼus, isaa fi isa booda immoo sanyii isaatiif dhaala akka kennu waadaa isaaf gale.+  Kana malees, Waaqayyo sanyiin isaa biyya kan isaanii hin taane keessatti orma taʼanii akka jiraatanii fi namoonni sunis garboota godhatanii waggaa 400f akka isaan cunqursan* isatti hime.+  Akkasumas Waaqayyo, ‘Ani saba garboota isaan godhate sanatti nan murteessa;+ kana booda isaan achii baʼanii iddoo kanatti tajaajila qulqulluu anaaf dhiheessu’ jedhe.+  “Waaqayyo kakuu dhaqna qabaas isaaf ni kenne;+ Abrahaam Yisihaaqiin dhalche;+ guyyaa saddeettaffaattis dhaqna isa qabe;+ Yisihaaq Yaaqoobiin dhalche; Yaaqoob immoo mataawwan maatii* 12n dhalche.  Mataawwan maatii sunis Yoseefitti hinaafanii+ Gibxiitti isa gurguran.+ Garuu Waaqayyo isaa wajjin ture;+ 10  inni rakkina isaa hundumaa irraa isa oolche; Faraʼoon mootii Gibxii durattis ulfinaa fi ogummaa isaaf kenne. Mootichis, Gibxii fi guutummaa mana isaa akka bulchu isa muude.+ 11  Haa taʼu malee, guutummaa biyya Gibxii fi Kanaʼaan keessatti beelli, eeyyee, rakkinni guddaan ni dhufe; abbootiin keenyas wanta nyaatan dhaban.+ 12  Yaaqoob biyya Gibxii keessa midhaan akka jiru yommuu dhagaʼu, yeroo jalqabaatiif abbootii keenya achitti erge.+ 13  Yeroo lammaffaadhaaf yommuu dhaqan garuu, Yoseef eenyummaa isaa obboloota isaatti beeksise; Faraʼoonis waaʼee maatii Yoseef ni beeke.+ 14  Kanaafuu, Yoseef dhaamsa ergee abbaa isaa Yaaqoobii fi firoottan isaa hunda,+ walumaa galatti namoota* 75 bakka sanaa waamsise.+ 15  Kanaafuu, Yaaqoob gara Gibxiitti gad ni buʼe;+ inni achitti ni duʼe;+ abbootiin keenyas achitti duʼan.+ 16  Lafeen isaanii gara Sheekemitti geeffamee, awwaala Abrahaam Sheekem keessatti ilmaan Hamoor irraa maallaqa meetiitiin bite keessa kaaʼame.+ 17  “Waadaan Waaqayyo Abrahaamiif gale yommuu raawwatamuu jala gaʼus, sabichi Gibxii keessatti baayʼachaa deeme; 18  yeroo sanatti mootiin kan biraan Yoseefiin hin beekne biyya Gibxii bulchuu jalqabe.+ 19  Inni saba keenya irratti mala haxxummaa qopheessee abbootiin keenya daaʼimman isaanii duʼaaf dabarsanii akka kennan isaan dirqisiise.+ 20  Museen kan dhalate yeroo sanatti yommuu taʼu, inni Waaqayyo duratti miidhagaa ture. Inni mana abbaa isaa keessatti jiʼa sadiif kunuunfame.*+ 21  Yommuu gatametti* garuu,+ intalli Faraʼoon isa fudhattee akka ilma ishiitti isa guddiste.+ 22  Kanaafuu, Museen ogummaa warra Gibxii hunda ni barate. Dubbii fi gocha isaatiinis jabaa ni taʼe.+ 23  “Yeroo umuriin isaa waggaa 40 taʼu, ilmaan Israaʼel warri obboloota isaa taʼan haala akkamii keessa akka jiran ilaaluuf* garaa isaatti murteesse.+ 24  Yeroo kanatti isaan keessaa inni tokko miidhamaa akka jiru yommuu argu, isa irra goree namicha Gibxii sana rukutee ajjeesee isa miidhame sanaaf haaloo baʼe. 25  Inni, obboloonni isaa Waaqayyo harka isaatiin akka isaan fayyisu ni hubatu jedhee yaadee ture; isaan garuu kana hin hubanne. 