Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yommuu Hiriyaan Gaaʼelaa Amanamaa Utuu hin Taʼin Hafu

Yommuu Hiriyaan Gaaʼelaa Amanamaa Utuu hin Taʼin Hafu

Maariyaa ishiin Ispeen keessa jiraattu akkas jetteetti: “Abbaan manaa koo dubartii umuriin ishii anaa gad taʼe fuudhuuf jedhee na dhiisee akka adeemu yommuu natti himu duʼuu barbaadeen ture. Keessumaa aarsaa ani isaaf kaffale yommuun yaadadhu, gochi isaa kun jalʼina guddaa natti fakkaata.”

Biil inni Ispeen keessa jiraatu akkas jedheera: “Yommuu haati manaa koo tasa na dhiistee deemtu, kutaa qaama koo keessaa tokko akka duʼe natti dhagaʼame. Hawwiin keenya, abdiin keenyaa fi karoorri keenya gatii dhabe. Guyyaa tokko tokko dhiphina irraa bilisa akkan taʼe natti dhagaʼama, garuu ammas deebiʼeen dhiphina keessa gala” jedheera.

NAMNI tokko hiriyaan gaaʼelaa isaa amanamaa utuu hin taʼin yommuu hafu garmalee dhiphachuu dandaʼa. Dhugaa dha, tokko tokko hiriyaa gaaʼelaa isaanii yaada geddarateef dhiifama gochuudhaan hariiroo isaanii deebisanii cimsachuu akka dandaʼan hubataniiru. * Haa taʼu malee, gaaʼelchi diigamuu irraa oolus ooluu baatus, namni hiriyaan gaaʼelaa isaa amanamaa utuu hin taʼin akka hafe bare tokko, yeroo hunda dhiphachuu dandaʼa. Namoonni akkasii dhiphina isaanii dandamachuu kan dandaʼan akkamitti?

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU SI GARGAARUU DANDAʼAN

Hiriyoonni gaaʼelaa hedduun, gaddi guddaan kan isaan irra gaʼe taʼus, Kitaaba Qulqulluu irraa jajjabina argataniiru. Waaqayyo imimmaan isaanii akka arguu fi dhiphina isaanii akka hubatu barataniiru.—Miilkiyaas 2:13-16.

“Yaaddoon yeroo na liqimsetti, Ati na jajjabeessite, na tasgabbeessite.”Faarfannaa 94:19, NW.

Biil inni olitti ibsame, “Caqasa kana yommuun dubbisu, Yihowaan akka abbaa gara laafessa tokkootti jaalalaan dhiphina koo akka naaf tasgabbeesse natti dhagaʼame” jedheera.

“Nama amanamaa taʼeef amanamaa ni taata.”Faarfannaa 18:25, NW.

Kaarmeen ishiin abbaan manaa ishii jiʼoota hedduudhaaf amanamaa utuu hin taʼin hafe, “Abbaan manaa koo amanamaa hin turre. Haa taʼu malee, Yihowaan amanamaa taʼuu isaa hin shakku. Inni gonkumaa na hin dhiisu” jetteetti.

“Waan hundumaa kadhannaa fi wawwaannaadhaan . . . iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa malee, waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa; nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalus . . . yaada keessan ni eega.”Filiphisiyus 4:6, 7.

Saashaan akkas jetteetti: “Caqasa kana yeroo baayʼee irra deddeebiʼee dubbiseera. Cimsee Kadhachaa yommuun adeemu, Waaqayyo jireenya koo keessatti nagaa naaf kenne.”

Namoonni olitti ibsaman hundi darbee darbee abdii kutatanii turan. Haa taʼu malee, Yihowaatti amanamuudhaan Dubbii isaa irraa jabina argataniiru. Biil akkas jedheera: “Wanti kan biraan hundi gatii kan hin qabne yommuu fakkaatutti, amantiin koo jireenyi koo kaayyoo akka qabaatu godheera. Yeroo muraasaaf ‘bowwaa dukkanaaʼaa keessa’ kanan adeeme yoo taʼe iyyuu Waaqayyo anaa wajjin jira ture.”—Faarfannaa 23:4.

^ Dhiifama gochuu ykn dhiisu ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, Dammaqaa! Ebla 22, 1999 mata duree “Yommuu Hiriyaan Gaaʼelaa Amanamaa Utuu hin Taʼin Hafu” jedhu ilaali. (Amaariffa)