Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Soomii Ilaalchisee Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Soomii Ilaalchisee Maal Jedha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Bara duriitti soomiin kakaʼumsa sirriidhaan yoo godhame Waaqayyo biratti fudhatama argata ture. Kaayyoo sirrii hin taaneef yoo godhame garuu Waaqayyo biratti fudhatama hin argatu. Taʼus Kitaabni Qulqulluun yeroo harʼaa soomii hin ajaju, akkasumas hin dhoorku.

Bara duriitti namoonni tokko tokko kan sooman haala akkamii keessatti ture?

  •   Gargaarsaa fi qajeelfama Waaqayyoo yommuu barbaadan. Namoonni gara Yerusaalem deemaa turan gargaarsa Waaqayyoo kan gaafatan garaadhaa taʼuu isaa argisiisuuf soomaniiru. (Izraa 8:21-23) Phaawulosii fi Barnaabaasis yeroo tokko tokko yommuu jaarsolii gumii muudanitti soomuuf filataniiru.—Hojii Ergamootaa 14:23.

  •   Kaayyoo Waaqayyoo irratti yommuu xiyyeeffatan. Yesuus erga cuuphamee booda tajaajila isaa gara fuulduraatti raawwatu irratti fedha Waaqayyoo raawwachuuf of qopheessuuf jedhee guyyaa 40 soomeera.—Luqaas 4:1, 2.

  •   Cubbuu kana dura raawwatan irraa yaada akka geeddaratan yommuu argisiisan. Waaqayyo karaa Yoʼel raajichaatiin Israaʼeloota amanamoo hin taaneen akkana jedhee ture: “Garaa keessan guutuudhaan, soomuudhaan, gadduudhaanis gara kootti deebiʼaa.”—Yoʼel 2:12-15.

  •   Guyyaa Araaraa yommuu kabajan. Seerri Waaqayyo saba Israaʼeliif kenne ajaja Guyyaa Araaraa waggaatti kabajamuuf akka sooman ibsu qabateera. a (Lewwoota 16:29-31) Israaʼeloonni cubbamoota akka taʼanii fi araarri Waaqayyoo akka isaan barbaachisu waan isaan yaadachiisuuf yeroo kanatti soomuun isaanii sirrii ture.

Kaayyoon dogoggoraa namoonni soomuuf itti kakaʼan tokko tokko maal faʼi?

  •   Xiyyeeffannaa namootaa ofitti harkisuuf. Yesuus soomiin amantii, dhimma dhuunfaa nama tokkoo fi Waaqayyo gidduu jiru taʼuu akka qabu barsiiseera.—Maatewos 6:16-18.

  •   Qajeelaa fakkaatanii mulʼachuuf. Soomiin namni tokko karaa naamusaa fi karaa hafuuraa warra kaan irra akka caalu isa hin taasisu.—Luqaas 18:9-14.

  •   Cubbuu taʼe jedhanii hojjetan kaffaluuf. (Isaayaas 58:3, 4) Waaqayyo soomii keenya kan fudhatu yoo isaaf ajajamnee fi cubbuu raawwanne kam irraa iyyuu garaadhaa yaada yoo geeddaranne qofa dha.

  •   Sirna amantii tokko raawwachuuf. (Isaayaas 58:5-7) Warri tokko ijoolleen isaanii garaadhaa utuu hin taʼin dirqamaan jaalala yommuu isaaniif ibsan akkuma hin gammanne, Waaqayyos gocha akkanaatti hin gammadu.

Kiristiyaanonni soomuu qabuu?

 Lakki. Waaqayyo Israaʼeloonni Guyyaa Araaraatti akka sooman isaan irraa eega ture; haa taʼu malee, Yesuus yeroo dhumaatiif namoonni cubbuu isaanii irraa yaada geeddaratan dhiifama akka argatan erga godhee booda Waaqayyo guyyaa kana kabajuun akka hafu godheera. (Ibroota 9:24-26; 1 Pheexiros 3:18) Kiristiyaanonni Seera Musee isa Guyyaa Araaraa kabajuu dabalatu jala hin jiran. (Roomaa 10:4; Qolosaayis 2:13, 14) Kanaafuu Kiristiyaanonni hundi soomuuf ykn dhiisuuf murteessuu dandaʼu.—Roomaa 14:1-4.

