Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatuu Yihowaa Taʼuu Kanan Danda’u Akkamitti?

Dhugaa Baatuu Yihowaa Taʼuu Kanan Danda’u Akkamitti?

 Yesuus tarkaanfii Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuuf barbaachisu kan ibse siʼa taʼu, yaanni kunis Maatewos 28:19, 20 irratti argama. Yaanni caqasa kana irra jiru, namni tokko barataa Kiristoos taʼuuf maal gochuu akka qabuu fi barataa Kiristoos taʼuun dubbachuu ykn waaʼee Yihowaa dhugaa baʼuu akka dabalatu ibsa.

 Tarkaanfii 1ffaa: Wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu baradhu. Yesuus duuka buutonni isaa, ‘barattoota akka godhanii fi akka barsiisan’ ajajeera. (Maatewos 28:19, 20) Kitaabni Qulqulluun, keessumaa immoo barumsawwan Yesuus Kiristoos achi keessatti argaman, odeeffannoo jireenya gammachiisaa fi milkaaʼina qabu argachuuf si barbaachisu qabateera. (2 Ximotewos 3:16, 17) Sagantaa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kaffaltii malee geggeessinuun, wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu akka barattuuf gammachuudhaan si gargaarra.—Maatewos 10:7, 8; 1 Tasalonqee 2:13.

 Tarkaanfii 2ffaa: Wanta baratte hojii irra oolchi. Yesuus namoonni baratan ‘wanta inni ajaje hunda eeguu’ akka qabanis dubbateera. (Maatewos 28:20) Kana jechuun qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu kee beekumsa sammuu qofa taʼuu mannaa, yaada kee fi amala kee irratti jijjiirama guddaa akka gootu si kakaasuu qaba jechuu dha. (Hojii Ergamootaa 10:42; Efesoon 4:22-29; Ibroota 10:24, 25) Namoonni ajaja Yesuus eegan immoo, jireenya isaanii Yihowaadhaaf murteessuudhaan Yesuusiin hordofuuf murtoo dhuunfaa gochuuf kakaʼu.—Maatewos 16:24.

 Tarkaanfii 3ffaa: Cuuphamuu. (Maatewos 28:19) Kitaaba Qulqulluu keessatti, cuuphamuun awwaalamuu wajjin wal bira qabamee ibsameera. (Roomaa 6:2-4 waliin ilaali.) Jireenya isa darbeef duʼanii, jireenya haaraa jalqabuu argisiisuuf itti hojjetameera. Kanaaf, yommuu cuuphamtu tarkaanfii Yesuus ibse lamaan jalqabaa akka fudhattee fi Waaqayyo qalbii qulqulluu akka siif kennu gaafachaa akka jirtu namoota duratti argisiisaa jirta jechuu dha.—Ibroota 9:14; 1 Pheexiros 3:21.

Cuuphamuudhaaf qophaaʼaa taʼuu koo akkamittan beekuu danda’a?

 Jaarsolii gumiitti himi. Isaanis cuuphamuuf maaltu akka si irraa eegamu hubachuu kee, wanta baratte hojii irraa oolchaa kan jirtuu fi fedhii keetiin Waaqayyoof of murteessuu kee mirkaneessuuf si mariisisu.—Hojii Ergamootaa 20:28; 1 Pheexiros 5:1-3.

Tarkaanfiiwwan kun ijoollee warri isaanii Dhugaa Baatota taʼaniif ni hojjetuu?

 Eeyyee. Ijoollee keenya akkuma Kitaabni Qulqulluun ajaju “leenjii fi gorsa Yihowaatiin” guddisna. (Efesoon 6:4) Haa taʼu malee, yommuu guddachaa adeeman, cuuphaadhaaf gaʼumsa qabaachuuf wanta Kitaaba Qulqulluun barsiisu barachuu, fudhachuu fi hojii irra oolchuuf murtoo mataa isaanii gochuu qabu. (Roomaa 12:2) Dhuma irrattis, namni hundi waaqeffannaa ilaalchisee murtoo dhunfaa gochuu qaba.—Roomaa 14:12; Galaatiyaa 6:5.