Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bara Baraaf Jiraachuu kan Dandeessu Akkamitti?

Bara Baraaf Jiraachuu kan Dandeessu Akkamitti?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaabni Qulqulluun: “Namni fedhii Waaqayyoo raawwatu . . . bara baraaf ni jiraata” jechuudhaan abdii kenna. (1 Yohaannis 2:17) Maarree Waaqayyo maal akka gootu si irraa eega?

  •   Waaʼee Waaqayyoo fi Ilma isaa Yesuus baradhu.

     Yesuus kadhannaa Waaqayyoof dhiheesse irratti: “Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si isa Waaqa dhugaa tokkicha taatee fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu” jechuudhaan dubbateera. (Yohaannis 17:3) Waaqayyoo fi Yesuusiin ‘beekuun’ maal dabalata? Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi ergaa isaa jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuudhaan isaan beekuu ni dandeenya. a Kitaabni Qulqulluun waaʼee ilaalcha Yihowaa isa Uumaa keenya taʼee fi jireenya namaaf kennuu nu barsiisa. (Hojii Ergamootaa 17:24, 25) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun waaʼee Ilma isaa Yesuus isa “dubbii jireenya bara baraa” barsiisee ni dubbata.—Yohaannis 6:67-69.

  •   Aarsaa furii Yesuus irratti amantii qabaadhu. Yesuus gara lafaa kan dhufe ‘warra kaan tajaajiluu fi lubbuu isaa namoota hedduudhaaf furii godhee kennuufi dha.’ (Maatewos 20:28) Aarsaan Furii Yesuus namoonni bara baraaf lafa Jannata taatu irra akka jiraataniif karaa baneera. b (Faarfannaa 37:29) Yesuus, “Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennuufitti addunyaa kana baayʼee jaallateera” jechuudhaan dubbateera. (Yohaannis 3:16) Akkasumaan Yesuusitti amanuu caalaa wanti barbaachisu akka jiru hubadhu. Barumsa Yesuus barsiisee fi fedha Abbaa isaa wajjin haala wal simuun jiraachuuf filachuudhaan ‘isatti akka amannu’ argisiisuu qabna.—Maatewos 7:21; Yaaqoob 2:17.

  •   Waaqayyoo wajjin michummaa cimaa qabaadhu. Waaqayyo akka isatti dhihaannuu fi michuu isa akka taanu barbaada. (Yaaqoob 2:23; 4:8) Waaqayyoo bara baraaf jiraata. Inni matumaa hin duʼu, michoonni isaas akkasuma bara baraaf akka jiraatan barbaada. Karaa Dubbii isaa warra isa barbaaddataniif wanta hawwu yommuu ibsu, “Baruma baraanis garaan keessan gammadee haa jiraatu” jedheera.—Faarfannaa 22:26.

 

Bara Baraaf Jiraachuu Ilaalchisee Ilaalcha Dogoggoraa Jiru

 Ilaalcha Dogoggoraa: Carraaqqiin namoonni godhan jireenya bara baraa argamsiisuu ni dandaʼa.

 Dhugaa jiru: Malawwan yaalii fayyaa tokko tokko umurii namootaa akka dabalan kan abdachiisan taʼus, carraaqqiin akkasii kun jireenya bara baraa argamsiisuu hin dandeenye. Jireenya bara baraa nuuf kennuu kan dandaʼu Waaqayyo qofa dha. Sababiin isaas ‘burqaan jireenyaa’ isa qofa dha. (Faarfannaa 36:9) Inni ‘raawwatee duʼa akka balleessuu’ fi namoota amanamoo taʼan hundaaf jireenya bara baraa akka kennu waadaa galeera.—Isaayaas 25:8; 1 Yohaannis 2:25.

 Ilaalcha Dogoggoraa: Namoota sanyiidhaan muraasa taʼan qofatu jireenya bara baraa argata.

 Dhugaa jiru: Waaqayyoo loogii hin raawwatu. Kanaa mannaa, “saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.” (Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Namoonni sanyii hundumaa keessaa dhufanii fi aadaawwan gara garaa qaban Waaqayyoof kan ajajaman taanaan bara baraaf jiraachuu dandaʼu.

 Ilaalcha Dogoggoraa: Jireenyi bara baraa nuffisiisaa dha.

 Dhugaa jiru: Kennaan jireenya bara baraa Waaqa isa nu jaallatuu fi gammadoo akka taanu barbaadu irraa kan argamu dha. (Yaaqoob 1:17; 1 Yohaannis 4:8) Gammadoo taanee jiraachuuf hojii gaarii hojjechuu akka barbaannu beeka. (Lallaba 3:12) Waaqayyo namoonni bara baraaf lafa irra jiraatan hojii gammachiisaa fi gaarii isaaniinis taʼee warra kaan fayyadu akka qabaatan abdii kenneera.—Isaayaas 65:22, 23.

 Hunda caalaa immoo, namoonni bara baraaf jiraatan wanta haaraa waaʼee Uumaa isaanii fi hojiiwwan uumama isaa warra guguddaa taʼan barachuu isaanii itti fufu. Inni ilmaan namootaa fedhii bara baraaf jiraachuu fi waaʼee isaa beekuu akka qabaatan godhee kan uume taʼus, ‘wanta Waaqayyo jalqabaa jalqabee hamma dhumaatti hojjete, beekuu hin dandaʼan.’ (Lallaba 3:10, 11) Kanaafuu, warri bara baraaf jiraatan yeroo hunda wanta gammachiisaa baratanii fi raawwatan qabaatu.

a Dhugaa Baatonni Yihowaa kaffaltii malee namoota Kitaaba Qulqulluu ni barsiisu. Odeeffannoo dabalataa argachuuf viidiyoo Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu Akkamitti Geggeeffama? jedhu ilaali.

b Mata duree “Yesuus ni Fayyisa—Akkamitti?” jedhu ilaali.