Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 9

Maatiinkee Gammachuu Argachuu Kan Dandaʼu Akkamitti?

Maatiinkee Gammachuu Argachuu Kan Dandaʼu Akkamitti?

1. Seeraan wal fuudhuun gammachuu maatiitiif murteessaa kan taʼe maaliifi?

Misiraachoon kun Yihowaa, Waaqa isa gammadaa maatiin gammachuu akka argatu barbaadu biraa dhufe. (1 Ximotewos 1:11, NW) Gaaʼela kan hundeesse isadha. Bakka ijoolleen tasgabbiidhaan itti guddataniifi gammachuu maatiitiif murteessaa waan taʼeef, gaaʼelli seeraan kan galmeeffame taʼuunsaa barbaachisaadha. Kiristiyaanonni, gaaʼela seeraan galmeessisuu ilaalchisee seera mootummaatiif ajajamuu qabu.​—Luqaas 2:1, 4, 5 dubbisi.

Waaqayyo gaaʼelaaf ilaalcha akkamii qaba? Dhiirriifi durbi tokko umriisaanii guutuu akka waliin jiraatan barbaada. Yihowaan, abbaan manaafi haati manaa amanamoo akka waliif taʼan barbaada. (Ibroota 13:4) Wal hiikuu ni jibba. (Miilkiyaas 2:16) Hiriyoota gaaʼelaa keessaa inni tokko ejja yoo raawwate garuu, wal hiikanii garabiraa akka fuudhan ni heyyama.​—Maatewos 19:3-6, 9 dubbisi.

2. Abbaan manaafi haati manaa hariiroo akkamii qabaachuu qabu?

Yihowaan, dhiiraafi dubartii kan uume wal gargaaranii akka jiraataniif ture. (Uumama 2:18) Abbaan manaa, mataa maatii waan taʼeef wanta maatiisaatiif barbaachisu dhiheessuufi waaʼee Waaqayyoo isaan barsiisuuf dursa fudhachuu qaba. Fedhiisaa aarsaa gochuudhaan jaalala haadha manaasaatiif qabu argisiisuu qaba. Lamaanuu wal jaallachuufi wal kabajuu qabu. Hiriyoonni gaaʼelaa cubbuu kan dhaalan waan taʼaniif, dhiifama walii gochuu barachuunsaanii maatiin gammachuu akka qabaatu gochuurratti gaʼee guddaa qaba.​—Efesoon 4:31, 32; 5:22-25, 33; 1 Phexros 3:7 dubbisi.

3. Gaaʼela keetti yoo gammaduu baatte hiriyaa gaaʼelaakee hiikuu qabdaa?

Siifi hiriyaa gaaʼelaakee gidduutti waldhabiinsi yoo uumame, lamaan keessaniyyuu jaalala walitti argisiisuuf carraaqqii gochuu qabdu. (1 Qorontos 13:4, 5) Dubbiin Waaqayyoo, gaaʼela keessatti waldhabiinsi yommuu uumamu gargar baʼuun furmaata akka taʼe hin ibsu.​—1 Qorontos 7:10-13 dubbisi.

4. Ijoolle, Waaqayyo maal akka argattan barbaada?

Yihowaan gammachuu akka argattan barbaada. Dargaggummaa keessanitti karaa gammachiisaa taʼeen akkamitti itti fayyadamuu akka dandeessan ilaalchisee gorsa gaarii isiniif kenna. Ogummaafi muuxannoo warri keessan qabanirraa faayidaa akka argattan barbaada. (Qolosaayis 3:20) Kana malees, karaa Uumaan keessaniifi Ilmisaa barbaadaniin jiraachuudhaan gammachuu akka argattan barbaada.​—Lallaba 11:9–12:1; Maatewos 19:13-15; 21:15, 16 dubbisi.

5. Warra kan taatan, ijoolleen keessan gammachuu akka qabaatan gochuu kan dandeessan akkamitti?

Ijoollee keessaniif nyaata, manaafi uffata dhiheessuuf jabaattanii hojjechuu qabdu. (1 Ximotewos 5:8) Taʼus, ijoolleen keessan gammachuu akka argatan gochuuf, Waaqayyoon akka jaallataniifi waaʼeesaa akka beekan isaan barsiisuu qabdu. (Efesoon 6:4) Jaalala Waaqayyoof qabdan argisiisuudhaan fakkeenya taʼuun keessan, ijoollee keessanirratti dhiibbaa guddaa geessisa. Qajeelfamni Dubbii Waaqayyoorratti hundooftanii isaaniif kennitan, ilaalcha ijoollee keessaniirratti dhiibbaa gaarii geessisuu dandaʼa.​—Keessa Deebii 6:4-7; Fakkeenya 22:6 dubbisi.

Ijoollee jajjabeessuufi galateeffachuun faayidaa isaaniif argamsiisa. Sirreeffamniifi adabnis isaan barbaachisa. Leenjiin akkasiimmoo, gochawwan gammachuu isaan dhabsiisan raawwachuurraa isaan eeguu dandaʼa. (Fakkeenya 22:15) Taʼus, gara jabinaan adabamuu hin qaban.​—Qolosaayis 3:21 dubbisi.

Dhugaa Baatonni Yihowaa kitaabota, keessumaa warraafi ijoollee gargaaran hedduu qopheessaniiru. Kitaabonni kunis Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼanidha.​—Faarfannaa 19:7, 11 dubbisi.