Dhimma ijoo ta'etti seeni

Cubbuun Jalqabaa Maal Ture?

Cubbuun Jalqabaa Maal Ture?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Addaamii fi Hewaan ilmaan namootaa yeroo jalqabaatiif cubbuu raawwatani dha. Ajaja Waaqayyoo cabsanii, “muka gaarii fi hamaa beeksisu irraa” nyaachuudhaan cubbuu isa namoonni hedduun cubbuu jalqabaa jedhanii waaman raawwatan. a (Uumama 2:16, 17; 3:6; Roomaa 5:19) Mukichi aangoo ykn mirga Waaqayyo ilmaan namootaa ilaalchisee haamaa fi gaarii ittiin murteessu kan argisiisu waan taʼeef, Addaamii fi Hewaan mukicha irraa akka nyaatan isaaniif hin heyyamamne ture. Haa taʼu malee, mukicha irra nyaachuudhaan hamaa fi gaarii taʼe ofii isaaniitiin murteessuu filachuudhaan wanta mirga isaanii hin taane raawwatan. Haala kanaan aangoo Waaqayyo seera naamusaa baasuuf qabuuf ajajamuu didan.

 “Cubbuun jalqabaa” Addaamii fi Hewaan irratti miidhaa akkamii fide?

 Addaamii fi Hewaan cubbuu raawwachuu isaanii irraa kan kaʼe ni dullooman, achiis ni duʼan. Michooma Waaqayyoo wajjin qaban ni mancaasan; abdii fayyaa guutuu qabaachuudhaan bara baraaf jiraachuus ni dhaban.—Uumama 3:19.

 “Cubbuun jalqabaa” nu irratti miidhaa kan fide akkamitti?

 Addaamii fi Hewaan cubbuu raawwatan ijoollee isaan irraa dhalatan hundatti dabarsan. Kun dhukkuba ykn hirʼina sanyiidhaan warra irraa gara ijoolleetti darbuu wajjin wal fakkaata. (Roomaa 5:12) Haala kanaan, ilmaan namootaa hundi ‘cubbuu dhaalanii dhalatu.’ b Kana jechuun, mudaa qabaannee waan dhalanneef wanta dogoggora taʼe raawwanna.—Faarfannaa 51:5; Efesoon 2:3.

 Cubbuu dhaalleen ykn mudaa qabaannee dhalanneen kan kaʼe ni dhukkubsanna, ni dulloomna, akkasumas ni duuna. (Roomaa 6:23) Kana malees, dogoggorawwan ofii keenyaanis taʼe namoonni kaan raawwataniin kan kaʼe miidhaan nu irra gaʼa.—Lallaba 8:9; Yaaqoob 3:2.

 Miidhaawwan “cubbuun jalqabaa” geessise jalaa bilisa baʼuu dandeenyaa?

 Eeyyee! Kitaabni Qulqulluun Yesuus “cubbuu keenyaaf aarsaa araaraa” taʼee akka duʼe dubbata. (1 Yohaannis 4:10) Aarsaan Yesuus, miidhaa cubbuu dhaalle jalaa bilisa nu baasa; akkasumas abdii fayyaa guutuu qabaachuudhaan bara baraaf jiraachuu isa Addaamii fi Hewaan dhaban akka argannu nu taasisa.—Yohaannis 3:16. c

 “Cubbuu jalqabaa” ilaalchisee yaada dogoggoraa jiru

 Yaada dogoggoraa: Cubbuu jalqaba raawwatameen kan kaʼe matumaa Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii qabaachuu hin dandeenyu.

 Dhugaa jiru: Waaqayyo cubbuu Addaamii fi Hewaan raawwataniin nu hin komatu. Mudaa qabaannee akka dhalanne beeka; akkasumas wanta humna keenyaa ol taʼe akka goonu nu irraa hin eegu. (Faarfannaa 103:14) Cubbuu dhaalleen kan kaʼe miidhaan nu irra gaʼus, carraa fi mirga Waaqayyoo wajjin michooma gaarii horachuu qabna.—Fakkeenya 3:32.

 Yaada dogoggoraa: Cuuphaan cubbuu jalqabaa jalaa walaba waan nama godhuuf ijoolleen cuuphamuu qabu.

