Dhimma ijoo ta'etti seeni

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

“Dhugaa Isaa Ofuma Kootii Akkan Mirkaneeffadhu Barbaadu Turan”

“Dhugaa Isaa Ofuma Kootii Akkan Mirkaneeffadhu Barbaadu Turan”
  • BARA DHALOOTAA: 1982

  • BIYYA DHALOOTAA: DOMEENIIKAAN RIIPPABLIIK

  • SEENAA: MAATII AMANTAA MOORMOON HORDOFU KEESSATTI KAN GUDDATE

JIREENYA KOO DURAA:

Kanan dhaladhe magaalaa guddoo Doomeeniikaan Riippabliikii Saantoo Doomeenigoo jedhamtu keessatti dha. Ijoollee afur keessaa ani isa dhumaa ti. Warri koo namoota baratani dha; ijoolleen isaaniis namoota gaarii fi amanamoo taʼan gidduutti akka guddatan barbaadu turan. Ani dhalachuu koo waggaa afur dura warri koo misiyoonota amantaa Moormoon hordofanii wajjin wal arganii turan. Warri koo akkaataan uffannaa fi miidhaginaa, akkasumas amalli gaariin dargaggoonni amantaa Moormoon qaban waan isaan hawwateef, maatiin keenya miseensa Waldaa Yesuus Kiristoos Qulqulloota Bara Boodaa ykn Waldaa Moormoonotaa taʼuuf murteessan; kanaafuu maatiin keenya odoolicha keessatti namoota jalqabaa amantii kana fudhatan turan.

Yommuun guddachaa deemu, qophiiwwan waldicha keessatti godhaman na gammachiisuu jalqaban; barumsa Moormoonotaa isa waaʼee jireenya maatii fi naamusa gaarii ibsus nan kabajan ture. Amantaa Moormoon hordofuu kootti nan boonan ture; misiyoonii taʼuufis galma baafadheen ture.

Yeroo umuriin koo waggaa 18 taʼu, maatiin koo ani yunivarsiitii gaarii galee barachuu akkan dandaʼuuf gara Yuunaayitid Isteetis dhaqanii achi jiraachuu jalqaban. Gara waggaa tokkoo booda, adaadaan koo fi abbaan manaa ishii warri Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan nu gaafachuuf gara Filooriidaa dhufan. Walgaʼii guddaa tokko irratti isaanii wajjin akka argamnu nu afeeran. Namoonni naannoo koo jiran hundi caqasoota baafatanii akka dubbisanii fi yaadannoo akka qabatan arguun koo baayʼee na dinqisiise. Anis qalamaa fi waraqaa akka naaf kennan gaafadhee yaadannoo qabachuun jalqabe.

Walgaʼii guddaa sana booda adaadaan koo fi abbaan manaa ishii misiyoonii taʼuuf erga barbaaddee wantoota tokko tokko Kitaaba Qulqulluu irraa akka barattu si gargaaruu dandeenya naan jedhan. Yeroo sanatti Kitaaba Qulqulluu caalaa Kitaaba Moormoonotaa waanan beekuuf yaada gaarii akka taʼe natti dhagaʼame.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

Maree Kitaaba Qulqulluu bilbilaan goonu irratti, adaadaan koo fi abbaan manaa ishii yeroo hundumaa wantan itti amanu barumsawwan Kitaaba Qulqulluu wajjin wal bira qabee akkan ilaalu na jajjabeessu turan. Dhugaa isaa ofuma kootii akkan mirkaneeffadhu barbaadu turan.

Barumsa Moormoonotaa keessaa wantan fudhadhe hedduun qaba ture; taʼus, barumsawwan kun Kitaaba Qulqulluu wajjin kan wal siman taʼuu fi dhiisuu isaanii hin beekun ture. Adaadaan koo barruu Dammaqaa! Sadaasa 8, 1995 naaf ergite; barruun kun mata dureewwan amantii Moormoonotaa ibsan tokko tokko kan qabate ture. Barumsa Moormoonotaa hedduu isaa akkan hin beekne hubachuun koo baayʼee na dinqisiisee ture. Kunis wantan Dammaqaa! sana irratti dubbise dhugaa taʼuu isaa mirkaneessuuf weebsaayitii Moormoonotaa sakattaʼuuf na kakaaseera; wanti Dammaqaa! sana irratti baʼe hundis dhugaa ture. Muuziiyemii Moormoonotaa Yuutaa keessatti argamu daawwachuun koos kun dhugaa taʼuu isaa caalaatti naaf mirkaneesseera.

