Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 12

Hojiin Lallabaa Keenya Kan Gurmeeffame Akkamitti?

Hojiin Lallabaa Keenya Kan Gurmeeffame Akkamitti?

Ispeen

Belaarus

Hoongi Koongi

Peeruu

Yesus duʼuusaa yeroo muraasa dura, “Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa” jedhee ture. (Maatewos 24:14) Haataʼu malee, hojiin lallabaa kun addunyaa maratti raawwatamuu kan dandaʼu akkamitti? Fakkeenya Yesus yeroo lafarra ture raawwate hordofuudhaanidha.—Luqaas 8:1.

Namoota manasaanii dhaqnee haasofsiisuuf yaalii goona. Yesus manaa gara manaatti deemanii misiraachoo akka lallabaniif bartootasaa leenjiseera. (Maatewos 10:11-13; Hojii Ergamootaa 5:42; 20:20) Namoonni jaarraa tokkoffaatti wangeela lallabaa turan bakki itti lallabuu qaban isaanitti himamee ture. (Maatewos 10:5, 6; 2 Qorontos 10:13) Yeroo harʼaas, hojiin lallabaa keenya akka gaariitti kan gurmeeffame siʼa taʼu, gumiin hundi naannoo tajaajilaa isaaf kenname qaba. Kunis ajaja Yesus ‘wangeelicha namootatti akka lallabnuufi [“guutummaatti,” NW] akka dhugaa baanu’ nuu kenne raawwachuuf nu gargaara.—Hojii Ergamootaa 10:42.

Bakka namoonni argaman hundumaatti isaan haasofsiisuuf carraaqna. Yesus bakka namoonni hedduun argaman, jechuunis qarqara galaanaa ykn boolla namoonni bishaan keessaa waraabbatan biratti lallabuudhaan fakkeenya gaarii nuuf taʼeera. (Maarqos 4:1; Yohannis 4:5-15) Nutis bakka hundaatti jechuunis karaarratti, naannoo daldalaatti, bakka konkolaataan dhaabatutti ykn bilbilaan waaʼee Macaafa Qulqulluu namoota haasofsiisna. Carraa arganne hundatti fayyadamuudhaanis ollaawwan, namoota nu wajjin hojjetan, nu wajjin barataniifi firoota keenyaaf ni lallabna. Carraaqqiin kun hundi namoonni miliyoonaan lakkaaʼamaniifi addunyaa maratti argaman misiraachoo “fayyisuu isaa” dhagaʼuu akka dandaʼan godheera.—Faarfanna 96:2.

Namni misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo itti himuu barbaadduufi misiraachoon kun jireenyasaarratti jijjiirama fida jettee yaaddu jiraa? Abdii kana ofuma keetii qabattee hin taaʼin. Kanaa mannaa wanta baratte battalumaan namootatti himi.

  • “Wangeelli mootummaa” lallabamuu qabu maalidha?

  • Dhugaa Baatonni Yihowaa mala Yesus lallabaaf itti fayyadame kan hordofan akkamitti?