Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Luqaas 2:14—“Lafa Irrattis Namoota isa Biratti Fudhatama Argataniif Nagaan Haa Taʼu”

Luqaas 2:14—“Lafa Irrattis Namoota isa Biratti Fudhatama Argataniif Nagaan Haa Taʼu”

 “Samii irratti Waaqayyoof ulfinni haa taʼu; lafa irrattis namoota isa biratti fudhatama argataniif nagaan haa taʼu.”—Luqaas 2:14, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Hooqubaan Waaqayyoof waaqa gubbaatti, nagaanis namoota Waaqayyo itti gammaduuf, lafa irratti.”—Luqaas 2:14, Hiika Bara 1997.

Hiika Luqaas 2:14

 Jechi jajannaa maleekonni yeroo Yesuus dhalate dubbatan kun namoonni Yesuusitti amanan Waaqayyo duratti fudhatama fi nagaa akka argatan kan argisiisudha.

 “Samii irratti Waaqayyoof ulfinni haa taʼu.” Maleekonni jechoota dubbatan kanaan Waaqayyo ulfina hunda argachuun akka isaaf malu addeessaniiru. Kana malees Yesuus dhalachuun isaa fi tajaajilli isaa lafarraa ulfina Yihowaatiif gumaacha guddaa akka godhu xiyyeeffannaa kan kennudha. a Fakkeenyaaf Yesuus yeroo hunda yommuu barsiisu Waaqayyoof iddoo guddaa kenna. Fakkeenyaaf akkana jechuudhaan dubbateera: “Wanti ani barsiisu, kan isa na erge sanaa ti malee kan koo miti.” (Yohaannis 7:16-18) Namoonni yeroo Yesuus dinqiiwwan raawwatu argan yeroo baay‵ee “Waaqayyoof ulfina kennu” turan. (Luqaas 5:18, 24-26; Yohaannis 5:19) Duuti Yesuus illee ulfina Waaqayyootiif gumaacha godheera. Duutisaa kaayyoo Waaqayyoo isa guddaa jechuunis lafa ilmaan namootaa qajeeloo fi nagaa jaallataniin guutuuf qabu raawwiisaa akka argatu karaa baneera.

 ‘Lafa irratti nagaan.’ Nagaan kun waraanni kan hin jirre ta‵uusaa caalaa kan dabalatudha. Kun nagaa ykn tasgabbii garaa keessaa argachuu isa namni tokko Yihowaa biratti fudhatama qabaachuudhaan argatu dabalata. Yesuusiif galanni haa ta‵u malee ilmaan namootaa Waaqayyoo wajjin nagaa akkanaa qabaachuu danda‵aniiru. (Yaaqoob 4:8) Mootii Mootummaa Waaqayyoo waan ta‵eef, Yesuus guutummaa lafaa irratti nagaa bara baraa fida.—Faarfannaa 37:11; Luqaas 1:32, 33.

 ‘Namoota isa biratti fudhatama argatan.’ Jechi kun namoota Waaqayyoo fi Yesuus isa inni erge irratti amantii dhgaa qabaachuu isaaniitiin kan ka‵e isa biratti fudhatama argatan argisiisa. Jechi kun Waaqayyo ilmaan namootaa amalaa fi gocha akkamiiyyuu argisiisan ykn tarii nagaa isaan argisiisaniin isa biratti fudhatama akka qaban kan argisiisu miti. Hiikawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko kanneen akka Kitaaba Qulqulluu Afaan Oromoo bara 1997 jecha kana “namoota Waaqayyo itti gammaduuf” jechuudhaan hiikaniiru. Haa ta‵u malee, barreeffamooni Afaan Giriikii harkaan barreeffaman durii hedduun Hiika Addunyaa Haaraa haala inni itti hiike deggeru; hiikawwan yeroo har‵aa hedduunis haala nagaa saba Waaqayyoo isa biratti fudhatama argatan gidduu jiruu wajjin haala walsimuun hiikaniiru.— “ Yaada Hiikkaa Dabalataa Luqaas 2:14.” ilaali

Yaada naannoo Luqaas 2:14​tti argamu

 Luqaas boqonnaa 2 jalqaba jireenya Yesuus nama ta‵ee lafarratti jiraate ibsa. Yesuus akkuma dhalateen maleekaan tokko tiksitoota “halkan hoolota isaanii eegaa ala bulan[ittti]” mul‵ate. b (Luqaas 2:4-8) Maleekaan tokko “misiraachoo namoota hundaaf gammachuu guddaa argamsiisu isinitti nan hima” jechuudhaan akkana isaaniin jedhe: “Harʼa magaalaa Daawit keessatti fayyisaan isiniif dhalateera; innis Kiristoos Goofticha dha.” (Luke 2:9-11) Tiksitoonni sun mucaa reefuu dhalate kana eessatti akka argan isaanitti kan himame yeroo ta‵u maleekota Waaqayyoon jajatan hedduu arguu danda‵aniiru. Tiksitoonni kun Beetalihemiin erga ga‵anii booda Maariyaamii fi Yoseef mucaa reefuu dhalate jechuunis Yesuusiin argatan. (Luqaas 2:12-16) Tiksitoonni kun muuxannoo ajaa‵ibsiisaa argan erga isaanitti himanii booda “Waaqayyoof ulfina kennaa, akkasumas isa jajachaa” gara hoolota isaaniitti deebiʼan.—Luqaas 2:17-20.

 Yaada Hiikkaa Dabalataa Luqaas 2:14

 “Galanni Waaqayyoof waaqarratti, lafaratis nagaan namootaaf jaalali gaariin.”— Luqaas 2:14, Hiika bara 1879.

 “Samii gubbaatti ulfinni Waaqayyoof, lafa irratti nageenni namoota inni itti gammaduuf haa ta’uu”— Luqaas 2:14, Hiikkaa Walta‵aa Haaraya.

 Viidiyoo qabiyyee kitaaba Luqaas gabaabsee ibsu kana daawwadhu.

a Yihowaan maqaa dhuunfaa Waaqayyoo ti. (Faarfannaa 83:18) Mata duree, “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu dubbisi

b Tiksitoonni ala kan bulan ta‵uun isaanii Yesuus waqtii gannaatti akka hin dhalanne argisiisa. Caalaatti barachuuf, mata duree “Yesuus Kan Dhalate Yoomi?” jedhu dubbisi.