Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Jijjiirameeraa Yookiin Faalameeraa?

Kitaabni Qulqulluun Jijjiirameeraa Yookiin Faalameeraa?

 Lakki. Waggoota kumaan lakkaaʼamaniif wantoota salphaatti mancaʼuu dandaʼan irratti gagaragalfamaa kan ture taʼus, warra bara duriitti harkaan barreeffamanii wajjin wal bira qabamee yommuu ilaalamu akka hin jijjiiramne argisiisa.

Kana jechuun garuu yeroo gagargalchamaa turetti matumaa dogoggorri hin uumamne jechuu dhaa?

 Hanga ammaatti Kitaabonni Qulqulluun bara durii kumaan lakkaaʼamanii fi harkaan barreeffaman argamaniiru. Isaan keessaa tokko tokko garaa garummaan muraasa qabaachuun isaanii, yeroo garagalchamaa turetti dogoggorri akka uumame argisiisa. Garaa garummaan kunneen garuu harki caalaan isaanii xixinnoo fi ergaa isaa irratti jijjiirama kan fidan miti. Haa taʼu malee, garaa garummaawwan ergaa isaa irratti jijjiirama guddaa fidan tokko tokko argamaniiru; isaan keessaa tokko tokko yeroo dheeraa dura taʼe jedhanii ergaa Kitaaba Qulqulluu jijjiiruuf yaadamanii kan taasifaman fakkaatu. Mee fakkeenya armaan gadii lama ilaali:

  1.   Hiikkawwan Kitaaba Qulqulluu turan tokko tokko 1 Yohaannis 5:7 irratti yaada, “samii irratti kan dhugaa baʼan Abbaa, Dubbichaa fi Hafuura Qulqulluu dha; isaan kun sadanis tokko dha” jedhu itti dabalaniiru. Haa taʼu malee, barreeffamoonni bara durii harkaan barreeffamanii fi amanamuu dandaʼan yaanni kun barreeffama isa jalqabaa irratti akka hin argamne mirkaneessaniiru. Yaadawwan kunneen yeroo booda kan itti dabalamani dha. a Kanaaf, hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu ammayyaa amanamuu dandaʼan yaada kana keessaa baasaniiru.

  2.   Barreeffamoota bara durii harkaan barreeffaman irratti maqaan Waaqayyoo inni dhuunfaan bakkawwan kumaan lakkaaʼaman irratti argama ture. Taʼus, hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduun maqaa kana maqaawwan ulfinaa “Gooftaa” ykn “Waaqayyo” jedhaniin bakka buusaniiru.

Gara fuulduraatti hoo dogoggorawwan dabalataa akka hin argamne akkamitti mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

 Yeroo ammaatti, barreeffamoonni Kitaaba Qulqulluu harkaan barreeffaman hedduun waan argamaniif, dogoggorawwan utuu jiraataniiru taʼee argachuun yeroo kam iyyuu caalaa salphaa dha. b Kitaabni Qulqulluu yeroo ammaatti jiru sirrii taʼuu isaa ilaalchisee barreeffamoota kana wal bira qabudhaan buʼaan argame maal mirkaneesseera?

  •   Hayyuun Wiiliyaam Henrii jedhaman Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa (barsiifataan “Kakuu Moofaa” jedhamuun beekamu) ilaalchisee yaada yommuu kennan, “Barreeffamni bara durii qulqullinaan daddarbaa dhufe kan biraan hin jiru jedhanii mirkanaaʼaa taʼanii dubbachuun ni dandaʼama” jedhaniiru.

  •   Hayyuun Kitaaba Qulqulluu Fireediriik Biruus jedhaman Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii ykn isa barsiifataan “Kakuu Haaraa” jedhamu ilaalchisee yaada yommuu kennan akkana jedhanii barreessaniiru: “Ragaan Kakuu Haaraan sirrii akka taʼe argisiisu, ragaa barreessitoonni kitaabota bara durii kaan qopheessan kitaabni isaanii sirrii taʼu isaa ibsan irra hedduu dha; taʼus barreeffamoonni kunneen sirrii taʼuu isaanii ilaalchisee namni gaaffii kaasuuf ija jabaatu hin jiru.”

