Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GARGAARSA NAMOOTA GADDI IRRA GAʼEEF TAʼU

Gargaarsa Hunda Irra Caaluu fi Namoota Gaddi Irra Gaʼeef Taʼu

Gargaarsa Hunda Irra Caaluu fi Namoota Gaddi Irra Gaʼeef Taʼu

WAGGOOTA DHIHOODHAA ASITTI GADDA NAMA JAALLATAN DUʼAAN DHABUUN GEESSISU ILAALCHISEE QORANNOO BALʼAAN GEGGEEFFAMAA TUREERA. Akkuma olitti ilaalle gorsi gaariin ogeeyyiin kennan yeroo baayʼee gorsa Kitaabni Qulqulluun kennuu wajjin wal sima. Kunis qajeelfamni Kitaabni Qulqulluun kennu yeroon kan itti hin darbine taʼuu isaa mirkaneessa. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun gorsa itti amanamuu dandeenyu qofa utuu hin taʼin, yaadawwan namoota gaddi irra gaʼeef jajjabina guddaa kennanii fi bakka kan biraa kamitti iyyuu hin argamne qabateera.

  • Ragaa namoonni jaallannuu fi duʼaan dhabne dhiphachaa akka hin jirre mirkaneessu

    Kitaabni Qulqulluun Lallaba 9:5 irratti, “Warri duʼan . . . homaa hin beekan” jedha. ‘Guyyuma duʼanitti yaanni isaanii ni bada.’ (Faarfannaa 146:4) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun duʼa hirriba nagaa qabuu wajjin wal fakkeessa.—Yohaannis 11:11.

  • Waaqa jaalala qabeessa taʼetti amanuun jajjabina argamsiisa

    Kitaabni Qulqulluun Faarfannaa 34:15 irratti, “Ijji Yihowaa * qajeelota irra jira, gurri isaas iyya isaan gargaarsa argachuuf dhiheessan ni dhagaʼa” jedha. Wanta nutti dhagaʼamu kadhannaadhaan Waaqayyotti himachuun dhiphina keenya hirʼisuu ykn yaada keenya tasgabbeessuu caalaa faayidaa qaba. Kadhannaan Uumaa keenya isa humna isaatti fayyadamee nu jajjabeessuu dandaʼuu wajjin hariiroo cimaa uumuuf nu gargaara.

  • Abdii yeroo gaariin akka dhufu ibsu

    Yeroo namoonni awwaala keessa jiran duʼaa kaʼanii lafa irra itti jiraatan yaadaan ilaali. Kitaabni Qulqulluun yeroon akkasii akka dhufu irra deddeebiʼee dubbata. Kitaabni Qulqulluun haala yeroo sanatti lafa irra jiraatu yommuu ibsu, “[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija [keenya] irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu” jedha.—Mulʼata 21:3, 4.

Namoonni Yihowaatti amanan hedduun, abdii namoota jaallatanii fi duʼaan dhaban deebiʼanii akka argan dubbatu amanuu isaaniitiin gadda isaanii irraa jajjabaachuu dandaʼaniiru. Fakkeenyaaf, Aan ishiin abbaa manaa ishii isa waggaa 65f wajjin jiraatte duʼaan dhabde akkana jetteetti: “Kitaabni Qulqulluun namoonni jaallannu duʼanis dhiphachaa akka hin jirree fi Waaqayyo namoota awwaala yaadannoo keessa jiran hunda duʼaa akka kaasu naaf mirkaneesseera. Gadda na irra gaʼe yeroon yaadu hundumaatti yaadawwan kun gara sammuu kootti waan dhufaniif, rakkina hunda irra hammaatu kana dandamachuu dandaʼeera.”

Tiinaan ishiin mata duree darbe keessatti caqasamte akkana jetteetti: “Guyyaa Tiimoon duʼee kaasee Waaqayyo na deggeraa ture. Yeroon gadda irra turetti Yihowaan gargaarsa guddaa akka naaf godhe natti dhagaʼama. Abdiin duʼaa kaʼuu Kitaabni Qulqulluun dubbatu caalaatti naaf dhugoomeera. Hamma Tiimoon duʼaa kaʼee isa argutti jabaadhee akkan itti fufu jabina naaf kenna.”

Namoonni miliyoona hedduutti lakkaaʼamanii fi Kitaabni Qulqulluun sirrii taʼuu isaa mirkaneeffatanis miira akkasii qabu. Wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu kan shakkitu ykn hawwii qofa akka taʼetti kan yaaddu yoo taʼe illee, ragaa gorsawwanii fi abdiiwwan Kitaabni Qulqulluun kennu sirrii taʼuu isaanii mirkaneessu ofuma keetiin qoruun kee si fayyada. Akkas yoo goote, Kitaabni Qulqulluun namoota gaddi irra gaʼeef jajjabina hunda irra caalu kan kennu taʼuu isaa hubachuun kee hin oolu.

ABDII NAMOONNI DUʼAN QABAN ILAALCHISEE CAALAATTI BARACHUUF

Viidiyoowwan dhimma kanaa wajjin wal qabatan weebsaayitii keenya jw.org/om irraa ilaali

Kitaabni Qulqulluun yeroon namoota jaallannuu fi duʼaan dhabne duʼaa kaʼanii itti simannu akka dhufu abdii kenna

NAMOONNI DUʼAN HAALA AKKAMII KEESSA JIRU?

Yommuu duunu maal taana? Deebiin Kitaabni Qulqulluun gaaffii kanaaf kennu kan nama jajjabeessu dha

Mata duree LAAYIBRARII >VIIDIYOOWWAN jedhu jalaa ilaali (Kutaa viidiyoo KITAABA QULQULLUU)

MISIRAACHOO DHAGAʼUU NI BARBAADDAA?

Yeroo addunyaan oduu gaddisiisaadhaan guutame kanatti, misiraachoo eessaa argachuu dandeessa?

Mata duree BARUMSAWWAN KITAABA QULQULLUU > NAGAA FI GAMMACHUU jedhu jalaa ilaali

^ key. 7 Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe ibsameera.