 Kiristiyaanonni soomiin kutaa waaqeffannaa isaanii isa guddaa akka hin taane ni hubatu. Kitaabni Qulqulluun soomii gammachuu wajjin gonkumaa wal hin qabsiisu. Faallaa kanaatiin waaqeffannaan Kiristiyaanota dhugaa gammachuudhaan beekama, kunis amala Yihowaa isa “Waaqa gammadaa” taʼee kan calaqqisiisu dha.—1 Ximotewos 1:11; Lallaba 3:12, 13; Galaatiyaa 5:22.

Soomii ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatuu fi Ilaalcha dogoggoraa jiru

 Ilaalcha dogoggoraa: Phaawulos ergamaan hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan akka sooman gorseera.—1 Qorontos 7:5.

 Dhugaa jiru: Kitaabonni Qulqulluun bara duriitti harkaan barreeffaman 1 Qorontos 7:5 irratti waaʼee soomii hin caqasan. b Namoonni Kitaaba Qulqulluu garagalchan yaada waaʼee soomii dubbatu kana caqasa kana irratti qofa utuu hin taʼin Maatewos 17:21; Maarqos 9:29 fi Hojii Ergamootaa 10:30 irratti akka dabalan ifa dha. Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu ammayyaa hedduun yaada dogoggoraa waaʼee soomii dubbatu kana keessaa baasaniiru.

 Ilaalcha dogoggoraa: Kiristiyaanonni soomii Yesuus erga cuuphamee booda guyyoota 40f lafa onaatti soome yaadachuuf soomuu qabu.

 Dhugaa jiru: Yesuus soomii akkanaa matumaa hin ajajne, akkasumas ragaan Kitaaba Qulqulluu Kiristiyaanonni durii soomii kana yaadachuuf soomanii akka turan argisiisu hin jiru. c

 Ilaalcha dogoggoraa: Kiristiyaanonni duʼa Yesuus yommuu kabajan soomuu qabu.

 Dhugaa jiru: Yesuus barattoonni isaa duʼa isaa yommuu yaadatan akka sooman isaan hin ajajne. (Luqaas 22:14-18) Yesuus barattoonni isaa yommuu inni duʼu akka sooman yeroo dubbatetti wanta taʼuuf jedhu dubbachuu isaati malee ajaja kennaa hin turre. (Maatewos 9:15) Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni Ayyaana Yaadannoo Duʼa Yesuus kabajuu isaanii dura yoo beelaʼan mana isaaniitti nyaachuu akka qaban gorsa.—1 Qorontos 11:33, 34.

a Waaqayyo Israaʼelootaan Guyyaa Araaraatti: “Of cunqursaa,” ykn “lubbuu keessan cunqursaa,” jedheera. (Lewwoota 16:29, 31, NW) Yaadni kun soomii argisiisa. (Isaayaas 58:3) Kanaaf, Hiikaan Kitaaba Qulqulluu Contemporary English Version jedhamu akkana jedhee hiikeera: “Cubbuu keessanitti akka gaabbitan argisiisuuf utuu nyaata hin nyaatin deemuu qabdu.”

b Kitaaba A Textual Commentary on the Greek New Testament jedhamuu fi Biruus Maaniingi Maatisgariin qophaaʼe Maxxansa Sadaffaa, fuula 554 ilaali.

c Seenaa soomii guyyaa 40 ilaalchisee Kitaabni New Catholic Encyclopedia jedhamu akkana jedheera: “Jaarraawwan jalqabaa sadanitti soomiin ayyaana Duʼaa Kaʼuutiif qophaaʼuuf soomamu yoo baayʼate torban tokko hin caalu; yeroo baayʼee guyyaa tokko ykn lama qofa ture. . . . Soomiin guyyaa 40 yeroo jalqabaatiif kan caqasame dambii shanaffaa Walgaʼii Niiqiyaa (325) irratti siʼa taʼu, hayyoonni tokko tokko garuu achi irratti kan caqasame soomii kana taʼuu isaa irratti walii hin galan.”—Maxxansa Lammaffaa, Jildii 8, fuula 468.