  •   Hayyuu beekamaan barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu bara durii harkaan barreeffaman irratti qorannaa godhanii fi Sar Fireediriik Keeniyan jedhaman akka dubbatanitti namni kam iyyuu “Kitaaba Qulqulluu guutuu harka isaatti qabatee kitaabichi Dubbii Waaqayyoo akka qabatee fi jaarraawwaniif dhalootaa gara dhalootaatti yommuu darbu ergaa isaa irratti jijjiiramni guddaa ifatti mulʼatu akka irratti hin godhamne afaan isaa guutee ija jabinaan dubbachuu ni dandaʼa.”

Sababiiwwan Kitaabni Qulqulluun dhalootaa gara dhalootaatti yommuu darbu ergaan isaa akka hin jijjiiramne mirkanaaʼoo akka taanu nu taasisan kan biroon jiruu?

  •   Yihudoonni taʼan Kiristiyaanonni Kitaaba Qulqulluu garagalchaa turan seenaawwan dogoggora guguddaa sabni Waaqayyoo raawwatan ibsan akkuma jirutti kaaʼaniiru. c (Lakkoofsa 20:12; 2 Saamuʼel 11:2-4; Galaatiyaa 2:11-14) Akkasumas, Yihudoonni kan hin ajajamne akka turanii fi seenaawwan aadaa namootaa balaaleffatan irrattis jijjiirama hin goone. (Hoseʼaa 4:2; Miilkiyaas 2:8, 9; Maatewos 23:8, 9; 1 Yohaannis 5:21) Namoonni kun seenaawwan kunneen sirriitti garagalchuudhaan, amanamoo taʼuu isaanii fi Dubbii Waaqayyoo isa qulqulluutiif bakka guddaa akka kennan argisiisaniiru.

  •   Waaqayyo Kitaabni Qulqulluun hafuura isaatiin akka barreeffamu erga godhee ergaan isaan eegamee akka turu ni godha jedhanii yaaduun sirrii mitii? d (Isaayaas 40:8; 1 Pheexiros 1:24, 25) Waaqayyo namoota bara duriitti jiraatan qofa utuu hin taʼin, nuti warri yeroo ammaatti argamnus kitaaba kana irraa akka fayyadamnu barbaada. (1 Qorontos 10:11) Dhugaa dha,“jabaannee dhaabbachuu keenyaan, akkasumas jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessaa argamuun abdii qabaachuu akka dandeenyuuf, wantoonni dursanii barreeffaman hundi barumsa akka irraa argannuuf barreeffaman.”—Roomaa 15:4.

  •   Yesuusis taʼe duuka buutonni barreeffamoonni bara durii sun isaa sirrii taʼuu isaanii ilaalchisee shakkii tokko illee utuu hin qabaatin, Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa irraa caqasanii dubbachaa turaniiru.—Luqaas 4:16-21; Hojii Ergamootaa 17:1-3.

a Yaanni kun Koodeksii Siinaayitikas, Koodeksii Aleksaandiriis, Vaatikaan Maanuskiripti 1209, Laatiin Vuulget isa jalqabaa irratti, Fiilosiniyan Haarkliyan Siiriyaak Varshin ykn Siiriyaak Pashiittaa irratti hin argamu.

b Fakkeenyaaf, barreeffamoonni bara durii Giriikii harkaan barreeffamanii fi barsiifataan Kakuu Haaraa ykn Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii jedhamuun beekaman 5,000 ol taʼan argamaniiru.

c Kitaabni Qulqulluun namoonni Waaqayyo itti fayyadamu matumaa kan hin dogoggorre akka taʼan hin dubbatu. Kanaa mannaa, ‘Namni hin yakkine tokko illee hin jiru’ jechuudhaan ifatti dubbata.—1 Mootota 8:46.

d Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo namoota Kitaaba Qulqulluu barreessanitti jechaa jechatti wanta barreessan isaanitti himuu baatus, ergaa inni barbaadu akka dabarsan gochuu isaa ibsa.—2 Ximotewos 3:16, 17; 2 Pheexiros 1:21.