Dhimma ijoo ta'etti seeni

Yesuus Kan Dhalate Yoomi?

Yesuus Kan Dhalate Yoomi?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Barreeffamoonni armaan gadii akka argisiisanitti Kitaabni Qulqulluun yeroo Yesuus itti dhalate ilaalchisee guyyaa murtaaʼe hin ibsu:

  •   “Guyyaan Kiristoos itti dhalate inni dhugaan hin beekamu.”—New Catholic Encyclopedia.

  •   “Guyyaan Kiristoos itti dhalate inni sirriin hin beekamu.”—Encyclopedia of Early Christianity.

 Kitaabni Qulqulluun gaaffii, ‘Yesuus kan dhalate yoomi?’ jedhuuf kallattiidhaan deebii kennuu baatus, taʼeewwan yeroo inni dhalatetti raawwatamanii fi namoonni baayʼeen inni kan dhalate gaafa Muddee 25 akka hin taane akka amanan godhan lama jiru.

Kan dhalate waqtii gannaatti miti

  1.   Galmeeffamuu. Yesuus dhalachuu isaa yeroo muraasa dura Awugusxos Qeesaar labsii “namoonni guutummaa addunyaa irratti argaman akka galmeeffaman” ajaju baasee ture. Namni hundi ‘magaalaa itti dhalatetti’ galmeeffamuu kan qabu siʼa taʼu, kun immoo torban tokkoof ykn isaa oliif imaluu kan gaafatu taʼuu dandaʼa. (Luqaas 2:1-3) Tarii ajajni kun kan baʼe gibira sassaabuuf ykn namoota loltoota taʼuu dandaʼan walitti qabuuf taʼuu dandaʼa; jiʼa kamitti iyyuu taanaan kun yaada hawaasichi hin deggerre ture; siruma iyyuu immoo, Awugusxos namoonni isa jalatti bulan hedduun yeroo qorraa kanatti karaa dheeraa akka deeman dirqisiisuudhaan uummaticha caalaatti dheekkamsiisa jedhanii yaaduun wanta hin fakkaanne dha.

  2.   Hoolota tiksuu. Tiksitoonni ‘halkan hoolota isaanii eegaa ala bulu’ turan. (Luqaas 2:8) Kitaabni Daily Life in the Time of Jesus jedhamu hoolonni ala kan bulan, “torban Ayyaana Faasikaa dura jiru [Bitootessa gara dhumaa irraa]” jalqabee hamma walakkeessa Sadaasaatti akka taʼe ibsa. Itti dabaluudhaanis akkana jedheera: “Tiksitoonni kun waqtii gannaatti manaa hin baʼan; garuu seenaan Wangeelaa kun tiksitoonni ala akka turan ibsa; kanaafuu yaanni kun qofti illee ayyaanni qillee waqtii gannaatti kabajamuun isaa sirrii taʼuu akka hin dandeenye kan argisiisu dha.”

Jalqaba birraatti

 Yeroo Yesuus Ayyaana Faasikaa isa Niisaan 14 waqtii arfaasaa Dh.K.B. bara 33⁠tti ajjeefame irraa kaanee gara duubaatti lakkaaʼuudhaan Yesuus yoom akka dhalate tilmaamuu dandeenya. (Yohaannis 19:14-16) Yesuus tajaajila isaa isa waggaa sadii fi walakkaadhaaf ture yeroo jalqabetti umuriin isaa gara waggaa 30 ture; kanaafuu, inni kan dhalate Dh.K.B. bara 2 jalqaba waqtii birraatti ture jechuu dha.—Luqaas 3:23.

Ayyaanni Qillee Muddee 25 Kan Kabajamu Maaliifi?

 Ragaan Yesuus Kiristoos Muddee 25 dhalachuu isaa argisiisu erga hin jirree, Ayyaanni Qillee guyyaa kanatti kan kabajamu maaliifi? Kitaabni Encyclopædia Britannica jedhamu akka ibsutti, geggeessitoonni waldaa tarii guyyaa kana kan filatan, “Ayyaana warra Roomaa isa ‘guyyaa dhalootaa aduu ishii hin injifatamnee’ wajjin akka wal irra buʼu gochuuf jedhanii ti;” yeroon kun immoo waqtii gannaa yeroo itti guyyaan gabaabbatu dha. Akka The Encyclopedia Americana jedhutti, hayyoonni hedduun kun kan godhame, “namoonni Waaqayyoon hin waaqeffanne amantii Kiristiyaanummaa fudhachuun akka isaaniif salphatu gochuuf” akka taʼetti amanu.