Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Amala Akkamii Qaba?

Waaqayyo Amala Akkamii Qaba?

Amala nama tokkoo caalaatti beekaa yommuu deemnu, nama sana sirriitti beekaa deemna, akkasumas michummaan isaa wajjin qabnus guddachaa deemuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, amala Yihowaa yommuu beekaa deemnu, wanta inni jaallatu beekuu fi michummaan isaa wajjin qabnu guddachaa deemuu dandaʼa. Amalawwan Waaqayyoo dinqisiisoo taʼan hunda keessaa warri gurguddaan afur si taʼan isaanis, humna, ogummaa, haqaa fi jaalala dha.

WAAQAYYO HUMNA QABEESSA

“Yaa Waaqayyo gooftaa! Ati humna kee isa guddaadhaa fi irree keetiin waaqaa fi lafa uumteetta.”ERMIYAAS 32:17.

Waaqayyo humna qabeessa taʼuun isaa uumama irratti ni mulʼata. Fakkeenyaaf, waqtii bonaatti guyyaa ala yoo dhaabatte dhagna keetti maaltu dhagaʼama? Hoʼa aduu ti. Dhugaa dubbachuuf, dhagna keetti kan sitti dhagaʼame humna Yihowaan uumuuf qabu dha. Humni aduu hangam guddaa dha? Hoʼi handhuura ishii digirii seentigreedii 15,000,000 taʼa. Aduun, sekoondii tokkotti humna dhukaʼa boombiiwwan niiwukilaraa miliyoona dhibbaan lakkaaʼamanii wajjin wal gitu maddisiisti.

Taʼus, aduun urjiilee hawaa keessa jiranii fi tiriiliyoonaan lakkaaʼamanii wajjin yommuu wal bira qabamtu ishii xiqqoo dha. Saayintistonni akka tilmaamanitti urjiiwwan guguddaa keessa inni Yuu Iskutii jedhamu tokko diyaameetiriin isaa isa kan aduu siʼa 1700 akka caalu dubbataniru. Yuu Iskutiin baayʼee guddaa waan taʼeef handhuura isaa iddoo aduun jirtu yoo keenye balʼinni isaa lafa irra darbe oorbiitii juuppiterii bira gaʼa. Tarii, kun jecha Ermiyaas Yihowaan humna isaa isa guddaatiin samii fi lafa jechuunis hawaa akka uume dubbate caalaatti hubachuuf nu gargaara.

Humna Waaqayyoo irraa akkamitti fayyadamna? Jireenyi keenya wanta Waaqayyo uume kan akka aduu fi wantoota dinqisisoo lafa irra jiran hunda irratti kan hundaaʼe dha. Kana malees, Waaqayyo humna isaa dhuunfaatti namoota gargaaruuf itti fayyadama. Akkamitti? Jaarraa jalqabaatti, Yesuus gochawwan dinqisiisoo taʼan akka raawwatu Waaqayyo humna isaaf kenneera. Kitaabni Qulqulluun, “Warri qaro dhabeeyyiin argaa jiru, warri naafatan deemaa jiru, warri dhukkuba nadaayiitiin qabaman fayyaa jiru, warri gurri isaanii duude dhagaʼaa jiru, warri duʼan duʼaa kaafamaa jiru” jedha. (Maatewos 11:5) Yeroo ammaa hoo? Kitaabni qulqulluun, “Inni warra dadhabaniif humna in kenna,” akkasumas, ‘Warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan humni isaanii in haareffama’ jedha. (Isaayaas 40:29, 31) Waaqayyo ‘humna humna caalu’ nuu kennuudhaan jireenya keessatti rakkinaa fi qorumsa nu mudatu akka moonu nu gargaaruu dandaʼa. (2 Qorontos 4:7) Waaqayyo isa humna isaa isa daangaa hin qabne jaalalaan nu gargaaruuf itti fayyadamutti akka dhihaatte sitti dhagaʼamaa?

WAAQAYYO OGEESSA

“Yaa Waaqayyo, wanti ati hojjette maal maal baayʼee dha! . . . isaan kana hundumaas ati ogummaadhaan hojjette.”FAARFANNAA 104:24.

Wantoota Waaqayyo uume caalaatti yommuu beekaa deemnu ogummaa isaa caalaatti dinqisiifachaa deemna. Saayintistoonni tokko tokko uumama Yihowaa irratti qorannaa gochuu fi diizaayinii uumamaa koppii gochuudhaan diizaayinii ofii isaanii fooyyessuuf yaalii godhu. Diizaayiniin isaanii kunis biloonii xixinoodhaa kaasee diizaayinii xiyyaaraa kan dabalatudha.