26  Guyyaa itti aanutti immoo yommuu isaan wal lolan isaanitti dhufee, ‘Namoota nana, isin obbolaa dha. Maaliif wal miitu?’ jedhee walitti isaan araarsuuf yaale. 27  Namichi obboleessa isaa miidhaa ture sun garuu of irraa isa darbatee akkana isaan jedhe: ‘Eenyutu bulchaa fi abbaa murtii godhee nu irratti si muude? 28  Akkuma kaleessa namicha Gibxii sana ajjeeste anaanis ajjeesuu barbaaddaa?’ 29  Museen yommuu kana dhagaʼu, biyya Miidiyaanitti baqatee orma taʼee achi jiraate; achittis ilmaan lama dhalche.+ 30  “Waggaa 40 booda, maleekaan tokko lafa onaa naannoo Gaara Siinaa jirutti harangamaa bobaʼu tokko keessaa isatti mulʼate.+ 31  Museen yommuu kana argu, wanti inni arge baayʼee isa ajaaʼibsiise. Yommuu itti siqee caalaatti qorachuuf jedhu garuu, sagalee Yihowaa* akkana jedhu dhagaʼe: 32  ‘Ani Waaqa abbootii kee, Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoobi.’+ Museen hollachuu waan jalqabeef, haala sana caalaatti qorachuuf hin onnanne. 33  Yihowaanis* akkana isaan jedhe: ‘Bakki ati dhaabbatte lafa qulqulluu waan taʼeef, kophee kee of irraa baasi. 34  Ani dhugumaan cunqursaa saba koo warra Gibxii keessa jiran irra gaʼu argeera; aaduu isaanii dhagaʼeera;+ isaan oolchuufis gad buʼeera. Egaa kottu, gara Gibxiitti sin erga.’ 35  Musee isuma isaan, ‘Eenyutu bulchaa fi abbaa murtii godhee si muude?’+ jedhanii ganan sana, Waaqayyo karaa maleekaa harangamaa bobaʼu sana keessatti isatti mulʼate sanaa bulchaa fi fayyisaa godhee isa erge.+ 36  Namichi kun Gibxii keessatti, Galaana Diimaa+ fi lafa onaa keessatti waggaa 40f+ dinqiiwwanii fi mallattoowwan hojjechuudhaan Gibxii keessaa+ isaan baase.+ 37  “Museen inni ilmaan Israaʼeliin, ‘Waaqayyo obboloota keessan gidduudhaa raajii akka kootii isiniif ni kaasa’ jedhes isuma kana dha.+ 38  Inni isa, maleekaa+ isa Gaara Siinaa irratti isattii fi abbootii keenyatti dubbate+ sanaa wajjin lafa onaa keessa saba Israaʼel gidduu ture sana dha; inni, nuu kennuudhaaf dubbii Waaqayyoo isa jiraataa fudhate.+ 39  Abbootiin keenya isaaf ajajamuu mannaa isa mormanii+ garaa isaaniitti gara Gibxiitti deebiʼan;+ 40  Aaroniinis, ‘Nuti wanta Musee isa biyya Gibxiitii nu baase sana irra gaʼe waan hin beekneef, waaqolii nu dura deeman nuu tolchi’ jedhan.+ 41  Kanaafuu, guyyoota sanatti jabbii tokko tolchanii, waaqa tolfame kanaaf aarsaa dhiheessan; hojii harka isaaniitiinis gammaduu jalqaban.+ 42  Kanaafuu, Waaqayyo isaan irraa garagalee raayyaa samii akka waaqeffatan dabarsee isaan kenne;+ kunis kitaaba Raajotaa keessatti akkana jedhamee barreeffameera: ‘Yaa mana Israaʼel, lafa onaa keessatti waggaa 40f kennaawwanii fi aarsaawwan kan dhiheessitan anaaf turee? 