 Dhugaa jiru: Cuuphaan fayyina argachuuf tarkaanfii hunda caalaa barbaachisu taʼus, nama tokko cubbuu irraa qulqulleessuu kan dandaʼu amantii inni Yesuus irratti qabu qofa dha. (1 Pheexiros 3:21; 1 Yohaannis 1:7) Amantii dhugaan beekumsa irratti waan hundaaʼuuf, ijoolleen amantii ni qabaatu jechuun hin dandaʼamu. Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun ijoollee cuuphuu hin jajjabeessu. Kun dhugaa taʼuu isaa, Kiristiyaanota jaarraa tokkoffaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Yeroo sanatti, ‘Dhiirotaa fi dubartoota’ warra Dubbii Waaqayyootti amanan malee ijoolleen hin cuuphamne turan.—Hojii Ergamootaa 2:41; 8:12.

 Yaada dogoggoraa: Hewaan firii dhorkame irraa jalqaba waan nyaatteef Waaqayyo dubartoota abaareera.

 Dhugaa jiru: Waaqayyo dubartoota utuu hin taʼin, ‘bofa isa jalqabaa, isa Diyaabilosii fi Seexana jedhamu” isa Hewaan cubbuu akka raawwattu ishii kakaase abaare. (Mulʼata 12:9; Uumama 3:14) Kana malees, Waaqayyo cubbuu jalqaba raawwatameef Addaamiin itti gaafatamaa godhe malee haadha manaa isaa miti.—Roomaa 5:12.

 Waaqayyo Addaam haadha manaa isaa irratti aangoo akka qabaatu kan dubbate maaliifi? (Uumama 3:16) Waaqayyo yommuu akkana jedhetti amala akkanaa deggeruu isaa hin turre. Raajii kana kan dubbate miidhaa gaddisiisaa sababa cubbuutiin gaʼu dubbachuu isaa ture. Waaqayyo dhiirri tokko haadha manaa isaa akka kabajuu fi akka jaallatu, akkasumas dimshaashumatti dubartootaaf kabaja guddaa akka qabaatu isa irraa eega.—Efesoon 5:25; 1 Pheexiros 3:7.

 Yaada dogoggoraa: Cubbuun jalqabaa saalqunnamtii ture.

 Dhugaa jiru: Sababa armaan gadiitiin kan kaʼe cubbuun jalqabaa saalqunnamtii miti:

  •   Waaqayyo mukicha isa hamaa fi gaarii ittiin beekan irraa akka hin nyaanne kan ajaje Addaam haadha manaa utuu hin godhatin kophaa isaa yommuu turetti dha.—Uumama 2:17, 18.

  •   Waaqayyo Addaamii fi Hewaaniin, “Horaa, baayʼadhaa” kan isaaniin jedhe yommuu taʼu, kana raawwachuufis ijoollee godhachuu qabu. (Uumama 1:28) Addaamii fi Hewaan wanta inni isaan ajaje raawwachuu isaaniitiin kan kaʼe Waaqayyo isaan adabe utuu taʼee kun hamaa kan isa jechisiisu ture.

  •   Addaamii fi Hewaan wal faana cubbuu hin raawwanne. Jalqaba Hewaan achii immoo Addaamtu cubbuu hojjete.—Uumama 3:6.

  •   Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtii abbaa manaa fi haadha manaa gidduutti raawwatamu ni deggera.—Fakkeenya 5:18, 19; 1 Qorontos 7:3.

a Yaadni “cubbuu jalqabaa” jedhu Kitaaba Qulqulluu keessatti hin argamu. Kanaa mannaa, cubbuun jalqabaa Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffamee jiru gowwoomsaa fi soba Seexanni Hewaanitti dubbate dha.—Uumama 3:4, 5; Yohaannis 8:44.

b “Cubbuun” Kitaaba Qulqulluu keessatti gochawwan dogoggoraa qofa utuu hin taʼin, haala mudaa qabuu fi hundi keenya dhaalle kan argisiisu dha.

c Waaʼee aarsaa Yesuus caalaatti baruu fi aarsicha irraas faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baruuf mata duree “Yesuus ni Fayyisa—Akkamitti?” jedhu ilaali.