Miikiyaas 5:1-15

  • Bulchaan guutummaa lafaa irratti guddaa taʼu (1-6)

    • Bulchaan sun Beetaliheem keessaa baʼa (2)

  • Warri hafan akka fixeensaa fi akka leencaa taʼu (7-9)

  • Biyyattiin ni qulqulleeffamti (10-15)

5  “Yaa intala haleellaan si irra gaʼaa jiru nana,Amma ati of mummurta;Diinni nutti marseera.+ Isaan maddii* abbaa murtii Israaʼel uleedhaan ni rukutu.+   Yaa Beetaliheem Efraataa+Ishii kumaatama* Yihudaa gidduutti baayʼee xinnoo taate nana,Inni Israaʼel irratti bulchaa taʼu,Inni maddi isaa kan bara durii taʼee fi bara dheeraa dura ture si keessaa anaaf ni baʼa.+   Kanaafuu, ishiin daʼuuf jettu yeroon itti deessu hamma gaʼutti,Waaqayyo isaan ni dhiisa. Obboloonni isaa warri hafanis gara saba Israaʼelitti ni deebiʼu.   Inni jabina Yihowaatiin,Guddina maqaa Yihowaa Waaqa isaatiin ni dhaabbata, ni tiksas.+ Guddinni isaa andaara lafaa bira waan gaʼuuf,+Isaan tasgabbiidhaan ni jiraatu.+   Inni nagaa ni fida.+ Asoorichi biyya keenya weeraree masaraawwan keenya warra ciccimoo irra yoo dhidhiite,+Nuti tiksitoota torba, eeyyee, bulchitoota* saddeet ilmaan namootaa keessaa isa irratti ni kaasna.   Isaan biyya Asoor goraadeedhaan ni tiksu,+ Karra biyya Naamrudis+ ni toʼatu. Yommuu Asoorichi dhufee biyya keenya weeraruu fi naannoo keenya dhidhiitutti,Inni isa irraa nu oolcha.+   Warri Yaaqoob keessaa lubbuudhaan oolan,Saboota hedduu gidduutti akkuma fixeensa Yihowaa biraa dhufuu,Akkuma rooba biqiltuu irratti roobuIsa nama hin abdanneYookiin ilmaan namootaa hin eeggannee ni taʼu.   Warri Yaaqoob keessaa lubbuudhaan oolan,Saboota keessatti, namoota hedduu gidduutti, Akkuma leenca bineensota bosonaa gidduu jiruu,Akkuma leenca saafela tuuta hoolotaa gidduu jiruIsa isaan gidduu darbee isaan butuudhaan isaan cicciruu ni taʼu;Kan isaan oolchus hin jiru.   Harki kee hamajaajota kee irratti ni kaʼa,Diinonni kee hundi ni balleeffamu.” 10  Yihowaan akkana jedha;“Guyyaa sanatti ani fardeen kee si gidduudhaa nan balleessa, gaariiwwan fardaa kees nan barbadeessa. 11  Magaalota biyya keetii nan balleessa,Iddoowwan dallaa dhagaa qaban hundumaas nan diiga. 12  Ani falfala ati raawwattu* nan balleessa,Namni falfala raawwatus si gidduu hin jiraatu.+ 13  Fakkiiwwan kee warra bocamanii fi siidaawwan kee si gidduudhaa nan balleessa,Atis kana booda hojii harka keetiitiif hin sagaddu.+ 14  Utubaawwan waaqeffannaa* kee si gidduudhaa nan buqqisa,+Magaalota kees haxaaʼee nan balleessa. 15  Ani saboota hin ajajamne irratti,Aarii fi dheekkamsaan haaloo nan baʼa.”

Miiljaleewwan

Ykn., “boqoo.”
Ykn., “qomoowwan.”
Ykn., “geggeessitoota.”
Kal., “harka kee irraa.”