Dhimma ijoo ta'etti seeni

Jireenya Kootti Gammachuu hin Qabu—Gama Kanaan Amantiin, Waaqayyo ykn Kitaaba Qulqulluu Na Gargaaruu Dandaʼaa?

Jireenya Kootti Gammachuu hin Qabu—Gama Kanaan Amantiin, Waaqayyo ykn Kitaaba Qulqulluu Na Gargaaruu Dandaʼaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Eeyyee. Kitaabni Qulqulluun, kitaaba ogummaa bara durii gaaffiiwwan guguddaa jireenya keessatti kaʼaniif deebii kennu, jireenya keetti akka gammadduu fi jireenya tasgabbii qabu akka jiraattu si gargaaruu dandaʼa. Gaaffiiwwan Kitaabni Qulqulluun deebii kennuuf keessaa muraasa isaanii haa ilaallu.

  1.   Uumaan jiraa? Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo ‘wantoota hundumaa akka uume’ dubbata. (Mulʼata 4:11) Waaqayyo Uumaa keenya waan taʼeef, jireenya gammachuu fi milkaaʼina qabu jiraachuuf maal gochuu akka nu barbaachisu beeka.

  2.   Waaqayyo waaʼee koo ni yaadaa? Waaqayyo ilmaan namootaa irraa kan fagaate miti; Kitaabni Qulqulluun “Inni tokkoon tokkoon keenya irraa fagoo miti” jedha. (Hojii Ergamootaa 17:27) Wantoota jireenya kee keessatti si mudatan xiyyeeffannaadhaan hordofa, milkaaʼina akka argattu si gargaaruus ni barbaada.—Isaayaas 48:17, 18; 1 Pheexiros 5:7.

  3.   Waaqayyoon beekuun na gargaaru kan dandaʼu akkamitti? Waaqayyo fedhii hafuuraa akka qabaannu godhee nu uume; kunis uumamaan kaayyoo jireenyaa beekuuf hawwii guddaa qabna jechuu dha. (Maatewos 5:3) Fedhiin hafuuraa keenyas Uumaa keenya beekuu fi isaa wajjin hariiroo uumuu dabalata. Kitaabni Qulqulluun, “Gara Waaqayyootti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata” waan jedhuuf, Waaqayyo carraaqqii isa beekuuf goonu nuu eebbisa.—Yaaqoob 4:8.

 Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Waaqayyoo wajjin hariiroo uumuun isaanii jireenyi isaanii akka fooyyaʼuu fi jireenya gammachiisaa jiraachuu akka jalqaban akka isaan taasise isaanitti dhagaʼama. Waaqayyoon beekuun jireenya rakkina irraa walaba taʼe akka jiraattu taasisa jechuu baatus, ogummaan isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu wantoota armaan gadii akka argattu si gargaara:

 Dhaabbileen amantii hedduun Kitaaba Qulqulluutti akka fayyadaman kan dubbatan taʼus, barumsa achi keessa jiru hojii irra hin oolchan. Karaa biraatiin immoo, amantii dhugaan barumsa Kitaaba Qulqulluu sirriitti kan hordofu siʼa taʼu, Atis Waaqayyoon akka beektu si gargaara.