43  Kanaa mannaa, dunkaana Molookii+ fi urjii waaqa Reefaan, jechuunis fakkiiwwan waaqeffachuuf tolfattan sana baattanii asii fi achi deemtan. Kanaafuu, ani Baabilon gamatti isin nan ariʼa.’+ 44  “Abbootiin keenya lafa onaa keessatti dunkaana ragaa baatuu qabu turan; dunkaanni kun kan tolfame akkuma ajaja yeroo Waaqayyo Museetti dubbate isaaf kennettii fi akkuma pilaanii isatti argisiisetti dha.+ 45  Abbootiin keenyas Iyyaasuu wajjin dunkaanicha fudhatanii gara biyya saboota+ Waaqayyo abbootii keenya duraa ariʼe sanaatti geessan.+ Innis hanga bara Daawititti asuma ture. 46  Daawit Waaqayyo duratti fudhatama kan argate yeroo taʼu, Waaqa Yaaqoobiif iddoo jireenyaa ijaaruuf mirgi akka isaaf kennamu gaafate.+ 47  Taʼus, mana kan isaaf ijaare Solomoon ture.+ 48  Haa taʼu malee, Waaqni Hundaa Olii mana harkaan ijaarame keessa hin jiraatu;+ kunis akkuma raajichi akkana jedhee dubbate dha: 49  ‘Samiin teessoo koo ti,+ laftis ejjeta miila kootii ti.+ Isin mana akkamii anaaf ijaartu? jedha Yihowaan.* Yookiin bakki ani itti boqodhu kan akkamii ti? 50  Wantoota kana hundumaa kan tolche harka koo mitii?’+ 51  “Isin namoota mata jabeeyyii, garaan keessanii fi gurri keessan didaa taʼe* nana, isin yeroo hundumaa hafuura qulqulluu mormitu; isinis wantuma abbootiin keessan godhan gootu.+ 52  Raajota keessaa kan abbootiin keessan utuu hin ariʼatin hafan isa kami?+ Eeyyee, isaan namoota inni qajeelaan+ inni isin dabarsitanii kennitanii fi ajjeestan sun akka dhufu dursanii dubbatan ajjeesaniiru;+ 53  isin Seera karaa maleekotaa kenname fudhattaniittu;+ garuu hin eegne.” 54  Isaan yommuu wantoota kana dhagaʼan akka malee aaranii, ilkaan isaanii isatti qaruu jalqaban. 55  Haa taʼu malee, Isxifaanos hafuura qulqulluudhaan guutamee gara samii yommuu ilaalu, ulfina Waaqayyoo fi Yesuus mirga Waaqayyoo dhaabbatee arge;+ 56  achiis, “Kunoo, ani samiiwwan banamanii, Ilmi namaas+ mirga Waaqayyoo dhaabbatee nan arga”+ jedhe. 57  Yeroo kanatti sagalee isaanii ol kaasanii iyyan; gurra isaaniis harka isaaniitiin qabatanii tokko taʼanii isatti fiigan. 58  Magaalattii keessaa erga gad isa baasanii booda dhagaadhaan isa tumuu jalqaban.+ Ragaa baatonnis+ uffata isaanii miila dargaggeessa Saaʼol jedhamu bira kaaʼatan.+ 59  Utuma isaan dhagaadhaan isa tumaa jiranii Isxifaanos, “Yaa Gooftaa Yesuus, hafuura koo fudhadhu” jedhee kadhate. 60  Achiis jilbeenfatee sagalee guddaadhaan, “Yaa Yihowaa,* cubbuu kana isaanitti hin lakkaaʼin”+ jedhee iyye. Erga kana jedhee booda ni duʼe.*

Miiljaleewwan

Ykn., “miidhan.”
Ykn., “abbootii amantii.”
Ykn., “lubbuuwwan.”
Ykn., “guddifame.”
Ykn., “saaxilametti.”
Ykn., “qoruuf.”
Kal., “garaa keessanii fi gurra keessan dhaqna hin qabanne.”
Kal., “ni rafe.”