Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru​—Biraaziilitti

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru​—Biraaziilitti

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru​—Biraaziilitti

WAGGOOTA muraasa dura, Ruubiyaan (1) isheen amma umriinshee waggaa 30 taʼe, Saandiraa (2) ishee gumii xiqqoo kibba Biraaziilitti argamu keessatti qajeelchituu taatee tajaajiltu gaafachuu deemte. Yeroo kanatti haalli Ruubiyaa ajaaʼibsiiseefi akkaataa jireenyaashee ishee jijjiirsise tokko ni uumame. Haalli kun maal ture? Mee haala kana wanta Ruubiyaan dubbatterraa haa ilaallu.

“GURRAKOO AMANUU HIN DANDEENYE”

“Saandiraan dubartii tokko Macaafa Qulqulluu akka qayyabsiisnu na fuutee deemte. Utuu qayyabannaa geggeessaa jirruu dubartiin kun akkuma tasaa, ‘Saandiraa, shamarran bakka hojiikootii jiran sadii Macaafa Qulqulluu qayyabachuu barbaadu; ani garuu dabareesaanii akka eeggatanin itti hime. Waggaa kana hojiin waan sitti baayʼatuuf akka ati hin dandeenye beeka’ jette. Yeroo kanatti gurrakoo amanuu hin dandeenye. Namoonni waaʼee Yihowaa beekuu barbaadan galmeeffamanii dabareesaanii eeggachuu qabu turan! Gumiikootti qayyabannaa tokkollee argachuun na rakkisa. Mana dubartii Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu sanaa utuma jirruu, jiraattota magaalaa xinnoo kana keessa jiran gargaaruuf baayʼeen hawwe. Sana booda utuu baayʼee hin turin, magaalaa guddaa ani keessa jiraadhu dhiiseen magaalaa Saandiraan qajeelchituu taatee itti tajaajiltu dhaqe.”

Ruubiyaa haala akkamiitu ishee mudate? Akkas jetteetti: “Achi dhaqee jiʼa lama keessatti namoota 15 Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuun jalqabe; amantanis amanuu baattanis akkuma Saandiraa anis namoonni galmeeffamanii dabareesaanii akka eeggatan gochuu jalqabeera!”

TAJAAJILASAA IRRA DEEBIʼEE GAMAAGGAMUUF KAKAʼEERA

Diyaagoon (3) inni yeroo ammaatti umrii jalqaba waggoota 20 keessatti argamu, hiriyoota gaaʼelaa qajeelchitoota taʼanii magaalaa xinnoo Pirudeentopolis jedhamtuufi kibba Biraaziilitti argamtu keessatti tajaajilan gaafachuu dhaqe. Yeroo isaan bira ture kanatti fedhii guddaan keessasaatti kan uumame taʼuusaarrayyuu, tajaajilasaa irra deebiʼee gamaaggamuuf kakaʼeera. Akkas jedheera: “Gumiirratti dammaqinaan kan hin hirmaanne siʼa taʼu, saʼaatiin jiʼatti tajaajilarratti dabarsus muraasa ture. Yommuun qajeelchitoota sana gaafachuuf dhaqee muuxannoo isaan tajaajilarratti argatan dhagaʼu garuu, gammachuu isaan qaban ilaalcha dantaa dhabummaa ani tajaajilaaf qabuu wajjin walbira qabuufan dirqame. Gammachuu guddaa isaan qaban yommuun argu, anis akkumasaanii jireenya kaayyoo qabu jiraachuun hawwe.” Sana booda Diyaagoon qajeelchaa taʼeera.

Atis akkuma Diyaagoo dargaggeessa Dhugaa Baatuu hojii lallabaarratti hirmaattuufi walgaʼiirratti argamtu taatuyyuu, tajaajilli nuffisiisaafi gammachuu kan hin qabne akka taʼe sitti dhagaʼamaa? Taanaan, gammachuu naannoo babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti itti barbaachisanitti tajaajiluudhaan argamu argachuuf jireenya keerratti jijjiirama gochuu ni dandeessaa? Yaanni, akkaataa jireenyaa qananii qabu dhiisuu jedhu si sodaachisuu akka dandaʼu ifadha. Taʼus dargaggoonni hedduun akkas gochuu filataniiru. Guutummaatti Yihowaa tajaajiluuf, galmaafi fedhiisaaniirratti jijjiirama gochuuf onnataniiru. Mee dabalataanimmoo fakkeenya Birunoo ilaali.

BARSIISAA MUUZIQAAMOO TAJAAJILAA?