Ijji namaa haala dinqisiisaa taʼeen kan uumame dha

Ogummaan Waaqayyoo hunda caalaa karaa dinqisiisaa taʼeen kan mulʼate qaama namaa irratti dha. Fakkeenyaaf, guddina daaʼimni tokko godhu hubadhaa. Adeemsi kun kan jalqabu seelii gabbataa tokko irraa siʼa taʼu seeliin kunis qajeelfamoota jiinii barbaachisan hunda of keessaa qaba. Seeliin kunis seeliiwwan wal fakkaatan hedduutti qoqqoodama. Haa taʼu malee, yeroo sirrii taʼetti seelonni kun seelota adda adda dhibbaan lakkaaʼaman jechuunis seelii dhiigaa, seelii narvii, akkasumas seelii lafeetti qoqqoodamu. Utuma baayʼee hin turinis, sirni kutaa qaamaa guddachuudhaan hojii jalqabu. Jiʼa sagal qofa keessatti, seeliin inni jalqabaa kun guddatee daaʼima seelota biliyoonaan lakkaaʼamaniin ijaarame taʼa. Ogummaan Diizaayinii akkasii irratti mulʼatu namoonni baayʼeen jecha barreessaan Kitaaba Qulqulluu “Isa ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata siif nan galcha” jedhu irratti walii galuuf akka kakaʼan isaan godheera.—Faarfannaa 139:14.

Ogummaa Waaqayyoo irraa akkamitti fayyadamna? Uumaan keenya gammadoo akka taanuuf wanta nu barbaachisu ni beeka. Beekumsaa fi hubannaa baayʼee waan qabuuf Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti gorsa ogummaa irratti hundaaʼe nuuf kenneera. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun, “Tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa” jechuudhaan nu gorsa. (Qolosaayis 3:13) Kun gorsa ogummaa irratti hundaaʼedhaa? Eeyyee. Qorannoon akka argisiisutti dhiifama gochuun hirriba nama tokkoo fooyyessuu fi dhiibbaa dhiigaa xiqqeessuu dandaʼa. Kana malees, carraa dhiphinaa fi dhibeewwan fayyaa kan birootiif saaxilamuu xiqqeessuu dandaʼa. Waaqayyo michuu ogeessa namaaf yaaduu fi gorsa nama fayyadu namaaf kennuu irraa matumaa duubatti hin jenne wajjin wal fakkaata. (2 Ximotewos 3:16, 17) Michuu akkanaa qabaachuu hin barbaadduu?

WAAQAYYO HAQA QABEESSA

“Waaqayyo waan dhugaa [“haqa,” NW] taʼe in jaallata.”FAARFANNAA 37:28.

Waaqayyo yeroo hunda wanta sirrii taʼe hojjeta. Dhugaa dubbachuuf, “Jalʼinni Waaqayyo irraa, dabaa hojjechuunis isa hundumaa dandaʼu irraa haa fagaatu!” (Iyoob 34:10) Akkuma faarfatichi, ‘Ati qajeeltootti namoota bulchita’ jedhee dubbate Yihowaan murtiin isaa qajeelaa dha. (Faarfannaa 67:4) ‘Waaqayyo garaa ilaala’ waan taʼeef, inni fakkeessitootaan gowwoomuu hin dandaʼu, kanaa mannaa yeroo hunda dhugaa isaa beekuu ni dandaʼa akkasumas murtoo sirrii taʼe godha. (1 Saamuʼel 16:7) Hunda caalaa immoo, Waaqayyo haqa jalʼisuu fi malaanmaltummaa lafa irratti raawwatamu hunda ni beeka akkasumas abdii, “Jalʼoonni . . . biyyicha keessaa in balleeffamu” jedhu nuuf kenneera.—Fakkeenya 2:22.

Haa taʼu malee, Waaqayyo abbaa murtii hamaa nama adabuu jaallatu miti. Inni yeroo sirrii taʼutti dhiifama ni godha. Kitaabni Qulqulluun namoonni hamoo taʼan illee garaadhaa yaada yoo geddaratan, “Waaqayyo ooʼa-qabeessaa fi araara-qabeessa,” akka taʼe dubbata. Kun haqa dhugaa mitii ree?—Faarfannaa 103:8; 2 Pheexiros 3:9.

Haqa Waaqayyoo irraa akkamitti fayyadamna? Pheexiros ergamaan, ‘Waaqayyo namoota wal hin caalchisu, kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba’ jechuudhaan dubbateera. (Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Waaqayyo matumaa namoota waan wal hin caalchisneef ykn hin loogneef haqa isaa irraa fayyadamuu ni dandeenya. Gosti, lammiin, sadarkaan barumsaa fi iddoon hawaasa keessatti qabnu maal iyyuu yoo taʼe isa biratti fudhatama argachuu fi isa waaqeffachuu ni dandeenya.

