Mulʼata Yohaannis 3:1-22

  • Ergaa Sardeesiif (1-6), Filaadelfiyaadhaaf (7-13), Lodooqiyaadhaaf ergame (14-22)

3  “Maleekaa gumii Sardeesiif akkana jedhii barreessi: Inni hafuurota Waaqayyoo torbaa+ fi urjiilee torba qabu+ sun akkana jedha: ‘Ani hojii kee beeka, maqumaaf jiraataa jedhamta malee, ati duʼaa dha.+  Dammaqaa taʼi;+ wantoota hafanii fi duʼuuf jedhan jajjabeessi; ani hojiin kee Waaqa koo duratti guutummaatti raawwatamee hin argine.  Kanaafuu, wanta fudhattee fi dhageesse yeroo hunda yaadadhu; akkasumas eeguu kee itti fufi, yaada kees geddaradhu.+ Yoo dammaquu baatte garuu, ani akka hattuutti sitti nan dhufa,+ saʼaatii akkamiitti akkan sitti dhufus matumaa hin beektu.+  “‘Taʼus, Sardees keessaa namoota* uffata isaanii hin xureessine+ muraasa qabda; isaan kan isaaniif malu waan taʼeef, uffata adii+ uffatanii anaa wajjin deddeebiʼu.  Inni injifatu+ uffata adii ni uffata,+ anis matumaa maqaa isaa kitaaba jireenyaa keessaa hin haqu;+ kanaa mannaa, Abbaa koo fi maleekota isaa duratti maqaa isaatiif beekamtii nan kenna.+  Gurra kan qabu wanta hafuurri gumiiwwanitti dubbatu haa dhagaʼu.’  “Maleekaa gumii Filaadelfiyaatiif akkana jedhii barreessi: Inni qulqulluun,+ inni dhugaan,+ inni furtuu Daawit+ qabu, inni isa inni banu namni tokko illee cufuu hin dandeenyee fi isa inni cufu namni tokko illee banuu hin dandeenye sun akkana jedha:  ‘Ani hojii kee beeka; kunoo, ani balbala namni kam iyyuu cufuu hin dandeenye tokko si duratti baneera.+ Ati humna xinnoo akka qabdu beeka, dubbii koo eegdeetta, maqaa kootiifis amanamaa taateetta.  Kunoo, ani warri mana sagadaa Seexanaa keessa jiranii fi Yihudoota utuu hin taʼin sobaan Yihudoota ofiin jedhan+ gara kee dhufanii miila kee jalatti akka sagadanii fi si jaallachuu koo akka beekan nan godha. 10  Jabaadhee dhaabbachuu+ koo ilaalchisee wanta dhageesse waan eegdeef,* anis saʼaatii qorumsaa isa warra lafa irra jiraatan qoruuf namoota guutummaa lafaa irra jiraatan irratti dhufu sana irraa sin eega.+ 11  Ani dafeen dhufa.+ Eenyu iyyuu gonfoo+ kee akka hin fudhanneef wanta qabdu jabeessii qabadhu. 12  “‘Ani isa injifatu sana mana qulqullummaa Waaqa koo keessatti utubaa nan godha, inni sana booda matumaa achi keessaa hin baʼu; ani maqaa Waaqa koo+ fi maqaa magaalaa Waaqa koo, jechuunis Yerusaalem Haaraa,+ ishii samii keessaa Waaqa koo biraa gad buutuu fi maqaa koo isa haaraa isa irratti nan barreessa.+ 13  Gurra kan qabu wanta hafuurri gumiiwwanitti dubbatu haa dhagaʼu.’ 14  “Maleekaa gumii Lodooqiyaatiif+ akkana jedhii barreessi: Inni Ameen+ jedhamu, dhugaa baatuu+ amanamaa fi dhugaa+ taʼe, inni uumama Waaqayyoo keessaa isa jalqabaa taʼe+ akkana jedha: 15  ‘Ani hojii kee beeka, ati qorraa yookiin hoʼaa miti. Utuu qorraa yookiin hoʼaa taatee natti tola ture. 16  Ati laphii waan taateef, hoʼaa+ yookiin qorraa+ waan hin taaneef, afaan koo keessaa si tufuufan jedha. 17  Ati, “Ani sooressa dha,+ qabeenya hedduus qaba, wanti tokko illee matumaa na hin barbaachisu” kan jettu taʼus, deegaa, rakkataa, hiyyeessa, jaamaa fi qullaa taʼuu kee waan hin beekneef, 18  sooressa akka taatuuf warqii ibiddaan qulqulleeffame, qullaa taatee qaaniin kee akka hin mulʼanneef+ uffata adii uffattu, akkasumas ilaaluu akka dandeessuuf+ kuulii ija kee kuullattu+ akka na irraa bitattu sin gorsa. 19  “‘Ani warran jaalladhu hunda nan ifadha, nan adabas.+ Kanaafuu, hinaaffaa qabaadhu, yaada kees geddaradhu.+ 20  Kunoo, ani balbala dura dhaabbadheen rurrukutaa jira. Namni kam iyyuu sagalee koo dhagaʼee balbala yoo naaf bane, ani mana isaatti ol seenee isaa wajjin irbaata nan nyaadha, innis anaa wajjin ni nyaata. 21  Akkuma ani injifadhee Abbaa koo wajjin teessoo isaa irra taaʼe,+ inni injifatu+ anaa wajjin teessoo koo irra akka taaʼu isaaf nan heyyama.+ 22  Gurra kan qabu wanta hafuurri gumiiwwanitti dubbatu haa dhagaʼu.’”

Miiljaleewwan

Kal., “maqaawwan.”
Ykn tarii, “Fakkeenya ani jabaadhee dhaabbachuudhaan argisiise waan hordofteef.”