Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Yohaannis 14:27—“Ani Nagaa Isin Biratti Nan Dhiisa”

Yohaannis 14:27—“Ani Nagaa Isin Biratti Nan Dhiisa”

 “Ani nagaa isin biratti nan dhiisa; nagaa koo isiniif nan kenna. Nagaa koo kanan isiniif kennu akka addunyaan kennutti miti. Garaan keessan akka raafamus taʼe sodaadhaan akka guutamu hin godhinaa.”—Yohaannis 14:27, Hiika Addunyaa Haaraa.

 “Nagaa isin biratti nan hambisa, nagaa koo isiniif nan kenna; ani akka biyyi lafaa kennuttan isiniif kenna miti, garaan keessan hin raafamin, hin sodaatinis!”—Yohaannis 14:27, Hiika Bara 1997.

Hiika Yohaannis 14:27

 Yesuus yaada kana dubbachuudhaan, ergamoonni isaa rakkoowwan yommuu isaan mudatanitti garmalee dhiphachuu akka hin qabne isaan jajjabeesseera. Isaanis akkuma Yesuus gargaarsa Waaqayyootiin tasgabbii argachuu ni dandaʼu.

 Yesuus ergamoota isaatiif nagaa akkamii dhiise ykn kenne? Yesuus nagaa isaa isa inni iyyuu argatee ture isaaniif dhiise. Nagaa kana qabaachuu jechuun, walitti buʼiinsa ykn rakkina irraa walaba kan taʼe dha jechuu miti. (Yohaannis 15:20; 16:33) Yesuus jalʼinni haqaa kan isa irra gaʼee fi boodas kan ajjeefame taʼus nagaa guutuu qaba ture. (Luqaas 23:27, 28, 32-34; 1 Pheexiros 2:23) Yihowaa Abbaa isaa biratti akka jaallatamuu fi fudhatama akka qabu waan beekuuf nagaa fi tasgabbii qaba ture. aMaatewos 3:16, 17.

 Yesuusii fi Abbaan isaa akka isaan jaallatanii fi isaan duratti fudhatama akka argatan isaaniif mirkaneessuudhaan ergamoota isaatiif nagaa kenneera. (Yohaannis 14:23; 15:9, 10; Roomaa 5:1) Nagaan Yesuus Ilma Waaqayyoo taʼuu isaatti amanuu irratti hundaaʼe kun, sodaa fi yaaddoo isaanii ilaalchisee akka tasgabbaaʼan isaan gargaareera. (Yohaannis 14:1) Yesuus qaamaan isaan bira kan hin turre taʼus, hafuurri qulqulluun Waaqayyoo ofitti amanannaa fi nagaa keessaa akka qabaatan akka isaan gargaaru waadaa galeera. (Yohaannis 14:25-27) Duuka buutonni Yesuus surraa fi deggersa Yihowaa akka argatan waan beekaniif haalawwan rakkisoon isaan mudatanis ija jabinaan ni moʼu.—Ibroota 13:6.

 Yesuus yeroo lafa irra turetti, akkuma barsiifataatti namoonni nagaa yommuu wal gaafatan nagaa waliif hawwu turan. (Maatewos 10:12, 13) Yesuus garuu ergamoota isaatiif nagaa hawwuu qofa utuu hin taʼin nagaa isaaniif kenneera. Kana malees, nagaan Yesuus isaaniif kenne nagaa addunyaan b kennu kam irraa iyyuu adda dha. Addunyaan namootaaf karaa wal qunnamtii, qabeenyaa, beekamtii ykn aangootiin hamma tokko nagaa kennuu dandaʼa. Nagaan Yesuus kennu garuu wantoota alaan mulʼatan irratti kan hundaaʼe miti. Nagaa keessaa yoom iyyuu hin badne irratti kan hundaaʼe dha.

Yaada naannoo Yohaannis 14:27​tti argamu

 Yesuus yaada kana galgala duʼuu isaa dura turetti ergamoota isaa amanamoo taʼanitti dubbate. Gaafas galgala Yesuus dhiheenyatti isaan dhiisee akka deemu itti hime. (Yohaannis 13:33, 36) Kun immoo ergamoota isaa baayʼee gaddisiise. (Yohaannis 16:6) Kanaafuu, Yesuus yommuu isaan dhiisee deemutti sababa itti yaaddaʼan akka hin qabne isaaniif mirkaneesse.

 Haaluma wal fakkaatuun, yaanni Yesuus dubbate Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiranis jajjabeessuu ni dandaʼa. Nutis nagaa qabaachuu ni dandeenya. (2 Tasalonqee 3:16) Barattoota Yesuus yommuu taanetti, isaa fi Yihowaa isa Abbaa isaa taʼe biratti akka jaallatamnee fi fudhatama akka arganne hubanneerra. (Qolosaayis 3:15; 1 Yohaannis 4:16) Kanaan kan kaʼes, garmalee dhiphachuu hin qabnu. Maaliif? Sababiin isaas Waaqayyo nuu wajjin jira!—Faarfannaa 118:6; Filiphisiyus 4:6, 7; 2 Pheexiros 1:2.

 Viidiyoo kitaaba Yohaannis gabaabsee ibsu kana ilaali.

a Yihowaan maqaa dhuunfaa Waaqayyoo ittiin beekamu dha. (Faarfannaa 83:18) Mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali.

b Kitaaba Qulqulluu keessatti, jechi “addunyaa” jedhu ilmaan namootaa Waaqayyo irraa fagaatan kan argisiisu dha.