Yeroo hunda Kitaabni Moormoonotaa fi Kitaabni Qulqulluun wal hin faallessu jedheen amana ture. Haa taʼu malee, Kitaaba Qulqulluu of eeggannoodhaan dubbisuu yommuun jalqabu, barumsi Moormoonotaa fi barumsi Kitaaba Qulqulluu akka wal faallessun hubadhe. Fakkeenyaaf, Hisqiʼel 18:4 irratti Kitaabni Qulqulluun lubbuun akka duutu dubbata. Haa taʼu malee, Kitaabni Moormoonotaa Almaa 42:9 irratti, “Lubbuun matumaa duʼuu hin dandeessu” jedha.

Barumsawwan wal faallessan kana malees, yaadawwan sabboonummaa Moormoononni barsiisan baayʼee na jeeqa ture. Fakkeenyaaf, Moormoononni iddoon biqiltuu Eeden Jaaksan Kaawunti Mizuurii Yuunaayitid Isteetis keessa turte jedhanii barsiisu turan. Raajonni waldichaa gaaf tokko Waaqayyo mootummaa Yuunaayitid Isteetis fayyadamee guutummaa addunyaa akka bulchu barsiisu.

Barumsa Moormoonotaa kana irraa kaʼuudhaan biyyan itti dhaladhe ykn biyyoonni kaan maal taʼu laata kan jedhu na yaaddessa ture. Gaaf tokko galgala dargaggeessi misiyoonii Moormoonotaa taʼuuf leenjiʼaa ture tokko yommuu naaf bilbilu dhimma kana irratti akka mariʼannun isa gaafadhe. Biyyi isaa Moormoonota biyya kan biraa wajjin utuu wal waraanaa jira taʼee irratti akka hirmaatun ifatti isa gaafadhe. Eeyyee jedhee deebisuun isaa baayʼee na dinqisiise. Wantan itti amanu gad fageenyaanan qore; akkasumas geggeessitoota Waldaa Moormoonotaa itti gaafatamummaa qabanii wajjinan mariʼadhe. Deebiin gaaffiiwwan koo iccitii akka taʼee fi gaaf tokko yeroo ifni caalaatti ifu akka naaf deebiʼu natti himan.

Deebiin isaan naaf kennan baayʼee waan na aarseef, sababii itti misiyoonii Moormoonotaa taʼuu itti barbaade irratti yaaduun jalqabe. Sababii ani misiyoonii taʼuu itti barbaade keessaa tokko namoota gargaaruu waanan barbaadeef akka taʼen hubadhe. Sababii inni kan biraan immoo namoonni akka na kabajan waanan barbaaduuf ture. Waaqayyoon ilaalchisee garuu beekumsa hedduu hin qabun ture. Kanaan dura Kitaaba Qulqulluu yeroo baayʼee kanan dubbise taʼus, iddoo guddaa hin kennuufin ture. Kanaafuu, kaayyoo Waaqayyo lafaaf ykn ilmaan namootaatiif qabu hin beekun ture.

FAAYIDAA ANI ARGADHE:

Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kootiin wantoota hedduu baradheera; isaan keessaa muraasni isaanii maqaan Waaqayyoo eenyu akka taʼe, yeroo duunu maal akka taanuu fi gaʼee Yesuus kaayyoo Waaqayyoo raawwachiisuuf qabu maal akka taʼe baradheera. Dhuma irrattis Kitaaba Qulqulluu isa kitaaba dinqisiisaa taʼe sirriitti beekuu dandaʼeera, akkasumas dhugaan barachaa jiru warra kaanitti himuun jalqabe. Waaqayyo jiraachuu isaa yoom iyyuu shakkee kan hin beekne taʼus, akka michuu koo isa hunda irra caalutti kadhannaadhaan isatti dhihaachuu kanan jalqabe yeroo kana booda dha. Adoolessa 12, 2004 cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaan taʼe, jiʼa jaʼa boodas tajaajila yeroo guutuun jalqabe.

Achiis waggaa shaniif waajjira muummee Dhugaa Yihowaa isa Biruukiliin Niwu Yoorki jiru keessa hojjedheera. Kitaaba Qulqulluus taʼe barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii fi addunyaa maratti namoota miliyoonaan lakkaaʼaman gargaaran maxxansuu irratti gumaacha gochuu kootti gammachuutu natti dhagaʼama, ammas namoonni waaʼee Waaqayyoo akka baratan gargaaruu koo itti fufeera.