Waaqayyo nama waan wal hin caalchisneef sanyiin keenya ykn iddoon hawaasa keessatti qabnu maal iyyuu yoo taʼe kana irraa fayyadamuu ni dandeenya

Waaqayyo haqa isaa akka hubannuu fi akka irraa fayyadamnu waan barbaaduuf qalbii nuu kenneera. Kitaabni Qulqulluu qalbiin seera garaa ‘keenya keessatti barreeffamee’ fi amalli keenya sirrii ykn dogoggora taʼuu isaa ilaalchisee ‘ragaa nuuf baʼu’ akka taʼe ibsa. (Roomaa 2:15) Kun akkamitti nu fayyada? Qalbiin keenya sirriitti yoo leenjifame, wanta dogoggora ykn hamaa taʼe irraa akka fagaannu nu kakaasuu dandaʼa. Akkasumas, dogoggora yoo raawwanne yaada geeddarachuu fi sirreeffama gochuuf nu kakaasuu dandaʼa. Dhuguma iyyuu, Waaqayyo haqa qabeessa taʼuu isaa hubachuun keenya nu gargaara akkasumas gara isaatti akka dhihaannu nu godha!

WAAQAYYO JAALALA

“Waaqayyo jaalala dha.”1 YOHAANNIS 4:8.

Waaqayyo humna, ogummaa akkasumas haqa kan argisiise taʼus, Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo humna dha, ogummaa dha akkasumas haqa dha jedhee hin ibsu. Kanaa mannaa inni jaalala jedha. Maaliif? Sababiin isaas, humni Waaqayyoo waan tokko raawwachuuf isa dandeessisa, haqnii fi ogummaan isaa immoo karaa inni gocha sana itti raawwatu isaaf qajeelcha jechuun ni dandaʼama. Jaalalli Yihowaa garuu waa raawwachuuf isa kakaasa. Jaalalli wanta inni raawwatu hundumaa irratti dhiibbaa godha.

Yihowaan wanti isatti hirʼate tokko illee kan hin jirre taʼus, qaamota yaaduu dandaʼan samii fi lafa irratti kan uume jaalalaan kakaʼee siʼa taʼu, isaanis jaalalaa fi kunuunsa inni godhu irraa ni fayyadamu. Inni namoota uumama isaa taʼaniif lafti iddoo jireenyaa mijooftuu akka taatuuf jaalala ofittummaa irraa walaba taʼeen kakaʼee isaaniif qopheesseera. Akkasumas “Inni aduu isaa namoota hamoo fi namoota gaarii irratti ni baasa; bokkaas qajeelotaa fi jalʼoota irratti ni roobsa” waan jedhameef namoota hundatti jaalala argisiisuu isaa itti fufeera.—Maatewos 5:45.

Kana malees, “Yihowaan jaalala guddaa kan qabuu fi gara laafessa dha.” (Yaaqoob 5:11) Inni warra garaadhaa isa beekuu fi gara isaatti dhihaachuuf tarkaanfii fudhatanitti jaalala ni argisiisa. Waaqayyo namoota akkasiitiif dhuunfaatti xiyyeeffannaa ni kenna. Dhuguma iyyuu, ‘inni siif ni yaada.’—1 Pheexiros 5:7.

Jaalala Waaqayyoo irraa akkamitti fayyadamna? Miidhaginni lixa biiftuu baayʼee nu gammachiisa. Kolfa daaʼima tokkoo yommuu dhageenyu baayʼee gammadna. Jaalala miseensi maatii keenyaa dhihoo taʼe tokko nuti argisiisuuf iddoo guddaa kennina. Wantoonni kun baayʼee barbaachisaa taʼuu baatanis, jireenya keenyatti guddaa akka gammadnu nu godhu.

Karaa Waaqayyo jaalala itti argisiise kan biraa irraas faayidaa ni arganna. Innis kadhannaa dha. Kitaabni Qulqulluun, “Waan hundumaa kadhannaa fi wawwaannaadhaan galataa wajjin iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa malee, waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa” jechuudhaan nu gorsa. Akkuma abbaa jaalala qabeessa taʼe tokkoo, wanta baayʼee nu yaaddessu irratti gargaarsa isaa akka gaafannu barbaada. Akkasumas, jaalala isaa isa ofittummaa irraa walaba taʼeen kakaʼee, ‘nagaa Waaqayyoo isa hubannaa hundumaa irra caalu’ akka nuu kennu abdii kenneera.—Filiphisiyus 4:6, 7.

Ibsi gabaabaan amalawwan Waaqayyoo warra gurguddaa jechuunis humna, ogummaa, haqaa fi jaalala isaa ilaalchisee argatte kun Waaqayyo amala akkamii akka qabu caalaatti hubachuuf si gargaareeraa? Dinqisiifannaa Waaqayyoof qabdu caalaatti guddifachuuf wanta inni faayidaa keetiif jecha kanaan dura raawwatee fi gara fuulduraatti raawwatu akka barattu si afeerra.

WAAQAYYO AMALA AKKAMII QABA? Yihowaan eenyu iyyuu caalaa humna guddaa kan qabu, ogeessaa fi haqa qabeessa dha. Taʼus amalli isaa inni hunda caalaa jaallatamaan jaalala isaa ti