Waggoota muraasa dura, Birunoon (4) inni amma umriinsaa waggaa 28 taʼe, mana barumsaa muuziqaa beekamaa taʼe tokkotti kan barate siʼa taʼu, galmisaas geggeessaa tuuta muuziqaa taʼuu ture. Barumsasaa kanaan guddina cimaa kan argisiise taʼuusaarrayyuu, yeroo baayʼee tuuta namoota meeshaa muuziqaatiin taphatanii akka geggeessu afeeramee ture. Carraan hojii gaarii itti argatu mijaaʼeefii kan ture taʼus, Birunoon, “Ammayyuu jireenyakoo keessatti wanti tokko akka natti hafe natti dhagaʼama. Yihowaadhaaf of murteesseera; garuu guutummaatti isaaf akka of hin kennine beeka; kunimmoo baayʼee na jeeqa ture. Miira natti dhagaʼamu ilaalchisee Yihowaatti kadhannaadhaan kanan ibse siʼa taʼu, obboloota gumii keessatti muuxannoo qabanis nan mariisise. Akka gaariitti ergan irratti yaadee booda, muuziqaakoorra tajaajilakoo dursuu, akkasumas mana barumsaa muuziqaa dhiisuu akkan qabu kanan murteesse siʼa taaʼu, naannoo babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti itti barbaachisan deemee tajaajiluun jalqabe.” Murtoonsaa buʼaa kan isaaf argamsiise akkamitti?

Birunoon gara magaalaa Guwaapiyaaraa (baayʼina uummataa gara 7,000 qabdu), ishee magaalaa guddoo Saaʼoo Pooloorraa gara kiilomeetira 260 fagaattuu deeme. Kun jijjiirama guddaa ture. Akkas jedheera: “Mana xiqqoo firiijii, televijiinii ykn Intarneetii hin qabnettan gale. Taʼuyyuu manichi, wantan kanaan dura hin qabne, jechuunis kuduraaleefi biqiltuuwwan addaddaa qaba ture!” Birunoon achitti gumii xiqqaa taʼe keessatti kan tajaajilu taʼus, torbanitti siʼa tokko nyaata, bishaaniifi barreeffamoota boorsaatti qabatee mootor saaykiliidhaan naannoo baadiyyaatti deemee tajaajila. Namoonni naannichaa hedduun sanaan dura misiraachicha dhagaʼanii hin beekan. “Namoota 18 taʼan Macaafa Qulqulluun qayyabsiisa ture. Namoonni ani Macaafa Qulqulluu qayyabsiisu kun jijjiirama jireenyasaanii keessatti godhan arguun gammachuu guddaa naaf argamsiisa!” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Yeroo kanatti wantan jireenyakoo keessatti dhabee ture, jechuunis gammachuu guddaa fedhii Mootummichaa dursuudhaan argamu akkan argadheen hubadhe. Qabeenya horachuuf galma utuun baafadheera taʼee, gammachuu kana matumaa hin qabaadhun ture” jedheera. Maarree Birunoon, Guwaapiyaaraatti yommuu tajaajilu, qarshii ittin of gargaaru kan argatu akkamitti? Birunoon seeqaa, “Gitaara barsiisuudhaan” jedheera. Birunoon ammayyuu muuziqaa ni barsiisa.

“ACHUMA TURUUN QABA TURE”

Maariyaanaan (5) isheen amma umrii dhuma waggoota 20 keessa jirtu, haala Birunoo wajjin walfakkaatu keessatti argamti. Abukaatoo taatee kan hojjettuufi hojii kanaan qarshii guddaa kan argattu taʼus, gammachuu dhugaa akka qabdu itti hin dhagaʼamu ture. “‘Qilleensa ariʼaa’ akkan jiru natti dhagaʼama ture” jetteetti. (Lal. 1:17) Obboloonniifi obboleettonni hedduun qajeelchituu akka taatu ishee jajjabeessanii turan. Maariyaanaanis xinnoo erga irratti yaaddee booda, hiriyootashee Biyaankaa (6), Kaaroliniifi (7) Juliyaanaa (8) wajjin gumii magaalaa Baaraa Du Bugrees ishee Booliiviyaatti dhihoo jirtuufi naannoosaaniirraa kiilomeetira kumaan lakkaaʼamuun fagaattutti argamu gargaaruuf murteessite. Sana boodahoo maaltu taʼe?

Maariyaanaan akkas jetteetti: “Jiʼa sadiif qofa achi turuuf yaadeen ture. Haataʼu malee, yeroon achi turuuf murteesse yommuu dhumetti, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu 15an qaba ture! Namoonni kun dhugaa keessatti guddina argisiisuuf caalaatti gargaarsi akka isaan barbaachisu beekamaadha. Kanaaf, akkan deemuuf jedhu isaanitti himuuf ija jabaachuu hin dandeenye. Achuma turuun qaba ture.” Obboleettonni arfanuu akkasuma godhan. Maarree, hojiin Maariyaanaa inni haaraan jireenya kaayyoo qabu isheedhaa argamsiiseeraa? Akkas jetteetti: “Yihowaan, namoonni jijjiirama godhanii jireenya gaarii akka jiraatan gargaaruuf natti fayyadamuunsaa gammachuu naaf argamsiiseera. Amma yeroofi humnakoo wanta faayidaa qabuuf oolchaa akkan jiru beekuu kootti baayʼeen gammada.” Kaarolin miira arfansaaniittuu dhagaʼamu yommuu ibsitu akkas jetteetti: “Fedhii Mootummichaa raawwachuuf guutummaatti waanan of kenneef, galgala yommuun ciisu gammachuu guddaatu natti dhagaʼama. Jireenyikoo kan xiyyeeffate namootan Macaafa Qulqulluu qayyabsiisu gargaaruurrattidha. Guddina isaan argisiisan ilaaluun baayʼee kan nama dinqisiisudha. Yaanni, ‘Gaarummaan Waaqayyoo attam akka taʼe, isin miyeeffadhaa ilaalaa!’ jedhu dhugaa taʼuusaa muuxannoo koorraa argeera.”—Far. 34:8.

Yihowaan, obbolootaafi obboleettota dargaggoota taʼan lakkoofsisaanii yeroodhaa gara yerootti dabalaa deemu, naannoo itti hin hojjetamnetti misiraachoo Mootummaasaa lallabuuf ‘jaalalasaaniitiin of dhiʼeessan’ yommuu argu baayʼee gammada! (Far. 110:3; Fak. 27:11) Tajaajiltoonni fedhiidhaan of dhiheessan akkasii hundi eebba Yihowaa isa dhuma hin qabne argatu.—Fak. 10:22.

[Saanduqa fuula 5⁠rra jiru]

“Homtuu Nutti Hin Hirʼanne”

Jawaawuu Paawuloofi haati manaasaa Noʼemiin, naannoo babalʼistoonni caalaatti itti barbaachisan deemanii tajaajiluuf fedhii akka qaban yommuu ibsan yaanni hamileesaanii laaffisu tokko tokko kennameefii ture. Namoonni gumii keessaa tokko tokko akkas isaaniin jedhan: “Magaalaa xinnoo keessa jiraachuun rakkina dinagdeetiif isin saaxila. Maaliif deemtu? Gumii keenyattuu wanti hojjetamu hedduun jira.” Jawaawuu Paawuloon, “Gorsi gaarummaadhaan kan kenname taʼus abdii nama kutachiisu akkasii hinaaffaa keenya akka nu jalaa hin laaffisne qabsaaʼuu qabna turre” jedheera. Haataʼu malee, Jawaawuu Paawuloofi Noʼemiin waggoota hedduudhaaf naannoo babalʼistoonni caalaatti itti barbaachisanitti erga tajaajilanii booda, jechuunis yeroo ammaa, murtoo tajaajilasaanii balʼisuuf godhanitti cichuusaaniitti baayʼee gammadu. Jawaawuu Paawuloon akkas jedheera: “Haati manaakoofi ani yeroo as dhufnee kaasee homtuu nutti hin hirʼanne. Wantoota caalaatti barbaachisaa taʼan hamma kanaan dura hin qabaanne caalaa arganneerra.” Noʼemiinis, “Carraaqqii kan gaafatu taʼus nama hin gaabbisiisu” jetteetti.

Magaalaa xinnoo keessatti wanta jireenyaaf barbaachisaa taʼe argachuun rakkisaadha. Obboloonni naannoo fagootti tajaajiluuf deeman maallaqa ittiin of gargaaran kan argatan akkamitti? Dandeettii hojii uumanii hojjechuuf qabanitti fayyadamuudhaanidha. Tokko tokko, hojii yeroo muraasaaf hojjetamu, jechuunis Ingiliffa ykn afaan kan biraa barsiisuu, ijoollee wanta mana barumsaatti baratan qoʼachiisuu, wayyaa hodhuu, halluu dibuu ykn waan gara biraa hojjechuu dandaʼu. Haataʼu malee, wanti namoonni naannoo babalʼistoonni caalaatti itti barbaachisan dhaqanii tajaajilan irratti walii galan maalidha? Eebbawwan argaman rakkina nama mudatanirra akka caalan isaanitti dhagaʼama!

[Saanduqa fuula 6⁠rra jiru]

Maatii Ofii Yaaduu

Tiyaagoo: “Gumii haaraa ergan gaʼee booda yeruma sana gaddi natti dhagaʼame. Babalʼistoonni magaalattii keessatti argaman baayʼee muraasa kan taʼan siʼa taʼu, bakki itti bashannananis hin jiru ture. Yeroo kanatti maatiikoo yaaduun jalqabe. Of gammachiisuuf waa gochuu akkan qabun hubadhe. Kanaaf obbolootaafi obboleettota gumichaa caalaatti beekuuf carraaqqii kanan godhe siʼa taʼu, milkaaʼinas argadheera! Michoota haaraa kanan godhadhe siʼa taʼu, utuu baayʼee hin turin maatiikoo wajjin akkan jirutti waan natti dhagaʼameef baayʼeen gammade.”

[Fakkii fuula 3⁠rra jiru]

Noʼemiifi Jawaawuu Paawuloo, Askuuraa, Saantaa Kaataarinaatti

[Fakkii fuula 4⁠rra jiru]

[Fakkii fuula 4⁠rra jiru]

[Fakkii fuula 4⁠rra jiru]

[Fakkii fuula 5⁠rra jiru]

[Fakkii fuula 6⁠rra jiru]

[Fakkii fuula 6⁠rra jiru]

[Fakkii fuula 6⁠rra jiru]